Filannoo Ameerikaa 2020: Haalaafi amalli Tiraamiifi, Baayidan dargaggummaa hanga maanguddummaatti maal fakkaata?

Madda suuraa, Getty Images / BBC
Pirezedaanti Doonaald Tiraamp maanguddoo umuriin isaa ganna 74ti. Joo Baayidan ammoo ganna 77.
Jarri kun lamaanuu muuxannoofi mudannoo waggoota dheeraa kuufatan qabu.
Jireenyi siyaasaafi dhuunfaa kaadhimamotoota kanneenii waggoota 70 ol dabarsan keessatti maal akka fakkaatu yoo sonamu kana fakkaata.
Suurawwan jireenya dargaggummaarraa kaasanii hanga gaheessummaatti keessa darban agarsiisan filataman kunneen waan hedduu himu.

Umurii ganamaa

Madda suuraa, Alamy
Doonaald Joon Tiraamp yeroo Waraanni Addunyaa Lamaffaa jalqabuuf jedhutti bara 1964 dhalate. Maatii isaatiif dhala afraffaadha. Abbaan isaa Fireed Tiraamp Niiwu Yoork keessatti dureessa beekamaafi abbaa qabeenyaa riil isteetiidha. Haati Doonaald Tiraam ammoo Marii Annee Makli'ood Tiraamp jedhamti.
Maatiin isaa qabeenya guddaa qabaatanillee, Doonaald Tiraamp kampaanii abbaa isaa keessatti hojii gadi deebituu hojjechuuf dirqamaa ture.
Mana barumsaa keessattis amala badaa waan agarsiisuun rakkisaa tureef abbaan isaa umurii waggaa 13 osoo jiruu mana barumsaa loltummaatti isa erge.
Obboleessa isaa angafti, Fireed, paayiletii ta'uu waan barbaadeef Yunvarsiitii Pensilveeniyaatti erga baratee booda hojii biizinasiitiin bakka abbaasaa nama bu'u ta'e.

Madda suuraa, Alamy
Jooseef Roobinnet Baayidan Jr bara 1942 Pensilveeniyaa bakka Sikiranton jedhamutti dahalate. Maatii Ayirish-Ameerikaa ta'an ijoollee afuri qaban keessaa isa jalqabaati. Rakkoon guddaan Joo Baayidan yeroo dargaggummaa isa keessa darbe rakkoo dubbachuu dadhabuu ture.
Giingee waan tureef yeroo sadarkaa lamaffaa barataa turetti babbisuu isaatiif itti kolfamaa ture; rakkoo kanarraa kan ka'eenis yeelloo baayyee isa cabse keessa ture. Baatii hedduuf of ilaalee duratti akkaataa itti dubbatan dhimmamee shaakaluu isaatiinis rakkoo kana mo'achuu danda'eera.
Baayidan jalqaba Yunvarsiisii Dilwaareetti barate. Booda ammoo mana barumsaa seeraa Yunvarsiitii Siraakuusitti barate.
Boodarra haadha warraasaa jalqabaa Ne'iliyaa fuudhee, Wilmingitanitti hojii siyaasaa jalqabe.

Baroota 1970moota keessa

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp osoo gara kampaanii abbaa isaa Fireed Tiraampitti hin makamiin dura maallaqa "xiqqaa", $1m, abbaa nisaarraa liqaan argateen biizinasii jalqabuu dubbata. Yeroo sana pirojektoota manneen jireenyaa Magaalaa Niiwu Yoork keessa jiran sirriitti irratti hojechuun adeemsa keessa gara kampaanii guutummaatti to'achuurra gahe. Bara 1971 ammaa maqaa kampaanichaa Dhaabbata Tiraamp jechuun irra deebiin moggaase.
Waggaa ja'aan booda Doonaald Tiraamp haadha warraa isaa jalqabaa, Ivaanaa Zelnikoovaa, fuudhe. Haati warraa isaa jalqabaa kun hidda sanyuu Cheek irraa yoo taatu atileetiifi moodelii turte. Gaa'ela isaa jalqabaarraa Doonaald Jr, Ivaankaa fi Erik ijoollee jedhaman horateera. Erik yeroo ammaa Dhaabbata Tiraamp kan hogganaa jirudha.

Madda suuraa, Getty Images

Joo Baayidan bara 1972 filatamee Seeneetii US keessatti teessuma isaa qabachuuf yeroo hawwii guddaan eeggachaa jirutti seenaa gaddisiisaa tokkotu uumame. Haati warraa isaafi intalli isaa dhalattuu reefuu taate , Naahomiin, balaa konkolaataan lubbuun isaanii darbe. Ilmaan isaa Biiwuufi Huntar ammoo cimaa madaa'an.
Baayidan yeroo sanatti senaatara Paartii Dimokiraatawaa ta'uun hospitaala ilmaan isaa walaanaa jiru keessa taa'uun kakuu raawwatan.

Baroota 1980moota keessa

Madda suuraa, Joe McNally / Getty Images
Baroota 1970 gara dhumaa keessa, Tiraamp hawwiifi fedhii hojii biizinasii isaa guddisuun manneen jireenyya Biruukiliiniifi Kiqiinsitti hojjetu ballisuun gara gamoo 'na argaa' jedhu odola Manhataan ijaaruutti guddate.
Bakka sanattis qabeenya Tiraamp beekamaadha jedhu Tiraamp Taawar, gamoo darbii 68 qabu ijaarsise. Gamoon kun bara 1983 baname.
Isaan boodas qabeenywwaan gurguddoon maqaa Tiraampiin baayyachuun biraandii addaaatiin gurra miidiyaa argachuu jalqaban.
Haata'u malee, wanti harki isaa tuqe martinuu gara warqeettti jijjiiramaa hin turre. Yaaliiwwan Tiraamp biizinasii keessatti taasisaa turan keessaa afur kasaaraa guddaa irraan gahanii turan.

Madda suuraa, Arnie Sachs / Getty Images
Baayidan turtii isaa waggoota 14 Waashingitan keessatti taasisaniin du'aatii haadha warraa isaafi intala isaatiin booda jireenya dhuunfaa isaa deebiyee ijaarrate. Barsiistuu mana barumsaa kan taate Jiilii Jaakoobsiin fuudhe, ishee waliin ammoo daa'ima biraa Ashlii jedhamu godhate.
Baayidan bara 1987 keessa pirezedaantummaa US dorgomuuf turee boodarra keessaa bahe. Sababii inni keessaa baheefis jecha/yaada nama gaggeessaa Labar Paartii Biriitish, Niil Kinook, hayyama malee dubbii isaa keessatti fayyadameera himannaa jedhuun walqabateeti.

Bara 1990moota keessa

Madda suuraa, Getty Images
Qabeenya qofaa horachuun Tiraampiif gahaa hin turre. Gara seektara bashannanaattis ce'eera. Bara 1996 dorgommii miidhaginaa kanneen Miss Universe, Miss USA, fi Miss Teen USA jedhaman qopheesseera. Jireenya dhuunfaa isaatiin erga haadha warraa isaa Ivaanaa waliin adda ba'anii taatoo fiilmii Maarlaa Maplee bara 1993 fuudhee ture.
Bara 1999 osoo wal hin hiikiin dura intala Tifaanii jedhamtu waliin godhataniiru. Baruma 1999 kana keessa ture abbaan Tiraamp kan du'aan boqotan.
Yeroo sanatti, " Abbaan kiyya hamilee kiyya" jedhee ture.

Madda suuraa, Wally McNamee/ Getty Images
Onokoloolessa 1991 yeroo falmiin cimaan Mana Murtii Waliigalaa USf Kileeraansi Tomaas muuduuf gaggeeffamaa turetti ijo ummataa TV irra ture. Yeroo sana duraa Koree Dhimma Seeraa kan ture Joo Baayidan akka inni itti kora sana gaggeesse qeequmsa irratti kaasee ture.
Isaafis Joo Baayidan gaaffiifi deebii Ebla 2019 TV irratti taasiseen dhiifama gaafatee ture.

Baroota 2000moota keessa

Madda suuraa, Ron Galella / Getty Images
Bara 2003 keessa Tiraamp TV shaw irrattis milkaa'uudhaan abbaa qabeenyaafi nama miidiyaallee ta'uun guurra guddaa horate.
Hojii biizinasii isaa cinaatti TV Shaw irrattis sagantaawwan 14 walitti aansuun dhiyeessa qofaarraa walumaagalatti $213m argateera.
Osoo kanaan jiruu bara 2005 keessa, haadha warraa isaa yeroo ammaa kana, Melaaniyaa Tiraamp waliin gaa'ela dhaabbatan. Melaaniyaan moodelii dhalootni ishii Yugoozilaaviyaa taatedha. Gaa'ela isaanii kanaan ilma tokko maqaan isaa Baaroon Wiiliyaam Tiraamp jedhamu qabu.

Madda suuraa, Joe Raedle / Getty Images

Baayidan bara 2008 keessas pirezedaantummaaf dorgomuuf yaalee hin milkaa'iin hafe. Baruma sana Hagayya keessa garuu Baraak Obaamaan itti-aanaa isaa godhee filachuu isaatiin Baayidan addunyaatti beekamuu danda'eera.

Bara 2010moota keessa

Madda suuraa, Carlos Barria / Reuters
Tiraamp akka dorgommii pirezedaantummaatti hirmaachuun Waayit Hawus galuuf fedhu kan ifatti barame bara 2015 ture. Dorgommii inni pirezedaantummaaf taasisu garuu dubbii inni bara 2005 dubartoota ilaalchisee dubbate gufuu itti taate. Miseensota paartii isaa keessaa osoo hin hafiin namni kun Waayit Hawus nama seeenuu danda'u miti jechaa turan.
Haata'u malee, humna isa deggaranitti osoo walirraa hin kutiin akkas jechuun dubbata ture. 'Yoo ani lama nama hin dubbachiisu ta'e na ilaalaa' jechaa ture. Kun ammoo morkattuu isaa kan turte Hilaarii Kilintan akka qabxii irratti lakkoofsifatan yaadaa ture. Pirezedaantummaaf dorgomuun koo ilaalcha siyaasaa moofaa " sochootoo Waashingiteen keessa jiranii sana gogsee" isaan raasa jedha ture.
Akkuma jedhe faallaa timaama hedduu, filannoo 2016 gaggeeffame keessa injifate. Amajji 20, 2017 Pirezedaantii Ameerikaa 4ffaa ta'uun muudame.

Madda suuraa, Michael Reynolds / Getty Images
Qophii addaa osoo hin eegamiin taasifame tokkoon guyyaa isaa xumuree yeroo bahutti Baaraak Obaamaa Medaaliyaa Pirezedaantummaa Joo Baayidan badhaase.
Bashaasichi ammoo biyyattii keessatti badhaasa kabaja guddaa qabudha.
Turtiin Obaamaa waliin qabaatan yeroo gaarii ture garuu yeroo gaddaas ture Joo Baayidaniif. Bara 2015 keessa ilmi isaa Biiwuun umurii waggaa 46n kaanseriin jalaa du'e.

2020

Madda suuraa, Win McNamee / Getty Images
Duulli Pirezedaanti irra deebiyuun filatamuuf taasisu hanqina weerara koronaavaayirasii to'achuurratti agarsiise jedhameefi ofii isaallee dhibee kanaan itti qabametti gaggeeffamaa jira.
Haati warraa isaa Melaaniyaa Tiraampiifi ilmi isaa Baaronillee koronaavaayirasiin qabamanii turan. Hojjetoonni Waayit Hawus hangi tokkos dhibee kanaan qabamnii turan.
Guyyota filannoo Sadaasa 3 dura jiran keessatti, Tiraamp kutaaleen biyyattii murteessoo ta'aniifi dorgommiin itti cima jedhametti hiriira gurgudda baasaniiru.

Madda suuraa, Roberto Schmidt / Getty Images
Jarri pirezedaantummaaf dorgoman kunneen lamaan garaa garummaan isaan dhimma koronaavaayirasiirratti qaban baayyee gadi fagoodha. Baayidan akka itti Pirezedaanti weeraricha to'achuuf yaalu warra dhibee kanaan miidhameef "arrabsoodha£ jedha.
Lammileen Ameerikaa miliyoona 100 ta'an durasnii sagalee kennaniiru. Lakkoofsi namoota sagalee kennanii kun seenaa haaraadha jedhameera.
Photos are subject to copyright.

















