Filannoo Ameerikaa 2020: Boqonnaan dhumaa filannoo Ameerikaa maal fakkaataa?

Madda suuraa, Reuters
Lammileen Ameerikaa filannoo pirezedantumaa seenaa keessatti morkiifi garaa garummaa cimaan irratti mul’ate eenyuun akka filatan baruudhaaf saatii murtaa'anitu hafa.
Wayituma yeroon gababaa hafee jiru kanattis Doonaald Tiraampiifi morkataasaanii Joo Baayidann keessaa nama isaaniif ta’uuf sagalee kennaa jiru.
Amma yoonatti namoonni miliyoona 100 tti dhiyaatan sagalee isaanii dursanii kennaniiru, filannoon kun jaarraa tokko keessatti namooonni hedduun kan irratti hirmaataniidhas.
Kun otoo kanaan jiru, morkattootni filannicha lamaanuu kutaalee bulchisoota filannichaaf murteessaa ta'an (swing states) hiriira deeggarsa isaaniif bahamerratti argamaniiru.
Sagaleen filannoo dura akka biyyalessatti sassaabame akka agarsiisutti, Mr Baayidan deggarsa argachuun Tiraamp dursaa jiru. Kutaalee Ameerikaa filannicha murteessanitti garuu deeggarsi argatan hedduu walitti dhiyaata.
Filannoo Ameerikaarratti namooonni sagalee kennaan morkii akka kutaalee bulchiisa isaanitti jiru malee kan akka biyyaatti jiru hin murteessan.
Kutaalee bulchiinsota Ameerikaa filannoon morkii jabduun Kibxata eegalame keessatti bulchiinsonni; Kaaba Kaarolaayinaa, Ohaayoo, Filooredaa,Mchigaan, Peensilvaniyaa fi Wiskaansan ni argamu.
Pirezedantii Ameerikaa ta’uun kadhimamaan filatamu sagalee Illektoraal kolleejjii 538 keessaa yoo xiqqaate 270 argachuu qaba.
Sirni kun akka agarsiisutti, kadhimaamaan dorgommichaa sagalee akka biyyaleessaatti caalmaa qabu argatus, filannicha akkuma Hilarii Kilinteen bara 2016tti injifatamuu mala jechuudha.
Duula filannoo baranarratti weerarri koronaavaayirasii dhiibbaa jabduu uumera. Torban filannoo gara xumuratti weerarri vaayirasichaa itti hammaateera.
Ameerikaan biyya lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii, fi du’aanii kutaalee addunyaa kamiyyuu caalu galmeessite. Kunis lakkoofsi namoota dursa filatanii fi karaa poostaa sagalee kennanii akka dabalu taasisera.
Baayidaniifi Tiraamp duula filannoo xumuraa eessatti taasisan?
Wiixata pirezedant Tiraamp kutaalee bulchiisota Ameerikaa morkiin itti hammaatu dhaqaniiru.
Kaaba Kaarolayinaatti deeggartoota isaaniitiin‘’Seena biyya keenyaa keeessatti barri dhufu bara dinagdeen keenya caalatti guddatu’’jedhan.
Ogeeyyiin dinagdee garuu weerara vaayirasiin dinagdeen caalatti miidhamuu mala jedhanii yaadda’u- Waggoota 80 ol keessatti kufaatiin dinagdee Ameerikaa mudate keessaa bahuun yeroo waggootan lakka’amu fudhata jedhu.
Tiraamp iddoon dhaqan keessa tokko Peensailvaaniyaadha. Morkataan isaanii Baayideen amma umriin isaanii ganna 10 tti iddoo kana jiraataniiru. Iddoo kana Baayideen deeggarsa argachuun dursaa jiru garuu,Tiraamp akkuma bara 2016 injinfadhetti, nan injifadha jedhanii deeggartoota isaaniitti dubbatan.
Mr Baayidenis gara Peensilvaaniyaa wayita dhaqan weellistuu Leedii Gaagaatu hiriira Pittisburg irratti itti dabalamteetti.
Ohaayootti Mr Baayideen dhaamsa duula filannoo isaanii irra deebi’anii dubbatan.
Akkasillee jedhan’’dorgommichi dhimma lubbuu Ameerikaati’’jedhanii deeggartootasaaniitti himan. Itti dabaluun, yeroon Tiraamp ‘’borsaa isaa xaxatu gaheera’’jedhan.
Wiixata Mr Tiraamp Michigan magaalaa Tiraversi fi Kenoshaa Wiskaansanitti hiriira deeggarsaa baasan.
Kenoshaan poolisiin nama gurracha tokkotti rasaasa dhukaase ji’oota muraasa dura iddoo jeequmsi itti mudate turte.
Sa’aatiiwwan muraasan dura Tiraamp sagaleen karaa poostaan Pensalvaaniyaatti kennamu ‘burjaaja’insa uuma’ jedhanii barreessinaan,Feesbuukii fi Tiwitarrii barreeffamasaaniitiin‘’nama dogoggorsiisu barreefame‘’mallattoo jedhu itti maxxanseera.
Barreeffama isaanii kanatti sagaleen karaa poostaa kennamu maaliif akka amansiisaa ta’e ibsu itti maxxanseera.
Firiin filannoo yoom barama?
Filannoo Pirezedantummaa booda sagalee kenname tokko tokkoon lakka’uun guyyoota hedduu kan fudhatu ta’ullee, guyyaa itti aanu barii eenyu akka filannicha injifate baruun kanuma jirtu.
Bara 2016 Tiraamp waltajjii Niw Yoorkitti bahuun haasaa injifannoosaanii deeggartoota isaanii walitti qabamaniitti labsuuf turan,qondaaltonni biyyatti akeekkaachisaa turan.
Filannoo baranaas karaa poostaan waan kennameef guyyootaaf ykn torbanootaf turu malaa jedhamee yaadama. Bara 2000tti firiin filannoo sa’aatiiwwan muraasa keessatti otoo hin baramiin ture, Manni murtii olaanaa biyyatti ji’a tokko amma himutti namni filannicha injifate otoo hin baramiin tureera.
Kana malees, firii filannoo bulchiinsonni kutaalee Ameerikaa gabaasurratti garaagarteen ni jiraata ,Bulchiinsotni muraasni firii filannoo lakka’anii goolabuun amma torban tokko itti fudhachuu mala jedhameera.
Kaadhimamtoonni lamaan garaagartummaa akkamii qabu?
Kaadhimantoonni lachuu dhimmoota ijoorratti garaa gartee qabu. Yeroo duula filannoo dhimma Covid-19 irratti wal dhabaniiru.
Mr Tiraamp morkaatan isaanii Baayideen uggara sochii labsuun dinagdee biyyattii deebisee cufuufi jedhanii himatu.Garuu dhimma kanarratti Tiraamp saayintistoota biyyaatti ijoorra deeggarsa hin qaban.
Mr Baayideen immoo saayinsiin waan jedhu akka fudhatan kaasuun, deebiin Tiraamp weerara dhibichaarratti kennaan aarsaa lubbuu namoota heddu baasiseera jedhanii falmu.
Jijjirama qilleensa baramaa dhimma ilaallaturratti,Mr Tiraamp maddeen anniisaa hin haaromfamne babal’isuurratti hojjachuu fedhu, Tiraamp waliigatee jijjiramaa qilleensaa baramaa Paaris keessa biyyasaanii baasurraa nama hin deebineedha.
Mr Baayideen garuu, waliigatee jijjirama qilleensaa baramaa Paarisitti Ameerikaa deebisuu barbaadu. Kana malees, faalama qilleensaa Ameerikaan gara qilleensaatti gadhiiftu bara 2050tti zeerootti gadi buusuu barbaadu.
Dinagdeerratti, Mr Tiraamp taaskii galii(income tax) xiqqeessuun fi kaampanoonni akka carraa hojii uumaniif jajjabeesssituu(incentivize) kennuufii barbaadu.
Mr Baayideen garuu investimeentii tajaajila hawaaasa deeggaruuf taaksii warreen galii guddaa qabaniirratti dabaluu barbaadu.
Ta’us, taaksiin dabalamu namoota galii waggaatti $400,000 ol argatan qofa ilaallata jedhan. Kana malees, kaffaltiin dafqaan bultoota akka federaalaatti kaffalamu inni xiqqaan $15 akka ta’u barbaadu.
Pirezedaant Doonaald Tiraampiifi Joo Baayidan yeroo duula goolaban maal jedhan?
Pirezedaant Doonaald Tiraampiifi Joo Baayidan yeroo duula na filadhaa isaanii goolabanii lammilee Ameerikaaf ergaa dhumaa dabarsan arrabsoo itti makaniiru.
Doonaald Tiraamp morkataa isaa Joo Baayidaniin namni dilallaa'aa kun pirezedaantii keessan ta'uuf kan gitu miti; sammuun isaallee haala gaariirra hin jiru jedhan..
Joo Baayidan ammoo gamasaaniin, Tiraamp shaanxaasaa baachisuun manasaatti gaggeeffamuu qaba jedhan.













