Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp eenyu?

Doonald Tiraampi

Madda suuraa, TIME/GETTY IMAGES

Donaald Tiraamp pirezdaantii Ameerikaa 45ffaa ta'uun kan filatame bara 2017tti. Amma marsaa lammaffaaf Waayit Haawus turuuf har'a dorgommii isa xumuraa Joy Baayiden waliin taasisu.

Filannoon pirezedaantummaa Ameerikaa kun adunyaa guutuu irratti haalaan eegama. Filannoo darbe Hiilaarii mo'atan irratti Raashiyaan filannicha gidduu galteetti jedhamuun qorannoo hedduutu gaggeeffamaa ture.

Ameerikaan koroonaavaayirasiin miiidhamaa jirti. Pirezedaantichi irra caalaa carraa hojii fi dinagdee biyyattiif akka xiyyeeffannoo kennan himu. Morkataan isaanii Joy Baayiden dhimma fayyaa irratti xiyyeeffachuun dubbataa turan.

Guraandhala 02 irraati garuu seenaataroonni Ameerikaa ragaalee Pireezidant Tiraampiin aangoorraa buqqisuuf dhiyaatan erga caqasanii booda Tiraamp sagalee caalmaa argachuun himata kanarraa bilisa bahaniiru.

Tiraamp seenaa Ameerikaa keessatti Pireezidantii sadaffaa yeroon isaanii osoo hin xumuramiin himatni irratti dhiyaatee aangoorraa akka ka'an sagaleen irratti kenname ta'aniiru.

Doonaald Tiraamp yeroo baayyeetti haasaa nama dheekamsiisuu dubbachuu fi ilaalchi inni dubaartootaa, baqattoota fi Musliimotaaf qabu kan tuuffiidha jedhamuun qeeqama.

Haata'u malee Donaald Tiraamp eenyu?

Fireed Tiraampifi Hadha warraa isaaa

Madda suuraa, Ron Galella

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaafi haadha Tiraamp

Maatii

Donaald Triimp A.L.A Bara 1946tti Ameerikaa magaalaa Niiw Yoork, Kuuwiins keessatti dhalate. Abbaa isaa Fireedrik Tiraampi fi haadhasaa Meerii Makleediif ijoollee shan keessaa mucaa arfaffaadha.

Abbaan Doonald, Fireedrick nama hojii ijaarsaa manneeniifi gamoowwanii irratti hojjatu ture. Keessumaa naannoo Kuwiins, Istaten Ayilaandiifi Biruuklanitti hedduu beekamaa ture.

Harmeen Tiraamp, Meerii Makleed, bara 1929tti shamarree ganna 17 taatee Toongi , Iskootlandirraa gara Ameerikaatti godaante. Isheefi Fireed bara 1936tti bultoo dhaabbatani. Qabeenyi maatii kanaa akka dabalaa deemeen Meeriin tola ooltuufi beekamtu magaalaa Niiw Yoorki taate.

Abbaan Trump bara 1999ti harmeen isaa ammoo waggaa itti anutti addunyaa kanarraa boqotan.

Doonald Tiraampi

Madda suuraa, Joe McNally

Baruumsa

Tiraamp ganna 13 irraa eegalee mana barumsaaa Waraanaa New York Military Academy keessatti baratee. Baruumsatti qaxalee kan ture Tiraamp bara 1964tti yeroo eebbifame hogganaa barattootafi atleetii cimaa mana barumsichaa ta'eeti!

Bara 1968tti yunivarsitii Pensalveeniyaa irraa barumsa Ikkonomiksiin digrii isaa argate.

Doonald Tiraampifi hadha warraa isaa Melaniyaa

Madda suuraa, ANDREW CABALLERO-REYNOLDS

Gaa'eela

Tiraamp hanga ammaatti bultoo sadii fi ijoollee shan horateera.

Hadha warraa isaa ammaa Melaaniyaa kan duraan moodeelii Islooveniyaa turte waliin Traamp kan bultoo ijaarrate bara 2005tti. Bara 2006tti ilma isaa isa dhumaa Barron William waliin horataniiru.

Tiraamp hadha warraa isaa Meelaniyaa waggaa 23'n hangafa.

Doonald Tiraampifi hadha warraa isaa jalqaba Ivaanaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonald Tiraampifi hadha warraa isaa jalqaba Ivaanaa

Bara 1977 Tiraamp hadha warraa isaa jalqabaa Ivaanaa waliin bultoo dhaabbate ijoollee sadii Donald Trump Jr., Ivanka fi Eric waliin horataniiru.

Gaa'eelli isaanii hawaasatti haala ifa ta'een bara 1992tti wal hiikani.

Hedduu osoo hin turiin Tiraamp gaa'eela isaa lammaffaa bara 1993tti Taatee Marla Maples jedhamtu waliin dhaabbate.

Kanaan dura haariiroo Maarla waliin qabuun mucaa Tiffany jedhamtu waliin godhateera.

Bara 1999tti garuu bultoon kunis diigamee Tirmaap maallaqa hikkaa doolara miliyoona 2 Maarlaaf kaffaluun gargar ba'aniiru.

Maatii Doonaldi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Amantaa

Tiraamp harmee isaa amantaa Piresbeteriyaan hordoftuu jalatti kan guddate ta'us ofii garuu amantaa Pirootestaanti duraa akka hordofu hima.

Doonald Tiraampi

Madda suuraa, Bill Tompkins

Hojii

Sana booda Traamp hojii ijaarsaa gamoo gurguddoo Manhaataan irratti hirmaachuu eegale. Bara 1980tti gamoo Grand Hyatt New York jedhamu banuun daldalaa beekamaa magaalatti ta'e.

Bara 1987tti Tiraamp Kitaba 'Art of the deal' jedhamu barreessaa Tonii Sikawatiz waliin barreesse. Kitaaba kana keessattti Tiraamp akkamiin waliigaltee daldalaa milkaa'aa akka taasisu hima.

Dorgomaa WWE fi Tiraamp

Madda suuraa, Leon Halip

Tiraamp dabalataan hoji bashannaanaa keessatti bal'inaan hirmaachaa ture. Bara 1996 hanga 2015tti abba qabeenyaa qophii wal dorgommi bareedinaa Miss Universe, Miss USA, fi Miss Teen USA ture. Bara 2003tti ammoo sagantaa tv 'The apprentice' jedhamu kan dorgomtoonni hojii hoggantummaa dhaabbata Tiraamp keessatti argachuuf wal dorgoman eegale.

Donaald Traamp Filmoota akka Home alone 2 Lost In New York fi Zoolander dabalatee filmoota 15 ol irratti taatee ta'ee hojjateera. keessati akka ofiisatti ta'uun hojjateera.

Dabalataaniis qophii TV wal dorgommii wallaansoo WWE jedhamu irrattis hirmaanna qaba ture.

Qabeenya Tiraamp

Tiraamp damee daldalaa hedduu karavataa hanga bishaan saamsametti gurguru qaba.

Tiraamp qabeenyi kun doolara biiliyoona 10tti tilmaama jedhus akka maxxansaa Forbes jedhamutti garuu qabeenyi isaa doolara biiliyoona 3.7 dha

Doonald Tiraampi

Madda suuraa, SAUL LOEB

Siyaasa

Doonaald Tiraamp feedhi pireesdaantummaaf dorgomu akka qabu kan jalqaba beeksise bara 1987tti ture. Filannoo 2000 irrattillee miseensa Paartii Riiformi jedhamuu ta'uun dorgomee ture.

Tiraamp piraasdaantummaaf dorgomuuf seeraan kan beeksise waxabajjii 2015tti.

Ammaa miiseensa paartii Rippaablikaani ta'uun galmaa'ee kan jiru Tiraamp waggoota 30 keessatti yeroo hudduu paartii geeddareera.

Bara 1987tti Tiraamp Rippaablika ta'e, waggaa lama booda 1989tti akka paartii of dandaa'atti galmaa'e. Bara 2000tti paartiii riformii galee 2001tti amma paartii dimookraattitti galmaa'e.

Bara 2009tti deebisee paartii Rippaanlikaa kan seene ta'us bara 2011ttiideebi'ee akka qaama of danda'atti amma galmee ture. Dhuma irratti bara 2012tti deebi'ee paartii Rippaaplikaa kan seene Tiraamp hanga ammatti miseensummaa isaa hin geeddarre.