Tiraamp himata aangoorraa isaan buqqisuuf dhiyaaterraa bilisa bahan

Pireezidant Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, AFP

Seenaataroonni Ameerikaa ragaalee Pireezidant Tiraampiin aangoorraa buqqisuuf dhiyaatan erga caqasanii booda Tiraamp sagalee caalmaa argachuun himata kanarraa bilisa bahaniiru. Duula gaggeessaa jiraniin gocha isaan himachuu kanaan 'kan hiika hin qabne' ittiin jedhaniiru.

Seeneetii Ripaablikaanota michuu Tiraamp ta'aniin hoogganamu kana keessatti Tiraamp himata aangootti humnaa ol fayyadamuurraa bilisa akka bahan sagalee 52-48, kan hojmaata Koongireesii danqu jedhuun ammoo 53-47 bilisa akka bahan murteeseera.

Filannoo Pireezidantummaa darbe irratti Yukireen dhiibbaa akka qabaattu gochuun kaadhimamtuu pireezidantii Dimookraatotaa danqaniiru jechuun Mudde darbe himatamanii turan.

Sadaasa dhufu marroo lammataaf Ameerikaa bulchuuf kan dorgoman Tiraamp Pireezidantii filannoof ji'oonnii yoo hafan aangoorraa buqqa'uuf himatni irrattii dhiyaate tures ta'aniiru.

Seeneetiin Ameerikaa dhimma filannoorratti Yukireen waliin hojjetaniiru isa jedhuuf Pireezidantiin Ameerikaa 45'ffa kun aangoorraa akka hin ari'amne sagalee lakkaahameen murteesse.

Himannaawwan lamaan irrattii sagaleen Seeneetiin kenne faallaa isa ammaa osoo ta'ee, Pireezidant Tiraamp itti aanaa isaanii Maayik Peensiif Waayita Haawusiin gadhiisanii bahu ture.

Pireezidant Tiraamp bilisa ta'uu isaaniirratti maal jedhan?

Pireezidant Tiraamp himatamuun isaanii erga dhagaahamee gocha badaa kamuu hin hojjennee jechuun himannicha haalaa turan.

Ibsi duula irra deebiin filatamuu ''Pireezidant Tiraamp guutummaan guutuutti bilisa amma haajaa lammiilee Ameerikaatti yeroo fuula naannessinuudha'' jedha.

''Dimookraatotni homaa hin hojjetiin jedhan waan mo'achuu hin dandeenyeef isa himataniis'' jedha barreeffamni kun. ''Gochi badaafi hiika hin qabne kun'' tooftaa filannoo Dimookraatotaatiis jedha.

Akka lakkaawwii Gaallupitti fudhatamni Tiraamp lammiilee Ameerikaarraa qaban torbee kana dabaluun 49% gaheera. Waayee himannaa kanarraa bilisa ta'uu irratti amamoo Kamisa har'aa yaada akka kennan tiwiitara irratti barreesaniiru.

Aangoottii hangaa ol fayyadamaniiru jedhamee himata irratti dhiyaaterratti Ripaablikaanota Seeneetii keessaa kan himaticha deeggarun sagalee kennan Miit Roomnii qofa dha.

Riipaablikaanotuma keessaa kanneen amala Tiraampiin qeeqan jiraataniis sadarakaa aangoorraa isaan buqqisuutti isaaniin hin gahu jechuun sagalee mormii kennaniiru.

Dimookraatota keessaa kanneen Tiraampiin deeggaru jedhamee abdiin irra kaahame sadii garuu akkuma jedhame Tiraamp akka aangoorra turan sagalee isaanii kennaniiru.

Tiraamp seenaa Ameerikaa keessatti Pireezidantii himatni aangoorraa buqqisuu irratti dhiyaate isaan sadaffaa dha.

Biil Kiliintaan bara 1999'tti akkasumas Andriiw Joonsan bara 1868 aangoorra akka turan murtaa'ee garuu filannoo marroo lammataan ala of godhaniiru.

Pireezidant Richaard Niksoon ammoo himatni eegalkamuu dursanii aangoo fedhaan gadhiisan.