Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'ootaa waraqaa haasawa Tiraampi qabu ciran

Madda suuraa, Reuters
Himannaan irratti banamee ture akka irraa ka'uuf wayita abdii godhataa dhufanitti haasawa kongireesiif kan taasisan Pirezidaanti Doonaald Tiraamp 'Ameerikaan iddoosheetti deebi'uu qabdi' jechuun cichanii dubbatan.
Haasawa waggaatti al tokkotti pirezidaantonni Ameerikaa kongireesii fuulduratti dhiyaachuun taasisan 'State of the Union address' kaleessa halkan kan taasisan pirezidaanti Tiraamp, dhimma waggoota arfan dhufan aangoorra turuu dubbii ijoo gochuun kaasaniiru.
Pirezidaantichi dhimma aangoorraa buqqifamuuf himatamuu isaaniirratti wayita dubbatan seera baastota qeequuf ija jabina dhabanillee garuu dimokiraatotarratti qoosaa turan.
Wayita Tiraampi haasawa taasisaa turanitti dubbiinsaanii kan nuffisiise Afa-yaa'iin mana Maree bakka Bu'ootaa Naansii Peloosii waraqaa barreeffama haasaa isaanii ofirraa qabu ciraa turan.
Pirezidaanti Tiraampi haasawa isaanii kana Mana Maree Bakka Bu'ootaa kan Dimokiraatonni itti heddummaatan fuulduratti taasisan.
Muddee darbe aangoorraa akka buqqifamaniif kan himate Mana Maree Bakka Bu'ootaati.
Kan Rippaabilikaanonni itti heddummaatan 'Seenetiin' garuu himati pirezidaanticharratti baname akka irraa ka'u gaafatan.
Wayita Tiraamp haasawa taasisan seera baastonni miseensa Rippaabilikaanotaa ta'an 'Waggaa afur dabalataan Tiraampiif'' jechuun dhaadannoo dahgeessisaa turan.
Tiraampii fi Naansii peloosii akkamiin wal dhaban?
Pirezidaanti Tiraampi jalqaba wayita galma seenan Afa-yaa'ii Naansii Peloosii harka fuuchuuf jedhanii qaana'an.
Afa-yaa'ittiin harka isaan fuuchuu erga didanii booda miseensonnis sirna simannaa kabajaa pirezidaantichaaf taasisuu didan.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaanti Tiraamp akka nyaapha siyaasaa isaaniitti kan ilaalan Aadde Naansii Peelosii erga ji'a afur dura Waayit Haawus keessatti waldhabanii as arganii hin beekan.
Wayita Tiraampi haasawa isaanii keessatti kafaltoonni gibiraa Ameerikaa tajaajila fayyaa bilisaaf akka gumaachan dirqamsiifamaa turan, kunimmoo karoora dimokiraatotaati jedhan, Naansii Peelosii afaanitti kutuun kun dubbii sobaati jedhaniin.
Isa booda waraqaa barreeffamaa pirezidaantichi erga haasawa isaanii xumuranii itti kennan cicciruu eegalan.
Erga sirni haasawaa xumurees wayita gaazexeessitootatti dubbatan hojii sirriin hojjedhe jedhan Naansii Peloosii.
Haasawa xuraawaa fi naamusa hin qabne waan tureef waraqaa barreeffama haasawaa sanaa cireera jechuun dubbatan.
Haasaan Tiraapi taasisan dimokiraatotaan akkaan qeeqamaara.
Bulchaan Kutaa biyyaa Mishigaan Gretchen Whitmer pirezidaantichi rakkoo furuu dhiisanii tuwiitaraan nama jeeqaa oolu jedhan.
Dimokiraatonni hedduun wayita Tiraamp haasawa taasisaa turan galma keessaa ba'aniiru.















