Teessoon Seeneetii Joorjiyaa siyaasa US baroota dhufanii akkamiin murteessa?

Duula Baayidan Atlaantaatti gaggeessan

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiifi kan haaraa filataman Joo Baayidan, teessoo Joorjiyaan Seeneetii keessaa qabdu dhaabni isaanii akka injifatu, kenna sagalee har'a xumuramu dursuun duula jabaa gaggeesan.

Filannoon kun dhaabni lamaan Mana Maree bakka Bu'oota Uummataa isa olaanaa, Seeneetii keessatti olaantummaa qabaachuuf murteessaadha.

Isteetni Joorjiyaa Seeneetii keessatti teessoo lamaan kan bakka buufamtu yoo taatu, Baayidaniifi Tiraamp teessoon Seeneetii kun siyaasa US waggoota dhufanii keessatti gahee olaanaa qabaata jedhan.

Jiraattootni Joorjiyaa miiliyoona sadii ta'an asiin dura sagalee isaanii kan kannan yoo ta'u, sagalee kennuuf kan galmaahan 60% ammoo guyyaa har'aa (Kibxata) sagalee isaanii kennu jedhamee eegama.

Filannoo kana kaadhimamtootni Dimookraatotaa lamaan yoo injifatan, kanaanis paartichi Seeneetiifi Waayit haawusiin harka ofiitti galfata jechuudha.

Kanaan dura Joorjiyaa irraa teessoo Seeneetii kan harkaa qaban kaadhimamtoota Ripaablikaanii Keeliiy Lofleer fi Deeviid Perduu teessoon isaanii Dimookraatotaan akka hin fudhatamne duulaa turan.

Filannoon Kibxata har'aa kun kan gaggeefame filannoo Sadaasa darbe gaggeefamee tureen kaadhimamaan sagalee 50% ol argate waan hin turreefi.

Teessoo Joorjiyaan Seenetii seenuu jechuun maali?

Teessoon kun aangoo dhaabbiileen lameen Seeneetii keessaa qaban madaalawaa godha.

Yeroo ammaa teessoo Seneeti 100 keessaa Ripaablikaanotni 52 qabu.

Joorjiyaattii Dimookraatotni yoo mo'an ammoo teessoon walqixa ta'a.

Kun ammoo pireezidantii itti aantuun Kamaalaa Hariis pireezidantii Seenetichaa ta'uun aangoo sagalee isheen murtee raggaasuu akka qabaattu godha.

Senaataroota Joorjiyaa irra deebiin mo'uuf dorgoman

Madda suuraa, Reuters

Seeneetiin hala kanaan guutamuun ajandaawwan Baayidan raaggisuu fedhan kanneen akka eegumsa fayyaa fi to'annoo jijjiirama qilleensaa kan Ripaablikaanootni morman rakkoo malee akka darbu carraa uuma.

Seeneetiin aangoo muudama kaabinee fi abbootii seeraa mormuufi raggaasuus qaba.

Kaadhimamtootni Dimookraatotaa yoo mo'atan, erga bara 2008 bara pireezidantummaa Baraak Obaamaatii, yerooo duraaf Seeneetiin, Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataafi Waayit Haawus harka Dimookraatotaa gala.

Atlaantaatti kan deeggartoota waliin wal argan Baayidan ''Joorjiyaa, biyyi guutuun isin eeguutti jira, aangoon harka keessan jira'' jedhan.

Tiraamp ammoo Daaltonitti bakka dhumaa Dimookraatota ofirraa ittifnudha jedhan.

''Addunyaa guutuun ilaalaa jira, kun carraa dhumaa Ameerikaa nuti jaalannu baraaruuf qabnudha'' jedhan Tiraamp, duula bara pireezidantummaa isaanii isa dhumaatiin.

Kaadhimamaan Dimookraatotaa Joorjiyaatti teessoo Seneetii erga injifatee waggootni 20 darbaniiru.