Chaayinaan akkan ani irra deebiin hin filatamne barbaaddi jedhan Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp kan waa'ee weerara Koronaaf Chaayinaa qeeqaa bahan ammaas Chaayinaan ‘’si’a lammaataaf akkan hin filatamne waan danda’an hunda hojjetuu’’ jedhan.
Waayit Haawusitti Rooyitarsii waliin turtii qabaatanii kan turan Tiraamp, sababa weerara Koronaan Beejiing Ameerikaa irraa dhiibbaawwan hedduun irra gahuu jedhan.
Chayinaan waa'ee dhibee kanaa daftee addunyaa beeksisuun irra turee jechuun qeeqa qeeqaa bahanii ammas isuma irra deebi’aniiru.
Isaan Chaayinaatti quba haa qabaniyyuu malee kaan ammoo isaanuu balaa kana to’achuuf waan irraa eegamu hin raawwanne jeddhamuun qeeqamu.
Filannoo pireezidantummaa ji’a torba booda gaggeefama jedhamee yaadamu irraatti irra deebiin filatamuuf ajandaa isaanii guddaa ta’a kan jedhamee jiru diinagdeen biyyatti weerara kanaan akkaan miidhameera.
Ji’oota darban hedduu Chaayinaa waliin daldala irratti wal atakaraa kan turan Pireezidant Tiraamp weerara Koroonaa kanarraa kana ka’e Beejing irratti tarkaanfii akkamii fudhatu kan jedhu hin beekamne.
Rooyitarsitti yoo himan ‘’wantootni ani gochuu danda’u hedduun jiru. Wanta ta’u ilaalaa jirra’’ jedhan.
‘’Warri Chaayinaa filannoo kana akka ani hin injifannee wanna gochuu danda’an hunda ni godhuu’’ jedhan.
Filannoo dhufu kana Beejiing kaadhimamaan Dimookraatotaa Ji’oo Baayiden akka injifatan barbaaddis jedhan Tiraamp.
Ragaa Ji’oo Baayidan Injifachuu akka malu akeeku nan shakkas jedhan.
‘’Sagaalee walitti qabame(poll) kana hin amanu. Uummatni biyya kanaa abshaala jedheen amana. Nama gahuumsa hin qabne filatu jedhee hin yaduu’’ jedhan.
Jimaata darbe yaada uummataa walitti qabameen Tiraamp injifatamuu akka malan akeekuu bahuu isaa booda, Pireezidantichi gorsitoota siyaasaarratti ka’aniiru.
Gorsitootni isaanii iddoowwan filannof murteessoo ta’an akka Filooridaa, Wiskoonsiniifi Arizoonaatti Tiraamp injifachuu danda’uu isaaniirraa shakkii qabu. Akka AFP’n jedhutti ammoo gareen filannoo isaanii irraa deebiif jaarame Michigaan irraas abdii kuteera.
Tiraamp ani Ji’oo Baayidaniin hin injifatamuu jechuun konferensii tokko irratti dubbataniiru.
Ji’a tokkoo oliif sababa weerara Koronaan Waayit Haawusitti kan daangeffamanii turan Tiraamp, uggura sochii kaahaman laaffisuun ofii isaaniis imala eegaluuf kan karoorfatan yoo ta’u, torbee dhufu Arizoonaatti imaluu jedhameera.
Ji’a dhufu keessa ammoo walgahiiwwan deeggarsaa deeggartootni kumoota hedduun irratti hirmaatan gochuuf karoorfachuus miidiyaaleetti himaniiru.
Yeroo ammaa namoota addunyarratti COVID-19’n qabaman miiliyoona 3 keessaa tokko sadaffaan Ameerikaa keessatti kan galmaahe yoo ta’u lakkoofsi namoota du’anii ammaoo 60,000 ol ta’era.
Duti torban jaha keessatti galmaahe kun waraana Veetnaam waggoota 20’f ture keessatt lakkoofsa lammiilee Ameerikaa du’anii ni caala.
Hojii dhabdummaan weerarri kun dhalachuu dura biyyatti keessaatti hedduu gadi bu’eera jedhamaa ture amma garagaltoo ta’ee, namootni miiliyoona 26 ta’an hojii dhabdoota ta’aniiru.
Ragaan Roobii dare bahe tokko ammoo diinagdeen US 5% gadi bu’uu akeekeera. Kuniis erga kufaatii diingdee addunyaa isa hamaa booda isa hammaataadha jedhame.














