Koronaavaayirasii: Addunyaa irratti namni 'biliyoona tokko' vaayirasiin qabamuu mala jedhe gabaasni

Children in a Syria refugee camp

Yoo biyyoonni caalaa saaxilamtoota ta'aniif deeggarsii hatattamaa taasifameen alatti, namoonni biliyoona tokko ta'an Covid-19n qabamuu danda'u jechuun akeekkachisee gareen gargarsaa tokko.

Koreen Baraarsa Addunyaa (IRC), tatamsa'ina vaayirasichaa hir'isuuf deeggarsi maallaqaafi namoomaa barbaachisaadha jedhe.

Akka koree kanaatti, ''biyyoonni waraanaan hubaman kan akka Afgaansitaaniifi Siriyaa keessatti weerara olaanaa hambisuudhaaf deeggarsa hatattamaa barbaachisa.''

''Weerarri hamaan yoo mudate deebii cimaa kennuudhaafis yeroon hafu baay'ee xiqqaadha'' jechuun akeekkachiseera.

Wayita ammaa kanatti adduyaarratti namoon COVID-19n qabaman miliyoona 3 ol cee'eera. Namoonni kuma 200 ol ta'an ammoo du'aniiru akka Yunivarsitiin Joons Hopkiins kan Ameerikaa keessaa jedhutti.

Gabaasni IRC kan ragaawwan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi Kolleejjii Imperiyaal kan Landan irratti irratti bu'ureeffate, addunyaa guutuutti namoonni miliyoona 500 hanga bilbiyoona tokkoo vaayirasichaan ni qabamu jechuun tilmaame.

Akkasumas biyyoota waraanni keessatti gaggeefamuufi tasgabbii hin qabaannee keessatti irra caalaa kan ta'e walumaagalatti namoonni miliyoona sadii ol akka du'an tilamaameera gareen kun.

''Lakkoofsi kunis akka waamicha dammaqsituutti tajaajilu qabaata'' jedhu Daavis Milibaand, Hoggnaan IRC.

''Ulfaatinni weerara kanaa reefu biyyoota waraanaan miidhaman keessatti dhagahama,'' kan jedhu IRC'n, "arjoomtoonni hatatamaan oggeessoota fayyaatiif deeggarsa barbaachisu gochuu qabu" jedheera.

''Motummoonnis wantoota deeggarsa namoomaa harkifachiisan dhabamsiisuuf waliin hojjachuu qabaatu.'' jedhe.

Biyyaan kan addda bahe

Addunyaarratti kan mirkanaa'e

Group 4

Maaloo gutummaatti arguuf barbaadduu keessan haaromsaa

Madda: Johns Hopkins University, aanga'oota naannoo

Lakkoofsa dhumarratti haaromfame 5 Adooleessa 2022 10:59 WD GMT+3

Presentational white space

Gareen US'tti buu'urreeffachuun miidhama namoomaatiif addunyaa guutuutti deegarsa taasisu kun, dhimmoonni akka baay'ina maatii, baay'ina ummataa, dandeettii kunuunsa fayyaa fi walitti bu'iinsa duraan turee hundi balaa weerarichaan qabamuu ni dabaluu jedheera.

Biyyoonni guddinarratti argaman hedduun baayyina infekshinii ykn du'aa gadi aanaa qabu, haa ta'u malee lakkoofsi qabatamaan isa kan caalu ta'u amanama.

Kaarolaayin Sargun, hoggantuun sagantaalee tola oltummaa wal'aansaa 'Doctors Without Borders (MSE) kan Yeman keessaa, dhaabbanni isaanii achitti namoonni Covid-19n du'aa jiru, garuu hospitaala keessatti miti malee jedhaniiru.

''Tatamsa'iinni vaayirasichaa biyya keessa deemaa akka jiru amansiifamnee jirra, garuu dandeeettiin qoratamu baayyee baayyee gadaanaadha,'' jechuun BBC'tti himtee jirti.

Koronaavaayirasiin namoota biliyoona tokko ni qaba

Seguun akka jettuutti, Yeman biyyi akka gabaasa IRC'tti kan akka biyya koronaavaayirasiif saaxilamoo taateetti kaa'amtee jirti.

''Sirni fayyaa diigameera. Dhugaatti ministeerri fayyaa biyyattii dhukkubicha dandamachu hin danda'u,'' jetti.

Rakkoo cimaan biyyoota guddataa jiraniifi kanneen tasgabbii hin qabne hedduun hanqiina meeshaalee wal'aansaa ittiin dhuukkubsattoota Covid-19 wal'anan qabu.

Afigaanstaaniifi Paakistaan keessatti, namoota miliyoona tokkoof ventileetarii kudhanii gadiitu argama. Naayijeeriyaa keessatti, lakkoofsi kun caalaa gara 0.8 gadi bu'aa namoota miliyoonaaf.

Addunyaarraa biyyi namootni hedduun vaayirasichaan keessatti du'an Italiin, namoota miliyoonaaf ventileetarii 80 qabdi turte jalqaba balaan kun eegaluutti.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa