Filannoo Ameerikaa: Abdiin Dimokiraatonni seneetii harka caalu dhuunfachuuf qaban hin milkoofne

Miseensota kongirasii Ayanaa Pireslii, Ilhaan Omaar, Aleksaandiriyaa Okasiyo - Korteez, akkasumas Rashiida Xalib

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota kongirasii Ayanaa Pireslii, Ilhaan Omaar, Aleksaandiriyaa Okasiyo - Korteez, akkasumas Rashiida Xalib

Miseensonni paartiin Dimokiraatotaa seneetii Ameerikaa harka caalu to’achuuf abdii eegaa turan dhabaniiru.

Kunis bulchiinsota yookiin isteetiwaan murteessoo keessatti morkattoota isaanii irra - aanuu waan dhabaniifi jedhameera.

Dimokiraatonni seneeti to’achuun ajandaa pirezedantii haaraa filatamanii tumsuuf ykn danquu isaan dandeessisa.

Filannoo Ameerikaa morkiin cimaan irratti mul’ate kanarratti Dimokiraatonni Seneeeti keessatti iddoo Rippaabilkanoonni teessoo harka caalmaa 53 fi 47’n keessatti qabatan jijjiruu abdatu ture.

Paartichi seenetii keessatti teessumaa olaanaa afur to’achuu abdatu ture, haata’u malee bakka buutota Rippaabilikaanotaan qabameera.

Haa ta'u malee, Mana Maree Bakka Bu'otaa US'tti gara caalu to'achuuf jiru.

Hanga sagaleen filannoo lakka'amee xumuramutti garuu firiin mana maree lamaan biyyattii yeroof beekamuu dhabuu mala.

Sagalee hanga ammaa kennameen Baayidan sagalee 243'n dursaa yoo jiran Tiraamp 214 itti aanu.

Bulchinsoota US shantama keessaa bu'aan filannoo bulchiinsoota torbaa lakkaa'amee hin dhumne.

Bulchiinsota bu'aan filannoo lakkaa'amee hin xumuramne keessaa pensalveniyaa, Winkonsin, Jorjiyaafi Michigaan keessatti argamu.