Baayidan dhimma nageenya biyyaarratti odeeffannoo argachaa hin jiru jechuun komatan

Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters

Injifataan dorgommii pireezidantummaa US, Joo Baayidan ejensiiwwan nageenya biyyaalessaaf murteessoo ta'an sirna bulchiinsaa Tiraamp harkatti akkaan miidhamaniiru jedhan.

Baayidaniifi gareen isaanii aangoo fudhachuuf yeroon torban sadii wayita hafetti odeeffannoowwan barbaachisoo kanneen akka muummee ittisa biyyaarraa yeroo yeroon dhiyaachuufiin irra jiru isaan gahaa akka hin jirre komataniiru.

Baayidan Amajjii 20 aangoo kan fudhatan yoo ta'u Tiraampi injifatamuu isaanii amanuu didaa turan.

Filannoo kanaan injifachuun isaanii erga ibsamee akka sirna biyyattiitti odeeffannoowwan murteessoo nageenya biyyaan walqabatan argachuu kan qaban ta'uus, torbanootaaf odeeffannoon kun dhiyaachaafii hin turre.

Wiixata kaleessaa komii kana erga dhageessisanii hoogganaan ittisa biyyattii kan yeroo Kiristoofar Miilar aanga'oonni haala oogummaa bu'uureffateen adeemsa ce'umsaarratti hojjechaa jiruu jedhan.

''Muummeen ittisaa hojjettoota 400 caalan waliin gaaffiifi deebii 164 gaggeesseera, ragaa abbaa fuulaa 5,000 kan gareen Baayidan dursee gaafate caalu dhiyeesseera'' jedhan Miilar.

Dubbii himaan muummee Ittisaa Peentaagoon garee Baayidan waliin iftooma guddaa qaba jedheera.

Baayidan gama isaaniin ibsa isaanii tiwiitara gubbaa kaahaniin muummee ittisa biyyaafi waajjira bulchiinsaafi Bajataarraa danqaan isaan mudachuu himan.

''Ammaan tana dhimmoota nageenyaa murteessoorratti bulchiinsa aangoo gadhiisurraa odeeffannoo hunda argachaa hin jirru'' jedhan.

''Kuni ilaalcha koon gaafatamummaa dhabuun ala waan jedhamu hin qabus'' jechuun dubbatan.

Gareen isaanii waraanni biyyattii guutuu addunyaarra jiru haala irra jiru beeku akka fedhuufi burjaajiin gama kanaan mudatu 'diinotaaf' carraa uuma jedhan.

Ejeensiiwwan nageenya biyyaa waliin hojjetan bulchiinsa amma yeroon aangoo isaa xumuramaa jiruun akkaan miidhameeras jechuun dubbatan.

Hedduun isaanii hanqina namaa gahumsa qabu, hamilee qabuufi sirnaan hoogganamu dhabuun miidhameera jedhan.

Tiraamp filannoon booda guyyaa muraasa booda ture hogganaa raayyaa ittisa biyyaa Maark Espeeriin aangoorraa kan kaasan.

Sababni isaa ammoo mormii jibba sanyummaa balaaleffatu dhaabsisuuf Espeer loltoota hin ergu jechuu isaaniiti.