Baayidan seenaa US keessatti yeroo jalqabaaf nama gurraacha ministira ittisaa gochuuf kaadhiman

Generaaltichi nama gurraacha jalqabaa Peentaaganiin dursan ta'u

Madda suuraa, Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Generaaltichi nama gurraacha jalqabaa Peentaaganiin dursan ta'u

Pirezidantii US kan ittaanu ta’uun kan filataman Joo Baayidan jeneraala sooramarra turan Looyid Oostin ministira ittisaa gochuun kaadhimmattan jechuun miidiyaaleen US gabaasaa jiru.

Namni ganna 67, Jeneraal Oostin lammii Ameerikaa - Afriikaa Peentaaganiin dursu isa jalqabaa ta’a.

Yeroo bulchiinsa Obaamaatti Ajaja Giddu-galaa dursaa kan turan Jeneral Oostin, erga soorama bahanii ganna torbaa gadi waan ta’eef, koongirasiin muudama kanaaf deeggarsa gochuuf qaba.

Baayidan kana kan murteessan erga muudama olaanaa biraa garee nageenyaa isaanii keessatti kennanii torban lamaa asittidha.

Mr Baayidanis ta’e Jeneraal Oostin, dhimma kanarratti ammallee omaa hin jenne.

Miidiyaaleen biyyattii angoo kanaaf Peentaagan keessa yeroo dheeraaf kan tajaajilan Misheel Filoornooyi ni muudamu jechuun tilmaamaa turan. Osoo muudamni kun ragga’ee, Misheel dubartii jalqabaa dhaabbata kana dursan ta’u ture.

Mr Baayidan filannoo Sadaasa 3, 2020 taasifame injifachuun Amajjii dhufu irraa keessa akka pirezidaantiitti muudamuuf eegamaa kan jiru ta’us, angoorra kan jiran Tiraampi garuu ammallee mo’amuusaanii hin amanne.

Baayidaniifi Generaal Oostin yeroo bulchiinsa Obaamaatti walitti dhiyeenyaan hojjachaa turani

Madda suuraa, Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Baayidaniifi Generaal Oostin yeroo bulchiinsa Obaamaatti walitti dhiyeenyaan hojjachaa turani

Jeneraal Oostin eenyudha?

Murtee Baayidan ministeera ittisaa akka dursaniif Jeneraal Oostiiniin muuduuf fudhatan miidiyaa Poolitiikoo jedhamutu namoota dhimmicha beekan sadii eeruun gabaase.

Jeneraalichi kana dura filatamuuf carraa xiqqaa qabu jedhamaa kan ture yoo ta’u, tibbana garuu dorgomaa cimaa fi filannoof mijataa ta’aniiru jedha gabaasichi.

US’tti miiltoo miidiyaa BBC kan ta’e CBS, boodarra namoota dhimmicha beekan hedduu eeruun gabaaseera.

Jeneraal Oostin angoo kanaaf akka filannoo dansaatti kan fudhataman gareewwan Eeshiyaa, Gurraachota fi Laatiinoo paartii Dimokraatotaa keessa jiran, Baayidan angoowwan gurguddoo akkasiirratti namoota hawaasa lakkoofsaan xiqqaa keessa dhufan akka muudaniif waamicha dhiyeessaa wayita jiranittidha.

CNN gama biraatiin Baayidan generaaltichaaf muudama kana dhuma torbee darbeerra akka itti kennaniifi oostiinis fudhachuusaanii CNN madda eeruun gabaaseera.

Jeneraalli sadarkaa urjii afurii qabana kun, 2013-16’tti Ajaja Giddu-galaa US itti gaafatamummaan isaa Giddu-gala Bahaa, Giddu-gala Eeshiyaa fi gariin Kibba Eeshiyaa ta’e dursaa turani.

Sana booda hoogganaa I/A waraanaa akkasumas generaala isa dhumaa humnoota US Iraaq keessaa ta’uun tajaajilani.

Baroota bulchiinsa Obaamaa Baayidan pirezidantii itti aanaa turanitti, namni kun itti dhiyeenyaan hojjachaa turani.

Haata’u malee, angoowwan kan dura qaban kan akka miseensummaa boordii dhaabbata nageenyaa Reeyitiyoon jedhamuun wal-qabatee danqaawwan isaan mudachuu akka danda’u, CBS gabaaseera.