Haleellaa Kaappital: Hokkara deeggartoonni Tiraamp uumaniin namoonni shan du'an

Deeggartoonni Tiraamp poolisii waliin walitti bu'an

Madda suuraa, A Joint Session of Congress to certify the electio

Ameerikaatti gamoo guddaa Mana Maree kan magaalaa Waashingiteen keessatti argamu Kaappitool Hiil jedhamu deeggartoonni Doonaald Tiraamp weeraruu isaaniitiin hokkarri uumamee namoonni du'an.

Poolisiin Waashingiteen DC akka jedhetti yeroo deeggartoonni Tiraamp gamoo Kaappitol Hiil weeraranitti namoonni afur du'aniiru.

Dubartii poolisiin itti dhukaasee ajjeefamteetti dabalataan, namoonni biroo sadii sababa rakkoo "fayyaa atattamaatiin" du'aniiru.

Hanga ammaatti namoonni 52 hokkara uumame kanaan walqabatee kan to'ataman yoo ta'u, isaan keessaa 47 seera sochii dhorkame cabsuun to'ataman.

Taateen kun Ameerikaatti ni uumama jedhamee kan hin tilmaamamne akka ta'e namoonni yaada kennaa jiru.

Deeggartoonni Doonaald Tiraamp gamoo Kaappitol Hiil erga to'atanii booda meeshaa mancaasuufi jaalala hin mittiiqne pirezedaant Tiraampiifi akka qaban ibsaa turan.

Deegartoonni kana godhan kanneen keessatti hidhannoollee kan qaban kan jiran yoo ta'u Kongirasiin akka Joo Baaydan mo'ate raggaasisuuf taa'ame akka cufamuuf dirqisiisaa turan.

Rippabilikaanonni tokko tokko isteetota tokko tokko keessatti bu'aa filannoo garagalchuuf yaalanillee deeggarsa gahaa argachuu hin dandeenye.

Tiraamp ammoo deeggartoota isaa hokkara uumaniin gara manaatti deebiyaa galaa jedhanis himannaa dharaa filannoon hatameera jedhu ammoo irra deddeebiyanii dubbatu.

Mormitoota mooraa Mana Maree US keessatti

Madda suuraa, Reuters

Aanga'oonni addunyaa maal jechaa jiru?

Taateen deeggartoota Doonaald Tiraampiin Waashingiteen keessatti uumame kun qalbii addunyaa hawwachuu itti fufeera.

Ministirri Muummee Indiyaa Naarendraa Moodii akkas jedhan: "Oduu waa'ee jeequmsaafi hokkara Waashingiteenitti dhalate dhaga'uukootti nan gadda. Aangoo karaa nagaa walitti dabarsuun itti fufuu qaba."

Bulchituun Niiwuu Ziilaan Jasiindaa Ardeen tiwiitara isheerratti, "dimokiraasiin - mirgi filachuu namootaa, akka sagaleen isaanii dhaga'amu gochuufi murteen naga qabeessa ta'e akka taasifamuuf fedhuun - hokkaraan duuba deebiyuu hin qabu."

Ministirri Dhimma Alaa Jarman Hayikoo Maas ammoo deeggartoonni Tiraamp " dimokiraasii lafa godhanii irra deemuu dhaabaa," jedhan.

"Diinonni dimokiraasii suura taatee kana fakkaatu Waashingiteen DC irraa yeroo argan ni gammadu. Jechoonni kotaasisoo ammoo gara gocha hokkaraatti jijjiirama."