Filannoo US 2020: 'Iraaniifi Raashiyaan ragaa filattoota Ameerikaa of harkaa qabu'-FBI

Madda suuraa, Getty Images
Ergichi garee warra Tiraampiin deeggaruu irraa ergamuu himuun kun jeequmsa kaasuuf jecha akka tahe Daarikterri Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaa US Joon Raatkiliif himaniiru.
Joon Raatkiliif akka jedhaniitti qondaalonni Ameerikaa Raashiyaa fi Iraan '' odeeffannoo namoota filatanii'' argachuu isaanii bira gahaniiru.
Iraaniifi Raashiyaan dhimma filannoo pirezedaantummaa Ameerikaa keessa galaniiru kan jedhu kana haalaniiru.
Duubbii Himaan Ministera Dhimma Alaa Iraan Kaatibzaadii, miidiyaa mootummaa biyyichaatti akka himanitti '' Dubbii qondaalota Ameerikaa irra dedebiin, bu'uura hin qabneefi sobaan ka'u kana Iraan gonkuma kan hin fudhanne'' tahuu karaa Ambaasadara Iswizerlaandi Teeraan jiranii fedha US bakka bu'anii dhaamaniiru.
''Akkuma duraan ibsinetti 'eenyuyyu filannicha yoo mo'ate Iraaniif jijjirama fidu hin qabu,''' jedhan.
Dubbii Himaan Kireemiliin Dimitirii Peeskoov BBCtti akka himaniitti, Akka yaadnutti kun carraa qabeessa miti. Himannaan akkasii guyyaa guyyaan dhufu, hundi isaanii waan qabatamaa of keessaa hin qaban, homaa irrattillee kan bu'uureffatan miti,'' jedhan.
''Isaan adeemsa siyaasaa keessaa filannoo dhufutti hidhaman tahuu male,'' jedhan.
Joon Raatkiliif filannoo jala gahuun ibsa kennuun isaanii yaaddoo mootummaan gidduugalummaa filannoo fi odeeffannoo sobaa dabarsuu qaamolee biyya alaa irraa irra gahuuf agarsiiftuudha jedhame.
Hogganaan humna Tikaa kun akka jedhanitti ''ergawwan email deeggartoota Traampiin ergaman fakkeeffamuun Iraan ergite kun filattoota doorsisuu, burjaajessuuf, jeequmsa kaasuufi pirezidaanti Tiraampi irras miidhaa geesisuuf'' yaadamaniiti jedhan.
Itti dabaluun ragaaleen filattootaa fayyadaman odeeffannoo sobaa filattootatti facaasuun burjaajessuun dimokiraasii Ameerikaa irratti akka amantaa hin qabaanne gochuuf yaadamaniiti jedhan.
Qondaalli kun hanga ammaatti gochaa kana Raashiyaa irraa qabatamaatti hin argine jedhanii garuu odeeffannoo filattootaa qabaachuu isaanii beekna jedhan.
Isteetota Ameerikaa hedduu keessa odeeffanno filattotaa gaafatanii argachuun danda'ama. Garuu risteetotni hundinuu eenyutu gaafatee argata kan jedhu irratti ulaagaa adda addaa qabu.
''Yoo ergaa doorsisaa ykn isin miidhan karaa 'email' argattan hin facaasiinaa.'' Jedhan Joon Raatkiliif.
Xiinxala: Jeemsi Kilaatitan gaabaasaa Teeknolojii Kaabaa Ameerikaa
Ibsi amma kenname kun gaaddiduu filannoo Ameerikaa bara 2016 Raashiyaan harka keessa galfatte jedhu of keessaa qaba.
Filannicha irratti filattoota Dimokiraatotaa fakkaachuun miidiyaalee hawwaasaa irratti maqaa hedduun banamee ture.
Kompitarri paartii Dimokiraatotas cabsameera ykn haakerootaan butamee ture.
Kan ammaa kana irratti garuu haala akkamiin Iraanii fi Raashiyaan odeeffannoo akkamii fi haala akkamiin odeeffannoo filattootaa argatan kan jedhu hin ibsamne.
Daarikterri FBI Kiristoofer Wiireey sirni filannoo Ameerikaa ammallee nagaa qaba.
Sagaleen keessan akka lakkaa'amu ofitti amanamummaa qabaadhaa. Kanaan ala dhufu ammo ija shakkiin ilaalamee adda baafama jedhan.
Ameerikaan filannoo pirezedaantummaa Sadaasa sadii dhufu kana gaggeesiti.
Joy Baayiden fi pirezidaanti Tiraampi filannicha irratti kan wal morkanatan taha.Qondaalonni nageenyaa Ameerikaa akka jedhanitti Iraan ergaa doorsisaa karaa 'email' filannoo pirezidaantummaa ji'a dhufuu dursuun filattoota Dimokiraatotaatti ergameef itti gaafatamummasaa fudhatti.















