Filannoo US 2020: Falmii Tiraampiifi Baayidan kaleessaa galgalaatiin eenyutu mo'atee?

Biden and Trump

Tiraampiifi Baayidan duula na filadhaa pirezidaantummaa taasisan falmii kallatti kaleessa galgalaan eegalaniiru.

Falmichis halkan darbe kan gaggeefame yoo ta'u, kutaa biyyaa Ohaayoo Kiivilaandii keessatti gaggeefame.

Falmichaanis akkuma eegame, Tiraampiifi dorgomaa isaa Mr Baayidan jidduutti falmii cimaatu gaggeefame.

Tiraamp nama falmicha keessummeessu osoo hin hafiin dhaabuun ana qofaa dhagahaa jechuu baayyisanii ture.

Haaluma kanaanis Mr Baayidan pirezidaant Tiraampiin, ''Taatoo kofalchiisaa'' jechuun ''afaan kee qabadhu'' ittiin jedhaniiru.

Tiraamp ammoo himannaa waa'ee qoricha sammuu addoochatti fayyadamuu dorgomaa isaa kaasuunhimatan.

Yaada walitti qabdoonis Mr Baayidan Tiraamp caalaa qabxiin dursaa akka jiran mulisan.

Haata'u malees, filannichaaf guyyoonni 35 qofti kan hafee yoo ta'u, qorannoo bulchiinsoota hedduutti gaggeefameen dorgommii walitti dhiyaate ta'u mullisa.

Falmiin kaleessaa kunis matadureewwan gurguddaa jaha irratti daqiiqawwan 15 qoqqoodamuufiin kan gaggeeffame ture.

Qabxiiwwan kunneenis: eenyummaa kaadhimamtootaa, waa'ee Mana Murtii Olaanaa, waa'ee weeraraa koronaavaayirasii, waa'ee sanyummaa, walabummaa filannoofi waa'ee dinagdee irratti kan xiyyeefate ture.

Haaluma kanaanis gaheessa waggaa 77 kan ta'an Mr. Baayidan nama umuriin isaa waggaa 74 ta'e Tiraampiin, "Ati pirezidaantota Ameerikaan qabaachaa turte keessaa isa badaadha,'' ittiin jedhan.

Dhimma sanyiifi olaantummaa adii irratti attamiin walitti bu'an?

Gaaffii pirezidaantichi nama waltajjicha gaggeessuun gaafataman keessaa tokko, yoo olaantummaa warra adii balaaleefachuuf qophaa'oodhaa? kan jedhu ture.

Tiraampis jalqabarratti eeyyeen jedhullee akka garee warra olaantummaa adii leellisan 'Proud Boys' maqaan balaaleeffatuuf gaafatamnaan garuu irra utaalan.

Donald Trump and Joe Biden

Madda suuraa, Reuters

Tiraamp Baayidaniin ati barataa dadhabaa turte, nama qaaniiti jennaaniin, Baayidan ammoo Ameerikaan seenaa keessatti pirezidaantii badaa akka keetii argattee hin beektu jechuun deebiisaniif jiru.

Akkasumas, gara ummataattii fuula deebiisuun 'waan namni kun isiniin jedhu amantuu? Nama baayyee sobudha jechuun ummata gaafataniiru My Baayidan.

Falmicha duras namoonni baayyeen Tiraamp Mr Baayidaniin dubbiin tuquun haasaa dhowwuu danda'u jechuun yaadda'aa turan.

Mr Baayidan umamaan wayita haasa'aan baayyee tasgabaa'oo waan ta'aniifuu tarii Tiraamp afura baaffannaa dhorkuu laata jedhame ture.

Haata'u malee, Baayidan hanga sodaatame rakkina keessa hingallee. Dhimmoota ijoo hedduu kaasaniiru.

Keessattu falmii koronaavaayirasii irratti taasisaniin lamaannu walii himachuun dubbataniiru.

Tiraamp yaada,''Bagan ani pirezidaantii ta'e malee, osoo tibbana kanatti pirezidaantiin Ameerikaa Baayidan ta'ee jiraatee lammiileen du'anii ni dhumu ture. Kan du'an miliyoonota ta'u ture,'' jedhu kaasuun dubbatan.

Baayidan gama isaanitiin kallattiin gara kaameraa ilaaluun ''Meeqa keessan wayita ammaa kanatti gadda keessatti akka argamtan , meeqa keessan abbaa, haadha, obboolleettii...akka dhabdan natti dhagaham,'' jechuun lammiilee Ameerikaa hedduu garaa nyaachuuf yaalaniiru.

Ogganaa waltajichaa Kiriis Waalas Foksi Niiwus irraa

Madda suuraa, Reuters

Jalqabuma falmichaarratti ture Tiraamp Mr Baayidaniin, ''hadoodaa wayi'' jechuun dubbiin yoo xuqan, My Baayidan gama isaanitiin harkaa fudhuun, ''ati ashanguliitiidha, kan hunduu sitti kolfu,'' jedhaniiru.

Wayita Tiraamp jiddu galuun rakkisaniitti 'lakkii namtichanaan maaloo afaan kee qabadhu,' jechaa turan.

Hogganan falmichaa Kiriis Waalas Fosk Niiwus irraa Tiraampiin seera qabsiisuuf kan danda'ameef hunda yaalee ture. Ta'u garuu Tiraamp kan callisan ta'u hin dandeenye ture.

Yaada Mr Baayidan yaa turuu yaada nama waltajjii ogganiitu fixachiisuuf obsa hin qaban ture Tiraamp

Bu'aa filannoo gammachuun fudhachuu

Dhumarratti gaaffiin gaggeessaa falmichaa kaadhimamtoota lamaaniif dhiyeessee ture, erga filannoon gageeffameen bodoa deegartoonni bu'aa filannoo akka fudhataniif ni gaaffattuu? kan jedhu ture.

Dornaald Tiraamp adeemsa filannoo irratti shakkii akka qaban, burjaaja'uu waan danda'uuf deeggartoonni of eegannoon akka eeggattan, buufataalee filannootti dhiyaachuun hordoffii anan taasisa jedhaniiru.

Baayidan ammoo harkaa fudhuun, ''namni kun waan dubbatu hin beeku,'' jechuun Tiraampiin qeeqaniiru.

Baayidan bu'aa filannoo akka fudhatan nan mirkanneessa. Yoon injifadhe ammoo pirezidaantii kan ta'u dimokiraatoota qofaaf miti. Ameerikaanoota hundaaf malee jedhaniiru.