'Falmii Doonaald Tiraampiifi Baayiden jalqabaa kana irratti kan ifatti mo’ame Ameerikaadha’

Madda suuraa, Reuters
Lammileen Ameerikaa falmii pirezidaantummaa Doonaaldi Tiraampii fi Joy Baayiden gidduutti marsaa sadiif gaggeeffamukeessaa isa jalqabaa hordofaniiru.
Falmiin gaggeeffame hawwaasni addunyaa akka yaada isaanii yaada kaadhimamtoota lamaanii irratti kennan kan taasisedha.
Gaazexaalee fi xiinxaltootni hedduun addunyaa tooftaa fi sagalee guddaa namootni lamaan fayyadaman qeeqaniiru.
UK irraa ‘The Times’ akka barressetti, ‘’ Falmii Doonaaldi Tiraampii fi Joy Baayiden jalqabaa kana irratti kan ifatti mo’ame Ameerikaadha’’ jedhe.
UK
Gaazexaan UK kun gadi fageessee akka barreessetti ‘’falmiin gaggeeffame karaa hiika guutuu qabuun miti, inumaayyuu miira aariin kan guutameefi gidduugalummaa jaarrolii aaran lamaaniin kan guutame ture,’’ jedhe
Gaardiyaan ammoo ‘’salphina biyyaalessaati’’ jechuun barreesse.
‘’Addunyaan kaanii fi hayyootni seenaa fuulduratti shakkii tokko malee ifatti kaa’u’’ jechuun barreesse gaazexaan kun.
Joy Baayiden waltajjii irraa ‘’fagoomatti waan pirezidaantii tahe fakkaata’’ jedhee yoo Tiraampi filannicha kan mo’atu tahe ‘’dukkanni, waan sodaachisaa fi abjuun hin mul’anne kun awwaalcha Ameerikaa jalqabaa tahaaf’’ jedhe.
Faayinanshiyal Taayimsi ammo pirezidaantichi sobee waa’ee burjaajii filannoo akkatti qajeelchee ho’isee deeggartootni isa hordofaniif waamicha taasise barreesse.
Dubbiin akkanaa akka dunna saree fagootti deeggarsa argachuuf taasifamuuti. Kun garuu bu’aa guddaa hin qabaatu. Tiraampi hin qaana’an’’ jechuun barreesse.’’
Falmii boodas sagalee filannoon duraa akka eeretti gaazexichi Baayiden irra waan oolan fakkaatu.
‘’Garuu namni dhimma dimokiraasii Ameerikaa hin qabne callisee ofirraa cufuu mala garuu namatti hin tolu,’’ jedhe.
Faransaay
"Jeequmsa, ijoollummaa, dubbii dadhabsiisaa’’ jechuun gaazexaan Faransaay ‘Libération’ falmii kana ibse. Gaazexaan biraa ‘Monde’ jedhamus harkaa fuudhuun ‘’bubbee hamaa’’jechuun ibse. Pirezidaantichi ‘’dubbii mormituu isaanii gidduugaluu fi deebii isaanii irratti baacuun ofirraa dhiibuu filatan’’ jedhe.
Le Figaro gaazexaan jedhamu ammoo Baayiden ‘’tooftaadhaan tapha pirezidaantichi barbaadan taphachuufi didan’’ jedhe.
Yeroo Tiraampi quba itti qabanii Baayidenitti dubbachuufi falmuu barbaadanitti kaadhimamaan Dimokiraatotaa ammoo kallattiin daawwattootaafi uummatatti dubbachaa turan jedhe.
Jarman
‘Der Spiegel' kan jedhamu xiinxala isaa ‘’balaa konkolaataa fakkaata’’ jechuun barreesse. Lamaanuu hojii isaanii hojjetanii itti quufanii mana isaaniitti galaniiru. Tiraampi akka Tiraampitti, Joy Baayiden akka Baayedinitti waan isaanirraa eegamu taphataniiru. Deeggartootni isaaniis kana jaallatu jedhee barreesse.
‘Die Welt’ ammoo ‘’falmichi waa’ee imaammataa homaa hin qabu. Irra caalaa Ameerikaan pirezidaantii amalli isaa adda tahee fi of to’achuun itti ulfaatu qabaachuu ishee agarsiise’’ jedhe.
Raashiyaa
Miidiyaan tokko akka jedhetti sa’a tokkoof walakkaaf ‘’wal arrabsootu tamsa’e’’ jedhee tamsaase.
Dubbii Baayiden ‘’Putin’s Puppet’’ ykn nama Puutiiniin gaggeeffamu jechuun dubbatan ammo miidiyaa hawwaasaa irratti bal’inaan qoodameera.
Namni fayyadamaa Tiwiiter tahe tokko akas jechuun barreesse, ‘’jaarroliin lamaan eenyutu pirezidaantii Ameerikaa tahuuf wayya kan jedhu ibsan garuu Puutin malee fudhatamummaan tokkoo isaanii iyyuu ol hin ka’u’’ jedhe.
Chaayinaa
Miidiyaaleen Chaayinaa gurguddoon falmichayyuu hin dabarsine. Garuu maqaa Chaayinaa jedhu dubbiin wal tuquuf falmicha keessatti akkamiin fayyadaman kan jedhu irratti barreessaniiru.















