Jibba sanyummaa: Tiraamp poolisii biyyattii haaromsuuf ajaja dabarsan

Tiraampi haaromsa poolisii biyyattiif murtoo gargaaru dabarsan

Madda suuraa, AFP

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haaromsa poolisii biyyattii gaggeessuuf kan oolu murtoo gargaaru mallatteessan.

Tiraampi gaaffii baajata irraa kaasuu fi human kana bittinsuu jedhu hin fudhanne.

Ajajni pirezidaantichaa kun dhaabbileen poolisii federaalaaf baajata deeggaran shaakala kennamu akka fooyyessan, kuusaa odeeffannoo [database] yakkoota poolisiin raawwataman itti galmaa’aniifi hordofaman qopheessuu irratti akka hojjetan kan jedhudha

Murtoon kun mormii jabaa sababa poolisiin biyyattii nama gurraacha Ameerikaa tokko ajjeesnaan mudate hordofuun fudhatame.

Haa tahu malee Tiraampi falmii dhimma sanyummaa biyya isaanii keessatti deemaa jiru irratti homaa yaada hin kennine.

Magaalotni hedduun Ameerikaa keessaa dhimma sanyummaa irratti wixinee haaromsaa gaggeeffamuu qaban jedhan dhiyeessaniiru.

Tiraampi Waayit Haawus irraa kaleessa yommuu dubbatan akkas jedhanii jalqabani.

‘’ Maatii hiddi isaanii Afrikaa Ameerikaa tahanii kanneen maatii isaanii keessaa sababa kanaan dhaban hedduun na qunnamaniiru. Kan akka firoota Antiwoon Rooz, Bootaam Jiin fi Ahmuud Arbeerii-kan Joorjiyaatti jalqaba bara kanaa ajjeeffame.’’

Yeroo Tiraampi dubbatan garuu maatii miidhamtootaa keessaa namni waliin dhiyaate hin jiru.

Tiraampi Maal Jedhan?

Dubbii isaanii keessatti Tiraampi komii poolisii irratti ka’uuf ammas harka irra qabaniiru.

Saamtotaaf fi ‘’jeeqxota’’ hiriira mormii keessa turan balaaleffataniiru.

‘’Waan furmaata tahu tokko barbaanna. Garuu waan baajatni poolisii irraa haa ka’u, haa diigaman fi haa bittinfaman jechuun fiixeetti bahamee dubbatamu cimseen morma’’ jedhan.

Ameerikaanotni dhiirotaa fi dubartoota jagna tahan kanneen daandii keenya eeguun nagaa akka taanu taasisan deeggaruu qabna jechuun dubbatan Tiraampi.

Mormii Ameerikaa keessa ture
Ibsa waa'ee suuraa, Mormii Ameerikaa keessa ture

Ameerikaanotni itti gaafatamummaa, iftoomina fooyessuun baajata dabalataa baasuun shaakala poolisii, humnicha filuufi hawwaasa keessatti akkamiin hojjechuu akka qaban irratti hojjechuu qabna jedhan.

Haaromsi amma akka gaggeeffamuuf murtaa’es erga Lammiin gurraachi Ameerikaa Joorji Filooyid to’annoo poolisii jalatti ajjeefamee mormii guddaan ka’eeti.

Ameerikaa keessatti yakki ajjeechaa poolisiin keessummaa lammiilee gurraachaa irratti raawwatu guddaa akka tahe himama.

Ajajni Tiraamp maal of keessaa qaba?

Dimokiraatotnii fi Rippaablikaanotni Kongireensii keessa jiran haaromsa ofii isaanii yeroo hojjetaa jiranitti Tiraampi ibsa kennan.

Ajajni isaanii kun fandii dabalataa kutaa poolisiif taasisuu kan dabalatu yoo tahu shaakala isaanii fooyeessuuf oola jedhan.

Hojjettootni hawwaasaas hojii yakka hamaa irraa bilisa tahan kan akka araadaafi mana dhabdummaa waliin wal qabatu keessatti akka hirmaataniif akka jajjabeessaman ajaja.