Tiraamp Baayidan qoricha sammuu dadammaqsuu fudhachuu akka qorataman gaafatan

Madda suuraa, Reuters/Getty
Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Joo Baayidan falmii isaanii isa jalqabaa ji'aan booda gaggeessan dura bu'aa qorannoo qoricha sammuu namaa dadammaqsuu akka dhiyeessan gaafatan.
Tiraamp Waashingitan Examiner'tti yoo himan falmii dimookraatotaa TV'n tamsa'aa turerratti dandeettiin Baayidan tasa fooyyee agarsiiseeraa jechuun qoricha sammuu dadammaqsuu fudhachuu isaaanii shakkuu ibsan.
Tiraamp shakkii isaanii kana ragaa mirkaneessuuf kan hin hin dhiyeessine yoo ta'u, duuchaadhumatti ''ani dhimma akkanaa beekuurratti gaariidha'' jedhan.
Baayidaniifi Tiraamp filannoo Sadaasa keessa gaggeefamu dura falmiiwwan sadii ni qabaatu.
Waggaa 4 dura Hilaarii Kilintan waliin wayita pireezidantii ta'uuf dorgomaa turanittis falmii isaanii TV isa dhumaa dura Hilaariin bu'aa qurannnoo qoricha akka dhiyeessan Tiraamp gaafatanii turan.
Ammas dandeettiin muggutuu Joo baayidan mugguutiiwwan dhiyeecha irratti hirmaatan irratti akkaan fooyya'ee jechuun bu'aa qorannoo akka dhiyeessan gaafatan.
Morkiiwwan dhaaba isaanii keessatti gaggeessan 11 keessatti haasaan Baayidan kan walitti galuullee hin turre jedhan Tiraamp.
''Waltajjiiwwan morkiirratti morkotaa ta'uu osoo hin danda'iin turee akkamittiin tasa morkii Berniiy waliin ture irratti gaarii akka ta'e hin beeku'' jedhan.
''Homaa wanti ajaa'ibaan hin taane, bu'aa qorannoo gaafanna haalli sana gochuu didduuf hin jirus jedhaniiru.''
Falmiiwwan Pireezidantummaa sadaan kan Baayidaniifi Tiraamp gidduutti gaggeefaman Fulbaana 29 Kileevilaand Ohaayootti, Onkololessa 15 Miyaamii Filooridaatti akkasumas kan dhumaa Sadaasa 22 Naashivil Teneessetti ta'a.
Maanguddoonni ganna 74 fi 77 Tiraamp fi Baayidan yeroo garaagaraatti rakkoo fayyaa sammuu, yaaduufi yaadachuu wajjiin walqabatu 'dementia' jedhamu qabaachuun yoo walhimatan dhagaahamu.
Tiraamp falmiin dabalataa Baayidan waliin akka mjaawuuf gaafatnii kan turan yoo ta'u Komishiniin falmii Pireezdantummaa yaadicha kufaa godheera.
Gama kaaniin Itti aanaan pireezidant Doonaald Tiraamp, Maayik Peens filannoo pireezidantummaa ji'a lamaa booda gaggeefamuun Joo Baayideen yoo injifatan hokkoratu babal'ataa jechuun akeekkachiisan.
''Dhugaan inni ufaataan Ameerikaa Joo Baayidan keessatti nageenyi kan hin jirre ta'uu dha'' jedhan Peens ya'ii Ripaablikaanotaa Wiixata eegalee itti fufe irratti haasaa taasisaniin.
Filannoon gaggeeffamuus seeraafi tasgabbiifi seer-maleessummaa gidduuttidhas jedhan.
Itti aanaa Pireezidantiin Ameerikaa Mayiik Peens haasaa kana kan godhan Dilbata darbe Wiskoonsinitti namni gurraachi rasaasa poolisiin rukutamuu isaa hordofee wayita mormiin gaggeefamaa jiruttidha.
''Lammiilee Ameerikaa seeraa raawwachiisuu deeggaruufi jireenya Ameerikaanota hiddi isaanii Afrikaa ta'e magaalaalee keenya keessatti fooyyeessuu keessaa filachuun waan ta'u akka hin taane beeku'' jedhan.
Kaadhimamaan Pireezidanti paartii Dimookraatotaa Joo Baayidan ''uummata lakkoofsaan xiqqoo ta'anirra loogiin ifa ta'e fi saanyummaan sirna qabu'' jiraa jechuun dubbachuu isaaniillee qeeqan Peens.
''Baayiden imaammata daandiiwwan rakkoon guutaniifi Ameerikaa keessatti hokkora uuman hammeessuuf jiras ''jedhan.














