Tiraamp himatamanii aangoo akka gadhiisan 'House of Representatives' murteesse

Pireezidant Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Falmii guddaa guyyaa kaleessaa gaggeefamaa tureen booda 'House of Representatives' Tiraamp himatamanii aangoorraa akka kaafaman sagalee kennuun Seeneetii biyyattiitti dabarseera.

Tiraamp seenaa Ameerikaa keessatti Pireezidantii sadaffaa yeroon isaanii osoo hin xumuramiin himatni irratti dhiyaatee aangoorraa akka ka'an sagaleen irratti kenname ta'aniiru.

Kanatti aansuun Seeneetiin biyyattii dhimma isaanii ilaalee aangoorra ni turu moo ni ari'atamu kan jedhurratti murtii dhumaa kenna.

Bakka bu'ootni uummataa kun himata Tiraamp irratti dhiyate lama, aangootti akkaa ol fayyadamuufi hojii Koongireesii danquu kan jedhu irratti sagalee kennan.

Himatoota lamaan kana bakka bu'ootni Dimookraatotaa koongireesichaa hundi yoo deeggaran, Ripaablikaanonni hundi ammoo mormaniiru.

Koongireesiin Ameerikaa caalmaa bakka bu'oota Dimookraatotaa kan qabu yoo ta'u, faallaa kanaan teessoon Seeneetiin harki caalaan Ripaablikaanotaan qabamee jira.

Sa'aa sagaleen kennamaa ture Tiraamp deeggartoota isaani hiriira bahanitti dubbachaa turan.

Hiriira deeggartoota isaanii Michigaan kanaan ''Carraa hojii uumuuf yeroon hojjechaa jirruufi warra Michigaaniif osoo qabsaa'uu warrii faallaa koo koongireesii jiran goomii, jibbaa fi aariin guutamanii waan gochaa jiran argaa jirtuu.'' jedhan.

Naansii Peloosii

Madda suuraa, Reuters

Waayit Haawus ibsa baaseen Pireezidantichi ''Seeneetiirratti himata kanarraa bilisa akka ta'an abdii guutuu qabu'' jedheera.

Himata aangoo isaanii akkaan ol fayyadamuu jedhu irratti sagalee kennameen himatichi sagalee caalmaa 230-197, kan hojii koongireesii danquu ammoo 229-198 darbe.

Koongireesiin aangoo isaaniirraa akka bu'an sagalee calamaan murteessuu isaa kanaan Tiraamp seenaa Ameerikaa keessatti Pireezidantoota hireen akkasii isaan mudate lama Andreew Joonsan fi Biil Kliintonitti aanee nama sadaffaa ta'aniiru.

Murteen dhumaa aangoo irra tursuu yookaan ari'achuu kan Seenetii Ameerikaati. Seeneetiin ammoo harki caalaan paartii Tiraamp keessaa dhufaniin kan qabame waan ta'eef sagalee caalmaa Waayit Haawusii Tiraampiin ariisisu waan argatu hin fakkaatu jedhu xiinxaltootni.

Chaartii

Hoogganaan Seeneetii kan Ripaablikaanotaa Miich MaakKooneel torbee darbe yoo dubbatan seenaataroonnii Ripaablikaanotaa garee Pireezidantichaa waliin ''qindoomina guutuun hojjetuu'', Dimookraatotaan garaa gubnas jedhanii ture.

Afa yaa'iin Koongireesii Ameerikaa Naansii Peeloosii falmii himatoota kanaa yeroo eegalsiisan hojimaatni Waayit Haawus dhimma kanarratti sagaleen akka kennamu dirqisiiseera jedhan.

''Amma yoo murteessuu baanne, hojii keenyarratti rinciicuu keenya agarsiisa. Hojmaatni hamaan pireezidantichaa adeemsa aangoorraa isaan buusuutti nu geesseerra. Filannoo biraa nuuf hin kennine '' jedhan.

Yaada aangoorraa buusuu warreen deeggaran

Madda suuraa, Getty Images

Nama Tiraampiin deeggaru

Madda suuraa, Reuters