Kaampaaniiwwan teekonolojii gurguddaan akkamiin Tiraampiin onlaayinii irraa dhabamsiisan

Tiraampi usi

Madda suuraa, Getty Images

Gonkumaa aangoo ''Teeknolojii Gurguddaan'' qabu mirkaneessuu yoo barbaaddde, kufaatii Parler (appii garmalee guddataa ture) kan Wiixata ganamaa eddoo jalqabbii gaariidha.

Anis akkuma namoota biiraa kaaniin akka yeroo Ameerikaatti sa'a 11:59 booda, maaltu akka tahee ture kan jedhu ilaaluuf miidiyaa hawwaasaa falmisiisaa tahe kaneen gale.

Kunis guyyaa xumuraa kan Amazon itti appiin akka tajaajjilli haaraan qabiyyee jeequmsa kakaasan qabu jechuun bakka tajaajila irratti kennu akka dhaabuuf itti kenneef ture.

Erga torban darbe deeggartoonni Tiraampii Kaappitaal Hiil keessatti hookkara kaasanii booda, yeroo murteessaa kaampaaniiwwan teeknolojii gurguddoon pirezidaantichaa fi deeggartoota isaa finxaaleyyii miidiyaan ala itti taasisan ture.

Sa'aatiin 12:oo irra darbee ture, garuu homtuu hin taa'aa hinturre. Anaafi namootni biroo miliyoonotaan lakkaa'aman akkuma yeroo biraatti odeeffannoo barbaadne maxxansaa turre.

Garuu maamilotni adunyaa irraa rakkoon isaan mudachuu gabaasuu jalqaban. Anaaf gara sa'aatii 12:10 tti waan hundumtuu hojjechuu dhaabbate. Qabiyeen argamuufi ergaan dubbifamu hinturre.

Yeroo libsuu ijaa keessatti Parler, aappiin Tiwiitera kan filannoo yaada ofii bilisaan irratti ibsatan jedhamee ilaalamu dhabame.

Parler taruu erga marsariitii Amaazoon keessaa bahee booda bakkatti tajaajilatti deebi'u argachuu danda'a ta'a. Haa tahu malee tajaajila marsariitii guddaa adunyaa irratti kan ta'e Amaazoon erga didee warri kaanis diduu danda'u.

Waan hin eegamiin

Qorataan teeknolojii fi naamusaa Istiifen Haaree dhaabbileen teeknolojii Ameerikaa tarkaanfii akksii yeroo fudhatan kun kan jalqabaa miti jedhan.

Tarkaanfii Amaazon Parler irratti fudhate waan hin eegamnedha, akka yeroo kaampaanotni akka Cloudflare tamsaasa qabiyyee haqe sanaa fa'aa miti. Bara 2019 namtichi qawweedhaan nama fixe 8Chan kan jedhamu irratti erga namoota Teksaas keessatti fixee maxxansuu isaan tajaajilichi dhaabbate.

Fuula Tiwiiteraa Tiraampi dhorkamuu agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fuula Tiwiitera Tiraampi Amajji 8 bara 2020

Amaazon qofatu parler irratti tarkaanfii kana fudhate miti. Guugilii fi Appilis akkasuma tajaajilicha kuusaa isaanii keessaa baasaniiru.

Kunis ammas hin dhagahamne. Appii gara biraan Gab jedhamu finxaaleyyiin itti fayyadaman jedhames akkasuma kuusaa appii keessaa haqameera.

Karaa marsariitii garuu ammayyu tajaajilichi na argama. lakkoofsi namoota fayyadamaniis yeroo dhiyoon as dabaleera. Haleellaa kongireensii irratti Wiixata darbe dhaqqabeen maamiloota fayyadaman Tiwiiteriin 70,000 kan tahan cufeera.

Feesbuukinis qabiyyeewwan hundaa ''hanna dhaabi'' jedhu cufeera. Qabiyyeen kun himata Tiraampi filannichi hatameera jechuun kaasaa tureen wal qabata.

'Dhorkaa rakkoo tahe'

Waanti hin eegamiin raawwate haala itti pirezidaanticha irratti xiyyeefatamedha.

Erga deeggartootni Tiraampi Kaappitaal Hiil weeraranii miidiyaaleen hawwaasaa gurguddoon akka Feesbuukii, Inistaagiraamii, Snapchaatii Tiwich pirezidaantichi akka itti hin fayyadamneef irratti cufan.

TuTube viidiyoowwan muraasa balleesera. Garuu chaaneliin isaa carraa dhumaaf akka osoo hin cufamiin turaniiru.

Gaggeesitootni Awurooppaa kan akka Angelaa Merkeel tarkaanficha akka 'rakkootti' ilaalan.

Komishinerri Gamtaa Awurooppaa Teerii Bireton taatee Kaappitaal Hiilitti tahe ''taatee 9/11 miidiyaa hawwaasaa'' jechuun ibsan.

Ministeerri Fayyaa UK Maat Haankook miidiyaaleen hawwaasaa ''murtoo gulaallii'' fudhataa jiru jedhan.

Aleeksi Navalanii, namni siyaasaa Raashiyaa Puutin qeequun beekamu murtoo Tiwiiteriin Tiraampi irratti fudhate qoqoobbii mootummaatti fakkeesse.

Dhorkaan Doonaaldi Tiraampi irratti Tiwiiteriin fudhate fudhatama hin qabu jedhe. Tiwiiteriin kaampaanii dhunfaati. Haa tahu malee Chaayinaa fi Raashiyaa keessatti yerootti kaampaanotni dhuunfaa mootummaa waliin michooman argina jedhe.

Covid-19 miidiyaalee hawwaasaa jijjiire

Miidiyaaleen hawwaasaa akkuma kilaboota dhuunfaa kaan danbii mana isaanii baafatan isaanis akkasuma baafatu. Feesbuukiin Maarki Zukenbergii fi Tiwiiterri Jaak Dorsiis kanuma raawwatan.

Seerota murteessoo darban keessaa tokko qabiyyee namoota siyaasaa uummataaf barbaachisoo tahan irratti xiyyeeffachuudha.

Erga weerarri koroonaavaayirasii dhufee as kaampaanotni gurguddoon gaggeesitoota adunyaa irratti tarkaanfii fudhatan dabalaa dhufan.

Bitootessa bara 2020 keessa Feesbuukii fi Tiwiteriin maxxansa pirezidaantii Biraazil Jeer Bolsonaaroo fi pirezidaantii Venezuulaa Nikoolaa Maduroo odeeffannoo dogogoraa Covid-19 waliin wal qabatu haqan.

Tiwwiteriin ji'a Caamsaa keessa yeroo dubbii Tiraampi hookkara kakkasaa jedhe dhoksuun tarkaanfii biraa fudhate.

Tiraampi waa'ee dhaadannoo lubbuun gurraachotaa gatii qaba jedhamaa ture sana akkas jechuun maxxansan. ''Yeroo saamichi jalqabu haleellaanis jalqaba.''

Xiinxaltuun miidiyaa hawwaasaa Maat Navaraa dhorkaan Tiraampi irratti darbe '' ka'umsa murteessaa'' akkaataa miidiyaaleen eenyu itti fayyadamee fi maal maxxansan kan jedhu itti to'atan jedhan.

Tiraampi deebiseen falmadha jedhan

Xiinxaltootni akka jedhanitti tarkaanfichi bulchiinsa teeknlojii adunyaaf ka'umsa guddaadha.

Wiixata darbe Feesbuukiin maqaalee mootummaa Yugaandaan hidhata qabaniifi filannoo biyyattii burjaajjessuuf oolan haquu ibse.

Abbaan alangaa dhimma dhuunfaa fi ogeessi teeknlojii Wiitnii Meeril kuni tarkaanfii dhaabbileen teeknolojii bulchiinsa isaanii irratti fudhatan agarsiisa jette.

Seeraa fi qajeelfamootni miidiyaalee hawwaasaa yeroo yeroon jijjiiramuun waanuma baramedha. Garuu itti fufinsaan adunyaa irratti hojiirra hin oolan.

''Akkan yaadutti haqamuun pirezidaantichaa adunyaa irratti amala wal fakkaatuuf tarkaanfii fudhatamu isa jalqabaa tahuu danda'a.''

Sa'a xumuraa Tiwiitera fayyadame irratti Tiraampi miseensota mana maree muraasa kutaa 230 jedhaman mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu ''dhorkuun'' himatan.

Yeroo pirezidaantummaa isaatti seerota miidiyaa hawwaasaa maxxansa isaaniif itti gaafatama nama godhan haquuf dubbataa turan.

Seerota mirga itti fayyadamaa eegan kaasuun dhaabbileen miidyaa hawwaasaa kana caalaa bulchiinsa isaanii waan cimsuuf waan dirqamaniif mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu miidha kanneen jedhanis jiru.

Pirezidaantii Ameerikaa tahuun kan filataman Jooy Baayiden ouu sobaa xiqqeessuuf seerota bulchiinsa miidiyaalee hawwaasaa imsan akka deebisan himaniiru.

Maxxansa Tiwiiteraa isaanii xumuraan Tiraami ''dhaabbilee biroo baayyee'' waliin dubbachaa akka jiraniifi dhiyootti ibsa guddaa tokko akka kennan himan.

Taateen gidduu kanaa waan ilaalamu taanaan Tiraampii fi deeggartootni isaa miseensota mana maree irraa qofa osoo hin taane dhaabbilee teeknolojii gurguddoo irraattis fudhatama guddaa argachuuf wal'aansoon isaan mudachuu mala.