Fuulli YouTube Doonaald Tiraamp dhorkame

Madda suuraa, Google/Getty Images
Midiyaalee hawaasaa beekamoo keessaa tokko kan ta'e YouTube Doonaald Tiraamp seera kiyya cabsaniiru jechuun akka hinfayyadamneef dhorkeen.
Tajaajjilli abbaan qabeenyummaa isaa Google ta’e, YouTube Tiraamp guyyoota torbaaf vidiyoo akka maxxaansinee ykn kallattiin akka hin qoodneef dhorkeera.
Akkasumas, yeroo murtee kanaas dheerresuu akka danda’u ibseera. Kubaaniyichis Doonaald Tiraamp seera hokkora kakaasuu dhorku cabseera jedha.
Pireezdaantichi Kibxata darbe viidiyoo hedduu kan maxxaanse yoo ta’u, gariin ammayyu interneetarra jiru.
Murteen kunis kan dabarfame erga qaamoolee mirgootaaf falman hedduun akka Tiraamp dhorkamaniif beeksiisawwan gaafatu gadhiisaniin booda.

Madda suuraa, YouTube
Kana duras pirezidaantichi feesbuukii irraa akka dhorkamaniif duula gaggeessaa kan toran keessaa tokko kan ta'e Jiim Isteeyar kubaaniyichi YouTube Tiraamp hanga dhumaatti akka cufuuf gaafateera.
"Hanga dhumaatti cufamu qabaata jenneeti abdanna. Tiraamp hokkora kaasuu qaqabunsaanii kan baayyee nama gaddisiisuudha. Garuu ammoo midiyaalee hawaasaa gurguddoonni tarkaanfii fudhachu eegalaniiru'' jechuun dhorkaan booda fuula twitara isaanii irratti barreessaniiru.
Google akka jedheetti, Tiraamp fuula isaanii irratti waan imaammadha dhaabbata isaaniin faallaa ta'e hojjatanii kan argaman yoo ta'e hanga dhumaatti dhorkamuuf carraan jira.
Kanaafuu balleessaa hokkora kakaasuu ammaatiin alatti Tiraamp akeekkachiisa sadii irra yoo darbe fuulli midiyaa hawaasaa isaanii guutummaatti cufamuu danda’a, kun akeekkachisa isa jalqabaati jedha Google.
Torban darbe hokkora Kaappitool Hiil booda Feesbuukii fi Inistaagiramii irraa dhorkameera. Tiwiitar ammo murtee cimaa fudhachuun gutummaa guututti dhorkeeraani.
Miidiyaleen akka Shopify, Pinterest, TikTok fi Reddit ammoo maxxaansa pireezdaantichaan walqabate taasifaman dhorkeera.















