Filannoo US: Rippaablikaanotni Tiraampitti gargalan

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Rippaablikaanotni duula Dimookraatotni Tiraampiin aangoorraa buqqisuuf eegalanitti makamuun dugda itti gargalfatan dabalaa jira.

Haleellaa Kongireesii biyyattii irratti deeggartootni Tiraamp raawwatan hordofee miseensotni Kongireesii dhaaba Tiraamp, pireezidanticha aangoorra buqqisuuf sagalee kennuuf waliigalan dabalaa jira.

Gameettiin Bakka bu'ootaa kan Rippaablikaanotarraa taate Liiz Cheeney Tiraamp ''ibidaa jalqabaa'' hokkora kanaa qabsiisuun namootni shan du'aniiru jedhan

Pireezidant Tiraampiin aangoorraa buqqisuuf Kongireesii Dimookraatotni teessoo irra hedduu qabatanitti har'a sagaleen kennamuu eegala.

Dhiiga Itoophiyaa kan qabu fi Rippaablikaanota keessaa waggaa lama dura Koloraadoo bakka bu'uun teessoo Kongireesii kan injifate Joo Nuguusee to'attoota(managaroota) adeemsa aangoorraa buqqisuu keessa akka ta'u Afa-yaa'ii Nansii Peloosiin filatamuu isaatti gammaduu tiwiitara gubbaatti maxxansee ture.

Dimokraatonni hokkora torbee darbe paarlaamaa biyyattii irratti taasifameen booda Tiraampiin yeroo isaa dursanii angoorraa buqqisuuf himata dhiyeessanii jiru.

Barreeffamni mana maree kanatti dhiyaate kun ‘‘hokkara kakaasuun’’ Tiraampiin himata.

Akka Dimokraatonni jedhanitti, Maayik Peensi angoo heera mootummaa qaban fayyadamuun Abba Tiraampiin buusuuf ochoo'uu dhabuu isaaniitiin guyyaa har'aa sagaleen kennamuuf jedha.

"Pirezidantichi heera, biyyaafi ummata keenyaaf yaaddoo guddaadha, kanafuu hatattamaan waajjiraa kaafamuu qaba’’ jedhani Afa-yaa’iin mana marichaa Naansii Peeloosii.

Erga rakkoon namoota shan galaafate mudatee asitti, Tiraampi angoo ofiin akka gadi dhiisan yookaan akka buqqifamaniif waamichi dhiyaatu gama Dimokraatotaafi Riippabliikaanota muraasa biratti dabalaa dhufeera.

Amajjii 20 Baayidaniin bakka buufamuuf kan deeman Tiraampi, erga miidiyaa hawaasaarraa ugguramaniin asitti dhimma kanarratti yaada hin kennine.

Tiraampi angoorraa akka buqqa’aniif yoo dhiibamu kuni yeroo lammaaffaadha, bara 2019’tti paarlaamaan akka buqqa’aniif waliigalus, Seeneetiin biyyattii 2020 keessa lakki jedhee hambise.

Yoo yaaliin kun milkaa’e, namni kun pirezidantii yeroo lama akka angoorraa buqqa’aniif yaadni irratti dhiyate isa jalqabaa ta’u.

Barruun angoorraa buqqisuu dhiyaate maal jedha?

Dimokraatota sadii Roobii darbe waajjira paarlaamaa cufame keessa taa’uun wixineeffamuu kan eegale barreeffamni kun, ‘‘Hokkara kakaasuu" jedhu of keessaa qaba.

"Doonaaldi Joon Tiraampi ta’e jechuun Mootummaa US irratti yakka hokkara kakaasuu raawwateera," jedha barreeffamichi.

Seera baastonni kunneen jechoonni pirezidantichaa deeggartoota isaanii jajjabeessuun bu’aa argameef sababa ta’eera jedhu.

Baayidan injifachuu isaanii fudhachuu diduun bu’aa filannichaa waliin dha’uuf yaalii taasisaa turan irratti dabalataanidha kuni kan ta’e jedha, himanni kun dabalataan.

‘‘Haaluma kanaan amantaa pirezidantummaa itti kenname ganuun ummanni Ameerikaa akka miidhamu taasiseeras’’ jedha.

Hokkara gaafa Roobii paarlaamaa biyyattiitti ka'een namoonni shan lubbuu dhabaniiru

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Hokkara gaafa Roobii paarlaamaa biyyattiitti ka'een namoonni shan lubbuu dhabaniiru

Angoorraa buqqisuun maal jechuudha?

Adeemsi kun qaamni mootummaa seera baasu, pirezidantichi dhaddachaaf akka dhiyaataniif dandeessisa.

Barreeffamoonni himata qaban mana marichaan ni dhiyaatu. Yoo maanni maricha akka darbaniif filate Seeneetii yakkamaafi yakkamaa miti jedhee murteessutti dabarfamu. Bu’aansaa maalis ta’u ol iyyachuun hin jiru.

Adeemsichi yakkamaa himachuu mannaa adeemsa siyasummaasaatu guddata. Biil Kiliintan 1999 akkasumas Andiriw Joonsan 1868 aansuun Tiraampi nama sadaffaa adeemsa kana keessa darbanidha. Warreen lameen duraanii angoorra turaniiru.

Salphina ‘Watar Geetiin’’ dhiibbaan kan irra ga’e Riichaardi Niiksan 1974 osoo adeemsa buqqisuu keessa hin darbin angoo gadi dhiisani.

Boqonnaa 25ffaa heera mootummaa ilaalchiseewoo?

Wiixatarra Dimokraatonni boqonnaa 25ffaa heera mootummaa biyyattii kaasuun Maayik Peensi Tiraampi angoo akka gadhiisaniif akka gaafatan dhiibanus, mormii Riippabliikaanota mana marichaa keessa jiran muraasarraa ka’een osoo hin milk’aain hafeera.

Akka boqonnaa 25ffaa kanaatti, pirezidantiin biyyattii bulchaa jiru/jirtu dandeettii hin qabu/qabdu jedhame yoo itti amaname, itti aanaan isaa/ishee angoorraa akka bu’u gaafatee biyyattii bulchuuf dandeessisaani.

Sagaleen erga kennamee boodas Dimokraatonni Abba Peensiif sa’aatii 24 siif kennineerra, yoo didde ammoo adeemsa buqqisaatti deemna jedhani.

Bu’aan buqqisa kanaa akkam ta’uu mala?

Buqqisni akka barametti adeemsa dheeraa, qorannoo akkasumas dhaddacha torbanoota hedduuf taa’amu of keessaa qabudha. Inni kun garuu dafee akka xumuramu eegama.

Akka himanni Wiixatarra mana marichaan dhiyaate mul’isutti, sagaleen akka kennamuuf karaa kan saaqedha. Sagaleen caalmaa xiqqaa qabullee Seeneetiitti dhaddachi akka taa’amu taasisuu mala.