Akeekkachiisa waliin Tiwiitariin Tiraampiin deebiseera, kaan garuu ni didan

Yeroon aangoosaanii goolabamaa kan jiru Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp, toora tiwiitarii irraa sa'atii 12'f erga ugguramanii booda deebifamaniiru. Miidiyaaleen hawaasummaa kaan garuu deebisuunii didan.
Tiwiitariin ammas haalduree jabaa kaa'uun deebise, kanaan booda waan seera ittiin bulmaataa dhaabbatichaa cabsu yoo maxxansan ''guutummaatti'' haqamu jedhe.
Tiwiitariin akeekkachiisa waliin Tiraampiin tooratti deebisullee Feesbuukiin garuu kan sa'atii 24'f pirezidaanticha ugguree ture amma ammoo yeroo hin beekamneef akkaawuntiisaa haqeera.
Tiraamp wayita Kaappitool Hiil weeraramu hiriirtota deggertootasaanii ta'aniin ''goota'' jechaa faarsaa turan.
Ergaa miidiyaalee hawaasummaarratti maxansaniin, ''Isin jaallanna'' jechaa turan, filannoon akka hatames irra deddeebi'anii maxxansaa turan.
Ergaawwan isaan dabarsaa turan seerota ittiin bulmaataa miidiyaalee hawaasummaa faallessuurra darbee dimokiraasii Ameerikaa kan xureessee fi maqaa biyyattii kan cabseedha.
Gochasaanii kanaafis Tiwiitar, Feesbuukii, YouTube, Snapchat, Instagram fi kaan akkaawuntii pirezidaantichaa haqaniiru.
Feesbuukii fi Instagram akkaawuntiin Tiraamp yeroo hin beekmaneef ugguramee akka turu kan murteessan yoo ta'u, erga pirezidaantiin haaraa filataman Joo Baayidan Amajjii dhufu gaafa bultii 20 aangoosaanii harkaan ga'atanii booda dhimmichi ilaalamuu danda'a jedhaniiru.
Qondaalli Feesbuukii, Mark Pirezidaant Tiraamp akka maxxansuu itti fufan yoo eeyyamne balaan dhufu guddaadha jedhan.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Fedhiin Tiraamp, aangoon gara Joo Baayidan akka hin dabarre gochuu akka ta'e ifadha, kunimmoo goolama hamaa waan uumuuf uggurre jedha qondaalli Feesbuukii kun.
''Kanaafuu, uggura Feesbuukii fi Instagram Tiraamp irra kaa'an kana yeroo hin beekamneef dheeressineerra. Yoo xiqqaate torban lamaaf, hanga aangoon karaa nagaan dabarfamee xumuramutti, uggura kana itti fufna'' jedhan.
Duraan sababa Tiraamp waan hookkara hammeessu maxxansaa turaniif kan uggure Tiwiitar, erga pirezidaantichi maxxansa akkanaa haqanii waan uummata tasgabbeessu faarsuu eegalanii garuu akka deebi'an eeyyameeraaf.
Tiwiitarii akkaan kan jaal'atan pirezidaant Tiraamp, amma waan Tiwiitarii isaan irraa barbaadu hunda raawwachuu eegalaniiru.
UUmmati karaa seeraa fi naamusa eegee deemuu akka qabuu fi kanneen seera kabachiisanis kabajuu akka qabu akkasumas gocha badiirraa akka of-qusatu dhaamuu eegalaniiru.

Madda suuraa, Twitter














