Pireezidantiin haarayaa US Joo Baayidan fi Putiin bilbilaan maal waliin dubbatan?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan erga pirezidaantii ta'anii bilbila jalqabaa gita isaanii kan Raashiyaa Vilaadimiir Putiiniif bilbilaniin dhimma giddu seentummaa filannoo kaasuun ergaa akeekkachiisaa dabarsaniif.
Dubbiinsaanii waa'ee hiriira mormii Raashiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruu fi walii galtee meeshaalee waraanaa niwukilaraa itti fufsiisuus of keessaa qaba jedha gabaasi Waayit Haawus.
Pirezidaanti Putiin, Joo Baayidaniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru jedha ibsi mootummaa Raashiyaa, qondaaltonni lameenuu waliin hojjechuuf fedhii agarsiisaniirus jedha.
Pirezidaantiin duraanii US Doonaald Tiraamp ejjennoo dhimma Raashiyaa irratti qaban irratti bulchiinsa isaanii tuffachiisaa akka turanii fi Putiiniif nama addaa ta'uu barbaadaa akka turantu himama.
''Pirezidaant Joo Baayidan gocha Raashiyaas ta'e kamiyyuu kan fedhii fi dantaa US miidhu hunda dura dhaabbachuun akka qolatan kutannoo agarsiisaniiru,'' jedha ibsi mootummaa US.
Qondaaltonni Raashiyaa gamasaaniin pirezidaantiin isaanii US waliin hariiroo isaanii fooyyessuun waan faayidaa biyyoota lameenii giddu galeessa godhaterratti hojjechuu akka fedhan ibsan.
Keessaahuu nageenyaa fi tasgabbii addunyaa mirkaneessuurratti walta'aniiru kan jedhu ibsi Kremliin, ''haasaan qondaaltota lameenii dimshaashatti waan biizineesii fakkaatuufi iftoomina kan qabu ture,'' jedheera.
Qondaaltonni lameen dhimma waliigaltee meeshaalee waraanaa niwukilaraas kaasanii dubbataniiru, walii galteen bara Pirezidaant Baraak Obaamaa ture meeshaalee waraanaa, misaa'elootaa fi laawuncharoota hir'isuu ture.
Walii galteen Obaamaan mallatteessan kun ji'a dhufu keessa kan dhumatuudha, Tiraamp bara bulchiinsa isaanii keessa waliigaltee kana mallatteessuun itti fufisiisuu didan.














