Haleellaa saayibarii: Tiraampifi Baayidan xiyyeeffannoo haakaroota Raashiyaa, Chaayinaafi Iraan ta'an

File photo of computer

Madda suuraa, Getty Images

Haakaroonni Raashiyaa, Chaayinaafi Iraan waliin hidhata qaban namootaafi gareelee filannoo Pireezidantummaa US 2020 irratti qooda fudhatan 'hack' gochuuf (haleeluuf) socho'aa akka jiran dhaabbatni teeknolojii Maayikirosoft beeksise.

Hakaroonni Raashiyaa filannoo bara 2016'tti gaggeeffamee ture butanii turan, ammallee yaalii gochaa akka jiran dhaabbatichi beeksiseera.

Duulli Pireezidant Doonaald Tiraampiifi kaadhimamaa warra Dimookraatotaa Joo Baayidan xiyyeeffannoo buttoota saayibaraa (hakaarootaa) ta'un ibsameera.

Ibsi Maayikiroosoft gareen buttoota saayibaraa kan Raashiyaa 'Stontium' jedhamanii dhaabbilee paartilee Dimookraatotaafi Rippablikaanotaa waliin hidhata qaban 200 irratti qiyyaafataniiru jedha.

Gareedhumti kun dhaabbilee siyaasaa Biritish kana maqaan adda hin baafamne irrattis xiyyeeffachuu ibseera.

Hoogganaan damee nageenya maamilaa fi pireezidantii itti aanaan Mikroosoft Tom Baart 'Strontium' ''akkaawuntiiwwan emailfi kaan cabsanii seenuun odeeffannoowwan dhaabbilee basaasaa gargaaran guurratu ykn ammoo adeemsicha gufachiisuu,'' jedhan.

Akka dhaabbatni kun jedhutti buttootni saayibaraa (hakaroonni) Chaayinaa namoota Joo Baayidan waliin hidhata qaban irratti yoo xiyyeeffatan, kan Iraan ammoo namoota Tiraampitti siqan adamsaa jiru.

Hanga ammaatti yaaliin buttoota saayibarii kun hin milkoofnes jedheera dhaabbatichi. Haleellaan kun kanneen sirna filannichaa hordofan maataa isaaniirratti xiyyeeffachuunis ibsameera.

''Wanti argaa jirru haleellaa kanaan dura yaalan waliin walqabataa ta'uusaati. Kan irratti xiyyeeffatame kaadhimamtootaafi namoota duularratti isaan gargaaran qofa osoo hin taane, namoota dhimma ijoorratti isaan gorsanis ni dabalata,'' jedhan Baart.

Sochiin buttoota kanaa namootni fi dhaabbileen adeemsa siyaasaa keessatti, qooda qaban hanguma gara filannootti dhiyaatan wantoota tolaafi gatii xiqqoon nageenyummaa isaanii ittiin mirkaneessan hojiirra oolchuun kan isaan barbaachisu agarsiisaa jedhu.

Maayikiroosoft akka jedhutti buttootni Chaayinaa akkaawuntii imeelii namoota duula Baayidani keessa jiranirratti akkasumas nama beekamaa duraan bulchiinsa Tiraamp keessa ture tokkorratti xiyyeeffataniiru.

Gareen buttoota saayibaraa Chaayinaa 'Zirconium' jedhamuun beekamanii hawaasa dhimmoota idila addunyaa keessatti namoota beebbeekamo ta'an, dhaabbilee barnootaa, dhaabbilee imaammataafa'arratti xiyyeeffateera.

Gareen Iraan moggaasa 'Phosphorus' jedhamu ammoo akkaawuntii hoogganoota Waayit Haawus barbaadaa tura. Itti dabaluunis Guraandhalaafi Bitootessa gidduu nama hojjetaa duula filannoo Tiraamp adamsaa turan.

Mayikiroosoft kaayyoon buttoota Raashiyaa, Chaayinaafi Iraan maal akka ta'e ibsuu hin dandeenye. Google's Bitootessa keessa Chaayinaafi Iraaniin yaaliin haleellaa saayibaraa gaggeeffamuu ibseera.

Itti aanaan Pirees sekreetariin duula filannoo Donaald Tiraamp xiyyeeffannoo haleellaa saayibarii ta'uu isaanii ta'uu ibsuun yaaliiwwan kunnniin arguun kan isaan dinqu aka hin taane dubbatan.

Hogganoonni duula filannoo Baayidan gama isaaniin ''haleellaa akkasiif akka saaxilamu dandeenyu durumaa barree irratti qophoofneerra,'' jedhan.