Koronaavaayiras: Humni tikaa Raashiyaa dhaabbilee 'talaallii Covid-19 soqaa jiranirratti xiyyeeffate'

Mobaayila harka irra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Basaastonni Raashiyaa interneetii cabsuun hatan (haakaroonni) dhaabbileen talaallii koronaavayirasii hojjechuudhaaf carraaqaa jiran biyyoota UK, US fi Kanaadaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuu tajaajilawwan nageenyaa akeekkachiisan.

UK, US fi Kanaadaan haakaroonni mootummaadhaan deeggaraman qorannoo talaallii koronaavaayirasii hatuudhaaf yaalaniiru jedhan.

Wiirtuun Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa UK (NCSC) akka jedhetti, hakaroonni kunneen, "ifaan ifatti akka qaama tajaajilawwan tikaa Raashiyaatiif" hojjechaa jiru.

Addatti dhaabbata isa kamirratti akka xiyyeeffatameefi odeefannoo hatame jiraachuu garuu hin dubbanne.

Haata'u malee qorannoon talaallii haakaroota kanaan hin gufanne jedheera NCSC.

Haakaroonni kunneen qaama garee APT29 jedhamuuti. Gareen kun ammoo maqaa "the Dukes" ykn "Cozy Bear" jedhamuunis ni beekamu.

NCSC akka jedhetti, APT29n qaama tajaajilwaan intelijansii Raashiyaa ta'uun isaa %95 ol ifadha.

Ministirri Dhimma Alaa Doominiik Raab akkas jedhan: "Tajaajilawwan tikaa Raashiyaa dhaabbileen weerara koronaavaayirasii mo'achuudhaaf hojjetan irratti xiyyeeffachuun isaanii gonkumaa fudhatama hin qabu.

"Yeroo warri kaan amala maal na dhibdeetiin fedhii dhuunfaa isaaniitiif qofa kufanii ka'anitti, UK fi michoonni ishee talaallii argachuudhaan fayyaa addunyaa eeguudhaaf dhama'aa jiru."

Akeekkachiifni kun garee tajaajilawwan nageenyaa idil-addunyaa kanneen gadii kanaan maxxanfameera:

  • Wiirtuun Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa UK (NCSC)
  • Dhaabbata Nageenya Komunikeeshinii Kanaadaa (CSE)
  • Qajeelcha Nageenya Biyya Keessaa US (DHS)tti Ejensii Nageenya Saayibarii (CISA)
  • Ejensii Nageenya Biyyaalessaa US (NSA)

Akka jedhametti, haakaroonni kunneen sirna kompiitaraa cabsanii seenuudhaan ragaa barbaadan buufachuuf, akkasumas fe'uudhaaf sooftiweerii soba fayyadamu.

Sooftiweeriin sobaa kunneen WellMess fi WellMail kan jedhaman yoo ta'u, kompitara faalan/cabsanirraa faayiloota/ragaawwan buufatu ykn fe'u.

Maqaa nama amanamaan ykn nama beekamuun ergaa iimeelii erguudhaanis namoota dhuunfaa goyyoomsuun icciitii ittiin seenan (login) nama harkaa baafatus.

"Bara 2020 keessa, APT29n dhaabbileen qorannoo talaallii Covid-19 irratti hojjetan Kanaadaa, US fi UK keessa jiran irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo hatuuf soqaa jiru.

Hakaroonni kunneen kan kana godhaniif odeeffannoofi bu'aa qorannoo talaallii Covid-19 ilaalchisee jiran hatuudhaaf," jedha gabaasichi.