Yunvarsiitii hattoota qorannoo qoricha Covid-19 isa saamaniif dolaara mil 1.14 kaffale

hacker and university image

Madda suuraa, Getty Images

Yunvarsiitiin Kaalifoorniyaa Firaansiiskoo qorannoo qoricha Covid-19 argachuuf gaggeessaa jiru hattootaan karaa interneetaa (hakerootaan) jalaa saamamnaan, dhoksaatti hattootaarra deebifachuuf dolaara miliyoona 1.14 kaffaluu isaa amane.

Yunivarsiitiin kun kan hakerootaan saamame baatii Waxabajjii kana keessa yoo ta'u, garee hakerootaa 'Neetwoork' jedhamutu saame..

Ogeessonni kompiiteraa Yunvarsiitichaa yeroo vaayirasiin hakeroota Kanaan kompiitera yunvarsiitichaarratti gadhiifamu dhaabsisuuf carraaqqii taasisaa turan.

Taateen sanaan boodas, Yunvarsiitichi hakeroota odeeffannoo qorannoo saaman kana waliin dhoksaatti waliin dubbachaa akka jiran namni eenyummaan isaa hin beekamne tokko BBCtti himuu isaatiirraa kan ka'e BBCn waliin dubbii isaan dhoksaatti tasisan hordofaa tureera.

Screenshot of Netwalker's dark web website used for negotiations with victims
Ibsa waa'ee suuraa, Netwalker's dark web website used for negotiations with victims

Ogeessonni nageenya odeeffannoo akka dubbatanitti, qaamoleen seera kabachiisan faallaa gorsa kennanii dhaabbachuun hakeroota odeeffannoo saaman waliin dhoksaatti waliin marii taasisaa jiru.

Hakeroonni 'Neetwoork' jedhaman kun ji'oota darban lamaan keessa maallaqa dirqisiisee fudhachuuf yoo xiqqaate yunvarsiitota lama irratti miidhaa qaqqabsiiseera.

Hakeroonni gocha saamichaatti bobba'an kunneen dhaabbileen gara garaa irraa odeeffannoofi bu'aawwan qorannoo baayyee barbaachisaafi murteessaadha jedhaman hatuun to'annoo ofii jala oolfachuudhaan 'yeroo hagasii keessatti maallaqa hanga kanaa yoo nuuf kennitan malee hin gadi hin dhiisnu' jedhu.

Hacker chat box saying [Operator]: 'Hi UCSF, don't be shy we can work together on the current incident'

Hattoonni akkasii kun yeroo kaa'ametti maallaqa hanga barbaadan yoo kan hin arganne ta'e maallaqa hanga barbaadan dachaadhaan dabalaa deemuun qaama jalaa hatan sana dirqisiisu.

Hacker chat box saying 'Done. Your data is hide from our blog. Now, let's discuss.'

Qaamni hate ammoo kan isaan gaafatan yoo hin raawwanne odeeffannoofi bu'aawwan qorannichaa akka mancaasan dhaadatu..

Hacker chat box saying 'How can I accept $780,000? Is like, I worked for nothing. You can collect money in a couple of hours. You need to take is seriously. If we'll release our blog, student records/ data, I am 100% sure you will lose more than our price what we asked. We can agree to an price, but not like this, because I'll take this like an insult'
Hacker chat box saying Keep that $780,000 to buy McDonalds for your employees. Is very small amount for us.'

Hakeroonni kunneen Yunvarsiitiin kun muuxannoo cimaafi waggaa keessatti galii Biliyoonaan lakkaa'amu akka qabu hubachuun karaa warra dhoksaan waliigalteef dubbatanii odeeffannoo saaman deebisuudhaaf Dolaara miliyoona 3 gaafatanii turan

Hacker text saying 'I spook with my boss. I sent him all messages and he can't understand how a university like you: 4-5 billions per year. Is really hard to understand and realise you can get $1,020,895. But ok. I really think your accountant/ departments can get $500,000 more. So we'll accept $1.5m and everyone will sleep well.'

Yunvarsiitichis karaa qaama bakkasaa bu'ee waliigalee taasisuun weerarri koronaavaayirasii galii isaarratti dhiibbaa guddaa waan geesiseeruuf hattoota kana hubachiisuudhaan Dolaara kum 780 akka fudhataniif gaafatee ture.

Hacker text saying 'Ok good. Now you can sleep well :D

Waliigaltee guyyaa tokko keessatti taasifameen Yunvarsiitichi maallaqa qabu hunda walitti qabuun Dolaara miliyoona 1.02 kaffaluudhaaf tole jedhanillee hatoonni kunneen ammo Dolaara miliyoona 1.5 gadi akka hin fudhanne beeksisan.

Saatiiwwan muraasaan booda Yunvarsiitichi maallaqa duraan kenneefitti dabaluun dhumarratti hanga kaffaluu danda'u Dolaara 1,140,895 hattoota kanaaf akka kaffalu waliigale.

Guyyaa itti aanutti karaa marsariittiin (Biitkooyin) irraan maallaqnu kun hakeeroota 'Neetwoork' jedhaman kana qaqqabeera.

The dark web payment and negotiation site used by REvil

Yunvarsiitiin Kaalifoorniyaa Firaansiiskoo erga kaffaltaa sana raawwateen booda hattoonni miidhaa geessisan kun sirna kompiiteraafi odeeffannoo saaman gara bakka duraan tureetti deebisuu keessatti dhaabbanni Ameerikaa yakka qoratu FBI gargaarsa taasisaa jir

Yunvarsiitichi taatee kana irratti deebii BBCf kenneen, "Odeeffannoon saamame qorannoo Yunvarsiitichi faayidaa ummataaf jecha gaggeessaa turedha. Sababa Kanaan, murtee baayyee rakkisaa murteessuudhaan odeeffannoo keenya deebisiifachuudhaaf Dolaara miliyoona 1.14 kaffaluudhaaf dirqamneerra," jedhe.a.