Filannoo US2020: Chaayinaa, Raashiyaa fi Iraan filannoo Ameerikaa dhufu attamiin ilaalaa jiru?

Wiiliyaam Evaaniinaa qondaala olaanaa tika Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhimma filannoo irratti jiddu galtummaan qaamolee ala yaaddessaadha jedhan aanga'aan tika Ameerikaa

Chaayinaa, Raashiyaa fi Iraan biyyoota filannoo pireezidantummaa Ameerikaa irratti dhiibbaa uumuu barbaadanidha jedhan aanga'aan olaanaa basaasaa Ameerikaa.

Ibsi direektarri dhaabbata Ameerikaa basaasa qolatu Wiliyaam Evaaniinaa kennan akka agarsiisutti biyyoonni eeraman sadan "tooftaalee dhiibbaa ittiin uuman dhokatoo fi ifa ta'an" fayyadamaa jiru.

Biyyoonni alaa kunneen filannoo Ameerikaa irratti dhibbaa uumuun, imaammata US jijjiirsisuu, biyya keessa nagaan akka hin jiraanne gochuu akkasumas lammileen Ameerikaa sirna diimokiraasii isaaniirraa amantaa akka hin qabaanne godhuu fedhu jedhan.

Haa ta'u malee filannoo keenya irratti akka salphaatti dhiibbaa uumuu hin danda'an jedhan.

Aanga'oonni basaasaa Ameerikaa Raashiyaan filannoo bara 2016 jidduu galtee akka turte himu.

Raashiyaan duula na filadhaa Donaald Tiraamp deeggaraa turte jedhu. Raashiyaan garuu kana ni haalti.

Dhimma jidduu galtummaa jedhame kana ilaalchisee maal gochuuf akka deeman ibsa miidiyaaalee Jimaataa irratti kan gaafataman pireezidant Tiraamp "itti dhiyeenyaan akka hordofan" himan.

Ibsi aanga'aan basaasaa kennan kun wayita Tiraamp mala filannoo sagalee poostaan kennu irratti mamii guddaa akka qaban himaa jiranitti bahe.

Tiraamp akki jedhan kara poostaa sagalee kennuun kuni "seena Ameerikaa keessatti filannoo hatamuu fi bu'aan isaa sirrii hin taane" akka raawwatu godha.

Kanaaf jechaa yeroon filannoo akka dheeratu gaafatanis, warra paartii isaanii oso hin hafiin ittiin mormanii didan.

Jidduu galtummaa qaamolee alaa filannoo baranaa irratti dhaabbileen basaasaa fi tikaa biyyattii odeeffannoo uummataaf kennaa hin jiran jechuun seera baastonni warra Diimokiraat komii kaasaa turan.

Filannoo baranaa Sadaasatti guyyaan murameef kanaan Tiraamp marroo lammataaf filamuuf, bara Baraak Obaamaa pireezidantii itti aanaa kan turan Joo Baaidan ammoo pireezidantii ta'uuf morkatu.