US haleellaa saayibarii dhaabbileesheerratti raawwatameef Raashiyaa himatte

Vilaadmiir Puutiin nama hamaadha jedhani Pompeewoon

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Vilaadmiir Puutiin nama hamaadha jedhani Pompeewoon

Ministirri haajaa alaa US Maayik Pompeewoo haleellaa saayibarii hamaa mootummaa US irratti raawwatameef Raashiyaa himatanii jiru.

"Gocha kanarratti Raashiyaan sirriitti harka keessaa akka qabdu ifatti himuu dandeenya," jedhani Abba Poompewoon gaafa Jimaataa.

Prezidanti Tiraampi garuu hammeenya haleellaa kanaa busheessuun ‘‘toa’nnoo jela jira’’ yoo jedhan, Raashiyaa manna Chaayinaatu harka keessaa qabaachuu mala yaada jedhu kennani.

Buttaan sooftiweerii dhaabbata US ‘SolarWinds’ jedhamuun hojjatamerratti raawwate torbee darbe kan barame yoo ta’u, Raashiyaan ani waan akkasii hin goone jechuun haaltee jirti.

Waajjiraalee US haleellaa kanaan irratti aggaammatame keessaa waajjirri meeshaalee niikularaa to’atu tokko ture. Waajjirri annisaa Ameerikaa yaaliin irratti taasifame kun ‘miidhaan nageenya meehsaaleerra hin geenye’ jira.

Dhaabbileen idil-addunyaa garagaraa kan UK keessa jiran dabalatee haakaroota kanaan aggaammiin irratti godhamee akka ture baramee jira.

Haleellaa saayibarii hamaa kan yeroo kamiiyyuu caaluufi maqaa ‘Sunburst’ jedhu itti mogga’e kanaan maaltu akka ta’e guutummaatti baruuf yeroo dheeraa fudhata jedhu qorattoonni.

Pompeewoon waa’ee haleellaa kanaa maal jedhani?

Af-gaaffii raadiyoo irratti taasisaniin yaada kennanin, Raashiyaan ji’ootaaf eejansiiwwan mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa US fi idil-addunyaa biro cabsanii seenaniiru jedhani.

Ministeera annisaa dabalatee eejansiiwwan federaalaa kan akka eejansii Maallaqaa, Ministeera haajaa keessaa, haajaa alaa, ittisaafi daldalaa warreen aggaammiin irratti taasifame keessaayyu.

Dhimmichi ammallee qoratamaa jira kan jedhan Pompeewoon, Raashiyaan ‘‘akkaataa ireenya keenyaa miidhuu feeti’’ akkasumas Vilaadmiir Puutiin nama balaa qabudha," jedhani.

Deebiin pirezidantichaa maal ture?

Barreeffamoota lama guyyaa kaleessaa Tiwiitar gubbaa maxxansaniin qaamolee isaan ‘‘miidiyaa sobaa’’ jedhanii waaman dhimmicha akka malee afarsaa jiru jedhani.

Akkasiin barreessani: "Haleellaan saayibarii kun isa dhugaa jirurra miidiyaalee sobaa irratti hammaata.

"Ibsi guutuun naaf kennameera, dhimmichis to’annoo jela jira. Haguma waa mudateen Raashiyaa Raashyaa Raashiyaa jechuutu salphata, sababnisaas wanti akkasii yeroo hedduu kan raawwatu maallaqaaf waan ta’eefi. Tarii chaayinaatu godhe jechuuf nisodaatama (ta’uu mala!)."

Ministirri haajaa alaa biyyattii yaada kennan hin dhoofne, Chaayinaan harka keessaa qabaachuusheefis raga hin dhiyeessine.

Duula buttaa/haakii kanaa maal beekna?

Haakaroonni kunneen dhaabbilee gurguddoo keessa seenuu kan danda’an sooftiweerii dhaabbanni IT SolarWinds jedhamu omishe keessaani.

Carraan haakaroonni kunneen dhaabbilee sunneen seenuuf argatan neetworkiiwwan dhaabbilee Sanaa guutummaatti to’achuuf humna kan kennuuf ta’us, odeeffannoo hatuurraan kan darbe danqaa gurguddoo uumuuf itti hin fayyadamne jedhame.

Dhaabbanni sooftiweericha omishe maamilootakoo kuma 300 ta’an keessaa kumni 18 haleellaa kanaaf kan saaxilaman ta’us, odeeffannoowwan murteessoo ta’an hin hatamne jedheera.

Duulli ji’oota muraasaaf taasifame kun Bitootessa bara kanaarra eegamalamuu hin oolle jedhu qorattoonni.