Haleellaa saayibarii US: Dameen anniisaa guddichi US haakarootaan hatame

Biiroon Sakatta'iinsaa Federaalaa(FBI) jaarmiyaalee duula haakarootaa irratti qorannoo gaggeessaa jiran keessaati

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Biiroon Sakatta'iinsaa Federaalaa(FBI) jaarmiyaalee duula haakarootaa irratti qorannoo gaggeessaa jiran keessaati

Jaarmiyaalee US gurguddoo tibbana haakarootaan hataman keessaa dameen anniisaa isa tokkodha.

Dameen anniisaa guddichi kun hatamuun yakka haakaroonni jaarmiyaalee US irratti raawwatan keessaa isa hammaataadha jedhameera.

Dameen anniisaa kunis gabbisa niwukilaraa US adda durummaan kan hoogganuudha.

Garuu haakaroonni kunneen hojii oomisha meeshaalee waraanaa keessa harka hin galfanne jedhe dameen kun.

Haakaroonni kunneen ammaaf damee biizinasii dhaabbatichaarratti xiyyeeffatan malee siistama meeshaalee waraanaa keessa hin seenne jedhe.

Jaarmiyaan teeknooloojii guddichi 'Microsoft' gamasaatiin mosaajii(software) haakarootaan akeekame siistama isaa keessatti arguu ibseera.

Namoonni hedduun duula haakarootaa kana duuba Raashiyaan akka jirtu himu, isheen garuu himannaa kana haalteetti.

Jaarmiyaaleen Maallaqaa fi Daldalaa US kanneen xiyeeffannoo haakarootaa ta'aniidha.

Dilbata darbe dameewwan kunneen haakarootaa butamuu qondaaltonni US himanii turan.

Aangoonsaanii obba'aa kan jiru Pirezidaant Doonaald Tiraamp hanga yoonaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.

Pirezidaantiin haaraa filataman Joo Baayidan gamasaaniin dhimma nageenyummaa saayibariif xiyyeeffannaa guddaa kennanii akka hojjetan ibsan.

Nageenyummaa saayibariif qaamolee jajjaboo ta'ana affeerree, gatii guddaa kaffallee hojjenna jedhan.

Jaarmiyaan nageenya saayibarii guddichi Ameerikaa, Cybersecurity and Infrastructure Agency (Cisa), jedhamu duula haakaroonni gaggeessaa jiran dhaabsisuun ''akkaan walxaxaa fi qormaata hedduu kan qabuudha'' jechuun akeekkachiise.

Duula haakaroonni tibbana gaggeessaa jiraniin miidhaa gurguddaan qaqqabuu fi ammas sodaa hamaan akka jiru akeekkachiise jaarmiyaan kun.

Haakaroonni duula kan eegalan Bitootessa darbe yoo ta'u ergasii qaamoleen dhimmi ilaallatu hojii irraa eegamu hojjechaa turan jedhe jaarmiyichi.