Haleellaa saayibarii: Hakaroota hin beekamne maallaqa hatuun dhaabbilee gargaarsaaf arjooman

robin hood hacker imagery

Madda suuraa, EDUARD MUZHEVSKYI / SCIENCE PHOTO LIBRARY

    • Barreessaa, Joe Tidy
    • Gahee, Ripportara waa'ee saayibarii

Gareen haakarootaa maallaqa hatan, dhaabbilee gargaarsaaf arjoomaa jiraachuun ogeeyyii damee kanaatti hiibboo taheera.

Warreen kumpiyuutara butan yookaan hakaroonni 'Darkside' jedhaman, dolaara miiliyoonatti lakka'amu kaampaaniwwan irraa akka saaman dubbatu. Jarri kun amma addunyaa tana ''iddoo jireenyaaf mijattu goona'' jedhu.

Intarneetii dhokataa tahe 'dark web' jedhamurra, nagahee $10,000 dhaabbilee gargaarsaa lamaaf kennan maxxansan. Kennaan kunis karaa Bitcoin'n kan taasifamedha.

Dhaabbilee lamaan keessaa tokko ka tahe Children International, maallaqa kennameef akka hin fudhanne beeksiseera.

Taateen akkasii ammaan dura kan daran hin baramneefi gama duudhaafi seeraanis waan adda tahedha.

Maxxansa gaafa Onkololeessa 13 baheen, hakaroonni kunniin dhaabbilee gurguddaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa 'ransomware' gaggeessuu himan.

Haleellaa akkasiin, hakaroonni dhaabbileen kun haga beessee baasanitti, sirna kompiyutaraa isaanii haleeluun gadi hin dhiisan.

tax recept for hacker donation
Ibsa waa'ee suuraa, Nagahee dolaara 10,000 arjooman

''Akka yaadnutti, maallaqni kaampaaniiwwan kunniin kaffalan keessaa muraasa dhaabbilee gargaarsaaf kennuun haqa qabeessa.''

''Hojiin keenya badaadha jettanii yaaddanis, nama gargaaruun jireenya fooyyeessuu keenyaaf gammachuutu nutti dhagahama. Har'a kennaa isa jalqabaa taasisneerra.''

Buttoonni kunniin erga dhaabbilee miti-mootummaa lamaaf Bitcoin 0.88 arjooman booda, nagahee isaaniif ergame maxxansaniiru. The Water Project fi Children International jedhamu dhaabbileen kunniin.

Dhaabni 'Children International' daa'imman, maatiiwwaniifi hawaasa biyyoota: Indiyaa, Filiippins, Kolombiyaa, Ikuwaador, Zaambiyaa, Dominikaan Rippabliik, Guwaatemaalaa, Honduraas, Meeksikoo fi Ameerikaatti argaman gargaara.

Dubbi himaan dhaabichaa akka BBCtti himetti, ''Kennaan maallaqaa kun haakarootatti hidhata qaba taanaan, fudhachuuf fedhii hinqabnu.''

Dhaabbanni Water Project ammoo, dhiyeessii bishaan qulqulluu biyyoota Sahaaraan gaditti argaman fooyyeessuu irartti hojjeta. Dhaabichi yaada akka kennu gaafannus nutti hin deebine.

another tax receipt for a donation

Ogeessa nageenya saayibarii ka tahe Brett Callow, ''Yakkamtoonni kunniin hojii arjoomuu akkasii hojjechuun maal mulkeessuuf akka kaayyeeffatan ifa miti.

Tarii balleessummaa itti dhagame ofirraa salphisuuf kana godhanii? Yookaan ammoo akka taatee gootummaan beekamu 'Robin Hood'tti ilaalamuu barbaadaniiru taha.

Kaka'umsi isaanii maaliyyuu haa tahu, kun adeemsa tasumaa hin baramnedha. Hagan odeeffannoo qabutti, gareen 'ransomware' waan kaanirraa hatan, dhaabbilee gargaarsaaf wayita arjooman kun isa jalqabaati.

Gareen haakaroota Darkside maqaan isaanii amma duratti daran kan hinbeekamne tahus, ogeeyyiin gabaa kiriiptoo-karansii xiinxalan garuu, jarri miidhamtootarraa maallaqa hedduu guuraa jiru jedhu.

Kana malees ragaan akka mul'isutti, gareen kun garee yakkamtoota saayibarii, kaampaaniiwwan gurguddoo haleelan wajjinis hidhata qabu jedhama. Dhaabbati Travelex jedhamu, haaleellaa ransomware ji'a Amajjii irra gaheen haalaa miidhame.

Haakaroonni kunniin dhaabbilee gargaarsa kanneeniif haalli maallaqa itti dabarsanis, qaamolee mootummaaf yaaddoodha.

Haakaroonni kunneen, tajaajila US keessaa The Giving Block jedhamu fayyadaman. Tajaajila kana miti-mootummaaleen addunyaa 67 itti dhimma bahu. Kanneen keessaas, kanneen beekamoo tahan Save The Children, Rainforest Foundation fi She's The First keessatti argamu.

deleted tweet from giving block
Ibsa waa'ee suuraa, Maxxansi amma haqame kun, kennaa hakaroota kanarraa argame leellisaa ture

Dhaabbanni 2018tti hundaa'e 'The Giving Block' jedhamu, ''kiriiptoo-karansii fayyadamuun dhaabbilee miti-mootummaaf tajaajila dhiyeessuu'' hojiisaa akka tahe ibsa.

Dhaabbanni kun BBCtti akka himetti, kennaan maallaqaa kun yakkamtoota akkanaatin taasifamuusaa quba hinqabnu turre jedhe. ''Maallqani kun eessaa akka dhufe ammallee qorachaa jirra.

Yoo maallqani kun hatamee dhufe taanaan, qaama irraa hatametti deebisuuf adeemsa eegalla.''

Dhaabni waahee kiriptoo-karansii leellisu kun dabaluun: ''Jarri kiriptoo-karasnii fayydamuun isaanii, inumaayyuu isaan to'achuuf salphise malee, hin cimsu,'' jedhan.

The Bitcoin payment widget on a charity website

Haatahu malee, The Giving Block wayita kennaa fudhatan ragaalee akkamii akka akka kuusan wanti dubbatan hinjiru.

Taajaajiloonni hedduun kanneen akka Bitcoin, fayydamtoonni eenyummaa isaanii akka mirkaneessan gaafatu. Inni kun tahuufi dhiisuusaa hin baramne.

Waan kana hubachuuf jecha BBCn otoo of hin beeksisin The Giving Block irratti arjoomuuf yaalii godhe. Kanaanis eenyummaa mirkaneessuuf gaaffileen gaafataman hin jiran.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, kun walxaxaa tahuufi balaa maqaa osoo hindhayin arjoomuu agarsiisa jedhu.

Qorataan kiriiptoo-karansii Filippi Giraadwel waan jedhu: ''Suuqii dhaaba gargaarsaa tokko maaskii fuula dhoksu godhattee ol seenuun, £10,000 arjoomtee nagahee taaksii gaafatta taanaan, gaaffiin kahuu qaba.

Wanti amma tahe kun kanarraa adda miti.''

BBC dhaabbilee gargaarsaa kennaa gama The Giving Project'n fudhatan dubbiseera.

Save the Children waan BBCtti hime ''otoo beeknuu tasumaa maallaqa yakkaan argame hin fudhannu.''

Dhaabni gargaarsaa She's the First, addunyaarratti dhaaba barnoota shamarranii irratti hojjetu yogguu tahu, maallaqa maddisaa hin beekamneefi yakkaan argame akka hin fudhanne eera.

''Qaamoleen hamaa tahan carraa kiriptoo-karansii fayyadamuun arjoomuu fedhii dhuunfaa isaaniif itti fayaydamuun isaanii nama qaaneessa.''