'Haakaroonni Raashiyaa Olompiika Tookiyoo danquuf turan'-UK

Olompikii Tookiyoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Olompikii Tookiyoo

Haakaroonni(buttootni saayibaraa) Raashiyaa Olompiika Tookiyoo bara kana gaggeefamuuf ture danquuf yaalanii akka turan aanga'oonni UK ibsan.

Waajjirri Haajaa Alaa UK akka jedhutti garee basaasa waraanaa Raashiyaa GRU jedhamutu dhaabbilee fi namoota Olompiika Tookiyoo keessatti qooda bahan gama saayibaraan(kompiitaraan) sakatta'aa turan jedha.

Haleellaan saayibaraa UK'n jettu kun kan raawwatame Olompiikni Tookiyoo sababa vaayirasii Koronaatiin bara 2021'tti dabarfamuu isaatiin dura.

Aanga'ootni UK kun haleellaan raawwatame addumatti maal maal fa'arratti kan xiyyeefate fi hangam akka ta'e hin ibsine.

Gama kaaniin Muummeen Haqaa US dhaabbilee Raashiyaa jaha ''fayidaa tarsiimawaa Raashiyaa eguuf jecha'' haleellaa saayibaraa raawwataniiru jedheen irratti himata bane.

Abbootiin Alangaa US akka jedhanatti gareen kun Olompiika gannaa bara 2018, filannoo pireezidantummaa Firaansifi saamicha aangoo Yukireen keessa harka galfachuun danqaniiru.

''Biyyi akka Raashiyaa dandeettii gama saayibaraan qabdu wantoota badii fi haala itti gaafatama hin qabneen itti fayyadame hin jiru'' jechuun dubbatan gargaaraan Abbaa Alangaa Waliigalaa Joon Demiis.

Mudannnoowwan kanaaniin haleellaawwan kompiitaraa walqabatoof badii geessisan kan garee tokkoon raawwataman akka kanaa hin jiru jedhan.

Dubbii himaan mootummaa UK Doominik Raab haleellaa Olompiika Tookiyoorratti raawwate kanaan ''jechoota jaboo qabdu hundaan ni balaaleffannaa'' jedhaniiru.

UK'n michoota ishee biroo waliin ta'uun haleellaa gama kompiitaraan raawwatamu kana fuula durattis qolachuu akka itti fuftu dubbatan.

Aanga'oonni waajira haajaa alaa UK Olompiika gannaa bara 2018 kan Kooriyaa Kibbaa Piyoongchaangitti qophaayee ture irratti haleellaawwan akkamii akka raawwatamanii turan ifa godhaniiru.

Waltajjii saniratti yaalii godhamaa ture keessaa alaabaawwan sobaa ykn sirrii hin taane kan Kooriyaa Kaabaa fi Chaayinan fakkeefame bocanii dhiyeessuun keessatti argama.

Sabaa himaleen gabaasaaf argaman, aanga'aootni, ispoonsarootni,fi riizoortiiwwan xiyyeefannoo haleellaa koompiitaraa Raashiyaa ta'anii turanis jedhameera.

Neetwoorkiiwwan dorgommii kana gaggeessuuf diriirfaman hojiin ala gochuun dorgommicha gufachiisuuf yaalameeraas jedha Gidduugalli Nageenya Saayibarii Biyyaalessaa UK.

Malli inni tokko malweer(wantoota akka soft weerii) daataa ykn odeeffannoowwan barabaachisoo sirna Kompiitaraa keessa jiran balleessan gadhiisuudha.

Yaaliin kun ogeeyyii IT'tiin koompiitaroota sirna kanaan miidhaman adda baasuun akka fashalaa'u ta'eera.