Haakaroonni biiroo maallaqaa fi daladala US cabsanii seenan

Asxaa Biiroo Maallaqaa US

Madda suuraa, Getty Images

US erga haakaroonni toora waajjiraalee Maallaqaa fi daldalaa cabsanii seenuu barameen booda ajaja hatattamaa baasteetti.

Gocha haakarootaa kana hordofuun manneen hojii mootummaa federaalaa marti isaaniiyyuu neetwoorkii akka dhaamsanii fi akka keessaa ba'an ajajamaniiru.

Neetworkiin kompiyuutaroota manneen hojii mootummaa federaalaa hundaan hidhata qabu, SolarWinds Orion, haakarootaan kan qiyyaafannaa keessaa galeedha.

Us, eenyu akka gocha kana duuba jiru ammatti adda hin baasne.

Taateen erga dhaabbati saayibarii nageenyaa, Cyber security, ''FireEye'' jedhamu meeshaan ittiin waa haak godhan jalaa baduusaa ibsee torban osoo hin guutin raawwate.

Dhabbileen dhimma nageenya saayibarii US kanneen ''Cybersecurity fi Infrastructure Security Agency (Cisa)'' jedhaman wayita ajaja dhaabileef kennan akka ibsanitti, haakaroonni yeroo ammaa kanneen sirna caasaa mootummaa keessa jiru butuu danda'aniidha jechuun akeekkachiisan.

Dhaabbati teeknooloojii guddichi ''SolarWinds'' jedhamu tuwiitarii isaarratti akka barreessetti, fayyadamtoonni isaa hatattamaan gara sirna fooyya'aatti of guddisuu(upgrade) qabu jedhe.

Jaarmiyaan 'FireEye' ammoo kompiyuutaroota dhuunfaas ta'e kan mootummaa, akkaataa haakarootaan butamuu hin dandeenyeen fooyya'uu (upgrade) qabu jechuun maxxansee ture.

Dhaabbati teeknooloojii ''SolarWinds Orion'' jedhamu jalqaba of-fooyyessuu akka qabuu fi ta'uu baannaan haakaroonni akka qama fedhan haleelaniif haala mijeessee jira jechuun akeekkachiisee ture dhaabbati kun.

Namoota dhimma nageenya saayibaraa fi haakarootaan walqabatu sakatta'aa turan keessaa sadi Rooyitarsitti akka himanitti, gocha raawwatame kana duuba Raashiyaatu jirti.

Kana dhagahuun Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa, hamiin kun hundee bu'uura hin qabu jechuun feesbuukii isaarratti barreesseera.