Filannoo Ameerikaa 2020: Hoogganoonni filannoo US komii Tiraamp fudhatama dhabsiisan

A Biden supporter counter-protests at a pro-Trump "stop the steal" rally in Wisconsin

Madda suuraa, Reuters

Hooggantootni filannoo mootummaa Federaalaa filannoon US 2020 ''seenaa Ameerikaa keessatti isa tasgabbaa'aadha'' jechuun komii Doonaald Tiraamp filannicharratti sagaleen hatameera jedhu kufaa godhan.

Koreen filannoo ''sirni filannoo kamuu sagaleen haqamuu ykn baduu, jijjiiramuu ykn ammoo bifa kamiinuu waliin dhahamuu isaaf ragaan hin jiru,'' jedheera.

Koreen kun yaada kan kenne Doonaald Tiraamp sagaleen miiliyoona 2.7 ta'u, torban darbe isaan jalaa haqamuu ibsuu isaanii hordofeeti.

Filannoo kana morkataan isaanii Joo Baayidan injifachuu isaaniis Tiraamp hanga ammaatti hin fudhanne.

Tiraamp isteetota murteessoo jedhaman keessatti sagaleen waliin-dhahameeraa jechuun himannaa bananiiru.

Muummeen Nageenya biyya keessaa filannoo pireezidantummaa Onkololeessa 3 tiksaa ture Kamisa ibsa baaseen, filannichi burjaajiirraa bilisa ture kan jedhudha.

Ejeensiin nageenya intarneetarraa to'atu 'Cybersecurity and Infrastructure Security Agency' jedhamu, himatni ragaa irratti hin hundoofne hedduun akka jiran beeknus, waayee adeemsa filannoo odeeffannoon dogoggoraa jiraachuu hubannus, filannichi nagayaafi amanamaa ta'uurraa amantaa guddaa qabna, isinis amanuu qabdu,'' jedheera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Bu'aa Filannoo US 2020 irratti lammiileen Itoophiyaa maal jedhu?

Pireezidantiin duraanii biyyattii Baaraak Obaamaa yaadni filannichi waliin-dhahameera jedhu Dimookrasii fudhatama dhabsiisuudha jedhaniiru.

Hoogganaan Ejeensiin 'Cybersecurity and Infrastructure Security Agency' Kiristoofar Kireebs Tiraamp akka hojiirraa isaan ari'uu eeguutti akka jiran Rooyitarsi gabaaseera.

Aang'aaan kun guyyaa Kamisaa maxxansa twiitaraa ogeessa seeraa filannoo tokko kan Tiraampiin mufachiisuu danda'u deebisanii qoodaniiru ( riitiwiir godhaniiru).

Maxxansi kun ''adaraa maxxansa waayee maashinoota filannoo waan bu'uura hin qabne retweet hin godhiinaa kan pireezidantichaas yoo ta'e'' kan jedhuudha.

Hoogganaa itti aanaan Ejensii kanaa Biraay Ware, Kamisa kaleessaa aangoo kan gadhiisan yoo ta'u, Waayit Haawus namni kun aangoo akka gadhiisu torbee durbe ture kan gaafate.

Odeessuma kanaan walqabatuun Baaraak Obaamaan miseensonni gameeyyiin Rippaablikaan himannaa Tiraamp isa bu'uura hin qabne hordofaa Dimookrasii xiqqeessaa jiruu jedhan.

Kitaaba isaanii A Promised Land jedhu eebbisuu isaanii dura haasa CBS irratti taasisaniin ''Bulchiinsa Baayidan fudhatama dhabsiisuuf tarkanfii fudhatamaa jiru tokko ta'uu isaan dabalataan, waliigalatti Dimookrasii fudhatama dhabsiisuudha,'' jedhan.

Rippaablikaanotni yaada maalii qabu?

Miseensonni dhaaba Tiraamp xiqqoon kan lakkoofsi isaanii amma dabalaa jiru, pireezidantii ta'anii kan filataman Baayidaniif odeeffannoon nageenyaa guyyuu akka dhiyaatuuf deeggaraa jiru.

Deeggartuu cimtuu Tiraamp kan ta'an Lindsii Giraahaam, odeeffannoon nageenyaa iccitaawaan Pireezidantif qofa dhiyaatu Bayidaniif akka dhiyaatu deeggaraniiru.

Gariin ammoo Baayidan ammallee pireezidantii miti, haa eegnu jechaa jiru.

Miseensota Kongireesii Ripaablikaanota ta'an keessaa 10-20 kan ta'an Baayidaniin baga gammadde jedhaniiru ykn ammoo ce'uumsi gara bulchiinsa Baayidan akka eegalu fedha agarsiisaniiru. Harki caalaan garuu akkuma Tiraamp bu'aa filannoo kanaa hin fudhanne.

Tiraamp maxxansa twiitaraa isaanii Kamisaan sooftiweeriin filannoo isteetota 28 keessatti sagalee miiliyoonaan anaaf kenname haqeera jedhan. Ragaa garuu hin dhiyeessine.