Oballa Oballa: Baqataan Itoophiyaa teessoo mana maree magaalaa Ostin'f filatamuun seenaa hojjete

Oballa Oballa

Madda suuraa, Oballa Oballa

Baqataan Itoophiyaa dargaggummaan Ameerikaatti godaanuun, dhiyeenyatti lammummaa biyyattii argate, kutaa biyyaa Mineesotaa teessoo mana maree Ostin injifachuun seenaa galmeesse.

Obaalaa Obaalaa, dargaggeessi ganna 27 kun oduu injifachuusaa wayita dhagahutti, ''yeroo duraa fi waggoota 152 keessatti magaalaan Ostin nama gurraacha mana maree magaalaatti kan filatte,'' jechuun hedduu gammaduu BBCtti himeera.

Filannoo Ameerikaa diraamaa hedduu kessummeessee fi bu'aan filannoo beekamuuf guyyoota muraasa fudhateen, kaadhimamaan Dimokiraatotaa Joo Baayidan irra aananiiru.

Magaalaan Ostin Mineesotaa inni keessa jiraatu %98 namootni adiin akka keessa kan jiraatan kan dubbatu Obaalaan, teessoo mana maree magaalattiif paartii kamuu otoo bakka hin bu'in, dhuunfaan (non-partisan) dorgomuun milkaa'e.

Obaalaan gaafa duula na filadhaa eegalu, namni gurraachi Itoophiyaa - Gaambellaarraa du'a baqatee biyyaa bahe, nan injifadha jedhee tasumaa hin yaadne ture.

''Baay'een gammade. Jiraattonni magaalaa kuni hunduu adiidha. Kanaaf injifadha jedhee hin yaadne."

Injifachuukoo yoon dhagahu garuu baay'een ofitti gammadde. Dhalataa Itoophiyaa jalqabaa magaalaa Ostin keessatti filatame ta'uun gammachuu guddaa naaf kenne,'' jechuun BBCtti hime.

Gaambellaa haga Ostiin

Daandiin Obaalaan keessa qaxxaamuree dhufe salphaa miti.

Naannoo Gaambellaatti kan dhalate Obaalaan, haleellaa ALA Mudde 13 bara 2003 Gaambellaatti dhaqqabeen sabni Anyuwaak 400 ol lubbuu dhaban jedha.

Ajjeechaa mudate kana baqachuunis maatiisaa waliin gara Keeniyaa imale.

Imala miilaa torban lama booda Sudaan Kibbaa, achiis Sudaan keessa bahuun kaampii Dadaab Keeniyaa argamutti waggaa 10'f jiraate.

Achis bara 2013tti Keeniyaarraa gara Ameerikaatti qubatan.

Mudannoo kantiibaa magaalaa Ostiin…

Oballa Oballa

Madda suuraa, Oballa Oballa

Ameerikaatti imalee jireenya gaarii jiraachu malee bulchiinsa keessa seena jedhee hin yaadne ture kan jedhu dargaggoon kun, ta'us, waggaa afur dura gaafa tokko kantiibaa magaalaa Ostin qaamaan dubbisuun itti-gaafatama fudhachuu dubbata.

Obaalaan dhalattoota Gaambellaa magaalaa Ostiin jiraatan, Kantiibaa magaalaa Ostin yookiin ajajaa poolisii beektu jedhee gaafate.

Hunduu ''Lakki, hin beeknu. Akka kantiibaan jiru beekna. Garuu isa dubbisne hin beeknu,'' isaan jedhan.

Lafa waajjiri kantiibaa magalatti jiru intarneeta gubbaa barbaadee dhaqe.

''Gaafan kantiibaa arge, wanti jalqaba godhe maqaan koo Obaalaa Obaalaa jedhama. Magaalaa Ostin gargaaruuf wanti narraa barbaaddan yoo jiraate asin jira ittiin jedhe.''

Kantiibichi eenyu ati jedhee gaafate. ''Ji'a sadii dura magaalaa biraarraa magaalattii dhufuu fi barachaa akka jiru itti hime.

Presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Bu'aa Filannoo US 2020 irratti lammiileen Itoophiyaa maal jedhu?
Presentational grey line

Magaalaa kana waan jaaladheef magaalaa kana keessa qooda fudhachuun barbaada jedhee itti hime. Kantiibichis in kolfe.

Ati baqataa jalqabaa waajjirakoo dhufee itti - gaafatama fudhachuu gaafatedha naan jedhe.

Boodarra, walitti dhufeenyi kantiibaa waliin qabu cimee bara 2016'tti boordii komishinii mirga namoomaa magaalattiitti na muude. Ergasii tajaajilaan jira.

Akka Obaalaan jedhutti magaalaa inni keessa jiraatutti %98 namoota adiitu jiraata. Dhalattoonni Afriikaa %0.05 dha.

Morkattuun Obaalaa dubartii Heelen Jaar kan jedhamtu oggaa tahu, Ostinitti dhalattee ganna 66 guutuu magaaluma kana jiraatte jedha.

''Anaaf morkattuu cimtuu turte, ta'us ummanni Ostin garuu ana filachuu murteesse.''

'Abjuu Ameerikaa'

Ijoolleen Afrikaa biyya kamuu keessa jiran milkaa'ina isaarraa akka baratanis barbaada Obaalaan.

''Milkaa'innikoo daa'ima ol guddatu Itoophiyaas ta'e Sudaan Kibbaa, Tanzaaniyaas ta'e biyyoota Afrikaa akkasumas kaampii baqattootaa keessa jiraatanif ergaa dabarsu qaba,'' jedha.

''Abjuun kee sirriidha!''

Dargaggummaanis ta'e dulluma keessa gara Ameerikaa dhuftee yoo cimtee hojjette, 'abjuu Ameerikaa' argachuu barbaadde ni argatta.

Dargaggoon umrii 27 Obaalaan rakkoo manneen jireenyaa furuu, tajaajila tursiisa daa'immanii gatii madaalawaan akka argamu fi carraan hojii dabalataa akka argamu duula gaggeessuun injifate.

Kana milkeessuufis waggoota afran dhufaniiti nan hojjedha jedheera.

Lammummaa Ameerikaa waggaa dura kan argate Obaalaan, ''sagalee koo haaraa tahe fayyadamuun, uummata magaalaa Ostiniif waan haaraa fiduun barbaada,'' jechuun BBCtti hime.