DOnaald Tiraamp Ministira Raayyaa Ittisaa isaanii maaliif ari'an?

Madda suuraa, Reuters
Pireezidant Doonaald Tiraamp ergaa tiwiitara irraatti maxxansaniin Ministira Raayyaa Ittisa biyyaa Mark Ispeer aangoorraa kaasuu beeksisan.
Maxxansa isaanii kanaan hoogganaa jidduugala duula farra shororkeessumaa biyyaalessaa kan turan Kiristoofar Miileer hatattamaan aangoo sana akka qabatanillee ibsan.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ispeerii fi Tiraamp erga yeroo dhiyootii addabaabayiirratti osoo hin hafiin walitti bu'aniiru.
Tiraamp hanga yoonaatti bu'aa filannoo morkataan isaanii Joo Baayidan injifachuun ibsamaa jiru hin fudhanne, inumaayyuu filannichi kutaalee biyyaa tokko tokko keessatti 'hatameera' jechuun himata isaanii Mana Murtiitti dhiyeessaa jiru.
Filatamaan haarofni Waayit Haawus galuuf torbanootni yeroo hafanitti Tiraamp aangaa'aa buusanii haaraa muuduun waan haaraa ta'eera.
Guyyaa Wiixtaa Tiraamp ari'amuu Ispeer ibsanii osoo hedduu hin turiin muudamaan haaraan Miileer waajjira muummee ittisa biyyaa kan Peentaagon yoo seenan mul'ataniiru.
Duraan loltuu humna addaa kan turan Miileer, aangoo isaanii kan farra shororkeessummaa qabachuun dura mana maree nageenya biyyaalessaa Tiraamp ijaaran keessa turan.
Ispeer xalayaa aangoo gadhiisuu isaanii ibsurratti miseensota humna waraanaa galateeffatanii, ji'oota 18 aangoorraa turan keessatti hojii hojjetanitti kan boonan ta'uu himan.
''Biyya koo kaniin tajaajilaa ture heeraaf wabii dhaabbachuuni, murtee anaan kaasuuf murteessite nan fudhadha'' jedhaniiru.
Afa-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uumataa Naansii Peloosii murtee Tiraamp kanaan mormaniiru.
'' Tasa Isperiin ari'uun pireezidant Tiraamp turtii isaa guyyoota hafanii keessatti Dimookirasii Ameerikaa fi addunyaarratti balaa uumanii darbuuf fedha qabaniif agarsiiftuu nama jeequdha'' jedhan.
Tiraamp maaliif hogganaa Ittisa Biyyaa ari'an?
Ispeer pireezidant Tiraamp waliin kan waldhaban ajjeechaa nama gurraachaa Joorji Filooyid hordofee mormiii jabaa dhalateef Waayit Haawus loltuu hedduu bobbaasuu hordofeeti.
Mormii jabaa Filooyid harka Poolisii adiitti ajjeefamuu hordofee dhalate Tiraamp humna loltuun gadi qabuuf dhaadatanii turan.
Hoogganaan ittisa biyyaa Ispeer gama isaaniin loltoota ittisa biyyaa mormii kana akka dhaabsisan bobbaasuun sirrii miti jechuun isaanii Tiraamp mufachiiseera.
Taatee sanaan duuba Tiraamp hoogganaa kana akka ari'achu danda'an shakkamaa ture.
Ta'uus murtee isaanii kaleessaan maaliif Ispeer angoorraa akka ari'aman Tiraamp hin ibsine.
Ispeer ejjennoo Tiraamp NATO irratti qaban irrattis waliigaluu akka hin dandeenye ibsanii turan.
Torbee darbe miidiyaaf ibsa kennanii turaniin Waayit Haawus waliin hariiroon qaban gaarii ta'uu baatus, aangoo gadhisuun garuu yaada sirriidha jedhanii akka hin yaadne himanii turan.
Ispeer nama yaada hoogganaa isaanii didan mitii jedhamuun qeeqamu. Kanumarraa kan ka'e Tiraamp mataan isaanii maqaa qoosaa "Yesper" jedhuun waamu jedhama.
Ispeer komii isaanirratti ka'e kanaan dogoggoraa jedhaniiru.
Tiraamp bara aangoo isaanii aanga'oota hedduu yoo ari'an, ari'amuu isaaniimmoo kan ibsan gama tiwiitaraan ture.















