Filannoo US 2020: Himannaa seeraa Tiraamp bu'aa filannoo mormuuf qopheeffatan

Deegartoonni pireezidantichaa Michigaan keessatti mormiirra turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deegartoonni pireezidantichaa Michigaan keessatti mormiirra turan

Joo Baayidan pireezidantii Ameerikaa 46ffaa ta'uun filamuun isaanii labsameera. Pireezidant Tiraamp garuu isteetiiwwan muraasa keessatti bu'aan filannoo 'hatameera' jechuun himannaa seeraa banuuf karoorsaa jiru.

Ogeessi seeraa isaani Ruudii Juliyaani Fooks Niwusitti akka himanitti, Tiraamp bu'aa filannoo kana fudhachuun sirrii miti jedhan.

"Filannoon kun yoo xiqqaate isteetiiwwan sadii hanga afurii darbee hanga 10 gahuu danda'an keessatti hatamuu isaaf ragaa jabaatu jira," jedhan.

"Ragaa jabaan" jedhame maal akka ta'e himuu baatanis, isteetiiwwan muraasa keessatti Wiixata irraa eegalee himannaa banuuf akka jiran himan.

Amma dura wanta beeknu:

Section divider

Peensilvaaniyaa

Ogeessi seeraa Ruudii Jiliyaanii akka jedhanitti himata isteetii kanatti banaman keessaa tokko wayita sagaleen lakkaa'amu taajjabdoonni hordofuuf hiree dhabuudha.

Taajjabdoonni kunneen iftoominaaf jecha wayita sagaleen lakkaa'amu hordofu.

Guyyaa filannoon dura kanneen galmaa'an hundi dhorkamuu akka hin qabne tumameera.

Iddoowwan tokko tokkotti sababa weerara koronaavaayirasiin dhorkaawwan tokko tokko kaa'amanii turan.

Ogeessi seeraa Tiraamp Ruudii Juliyaanii, Filaadeelfiyaatti Sanbata ibsa kennanii turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessi seeraa Tiraamp Ruudii Juliyaanii, Filaadeelfiyaatti Sanbata ibsa kennanii turan

Dhorkaawwan kana keessaa tokko taajjabdoonni iddoo itti sagaleen lakkaa'amurraa faana 20 ykn meetira 6 akka fagaatan kan jedhu yoo ta'u, iyyata taasifameen manni murtii gara faana 6 ykn meetira lamaatti akka gadi siqu ajaje.

Ajaji mana murtii kun hojiirra hin oolle jedha gareen duula na filadhaa Tiraamp qindeessu.

"Manni murtii taajjabdoonni rippabliikaanotaa faana jaha itti siqanii wayita sagaleen lakkaa'amu akka hordofan ajajullee, isaan garuu faana jaha dabalataa irraa fageessan," jedhan ogeessi seeraa Ruudiin.

Taajjabduun filannoo wayita adeemsa sagalee lakkaa'uu hordoftu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taajjabduun filannoo wayita adeemsa sagalee lakkaa'uu hordoftu

Qondaalonni filannoo raawwachiisan garuu sirnaan hojjechaa akka turan himu.

Himati biraa Peensilvaaniyaatti banamu, sagalee guyyaa filannoo poostaan ergaman garuu guyyoota sadi booda iddoo itti lakkaa'amu gahan lakkaa'uuf isteetichi murteessuu isaati.

Rippablikaanonni kuni sirrii akka hin taane mormu.

Himanni kun falmii kaasuu malus garuu sagaleen akka kanaan lakkaa'aman hedduu ta'uu dhabuun, bu'aa filannichaa irratti jijjiirama fiduu dhiisuu danda'a jedhu xiinxaltoonni.

Section divider

Michigaan

Bara 2016 Tiraamp garaagarummaa xiqqaan ture isteetii kanarratti kan injifatan - bara kana Joo Baayidan injifataniiru.

Sadaasa 04 Tiraamp isteetii kanatti sagalee lakkaa'uun akka dhaabbatu himata bananii turan, kunis adeemsa sagalee lakkaa'uu hordofuuf nuuf hin aanjofne sababa jedhuuni.

Manni murtii adeemsa sagalee lakkaa'uu hordofuuf haalli hin aanjofne hin jiru jechuun himata sana kuffise.

Election officials looking at absentee ballots

Madda suuraa, Getty Images

Section divider

Wiiskoonsin

Gareen duula na filadhaa Tiraamp qindeessu kutaa biyyaa kanatti 'rakkoolee adeemsa filannoo irratti mudatan' jedhe eeruun sagaleen irra deebiin akka lakkaa'amu gaafatee ture.

Kuni himata banuu hin barbaachisu. Isteetii bu'aan filannoo walitti dhiyoo ta'etti irra deebiin akka lakkaa'amu gaafatamnaan seerri dhorku hin jiru.

Haa ta'u malee yoom irra deebi'amee akka lakkaa'amu wanti beekame hin jiru.

Sagalee irra deebi'anii lakkaa'uun amma duras waanuma baratamaadha, garuu bu'aan filannoo sababa irra deebiin lakkaa'amuutiin jijjiiramee hin beeku.

Bara 2016 Wiiskoonsin keessatti sagaleen irra deebiin lakkaa'amee garaagarummaan argame sagalee 100 kan ta'u qofa ture.

Section divider

Nevaadaa

Paartiin Rippablikaan Nevaadaa "namoonni erga Nevaadaa keessaa bahanii turan kumaatamaan lakkaa'aman seera cabsuun achitti sagalee kennaniiru," jechuun tiwiitarii irratti barreesse.

Maqaa namoota kanneeniis tarreessee jira gareen seeraa pireezidant Tiraamp.

Namoonni guyyaa filannoo guyyoota 30 dursanii achii bahan deebi'anii achitti filachuu ni danda'u. Barattoonni Nevaadaa irraa ta'an bakka biraatti barumsarra jiranillee achitti filachuuf mirga qabu.

Iddoon himatni kun iratti xiyyeeffate kaawuntiin Kilaark 'sagalee seeran ala kenname quba hin qabu' jedheera.

Section divider

Joorjiyaa

Joorjiyaa Kaawuntii Chaataam jedhamutti adeemsa filannoo irratti rakkoon uumameera jechuun himatni baname.

Dura taa'aan paartii Rippablikaanii Joorjiyaa Deevid Shaafar, "dubartiin tokko sagalee poostaan kenname 50 ta'u sagalee hin lakkaa'amiinitti yoo maktu argeera," jechuun tiwiitarii irratti barreessan.

Sadaasa 05 himata kanaaf ragaan hin jiru jechuun manni murtii himaticha kuffise.

Section divider

Arizoonaa

Gareen Tiraamp Sanbata darbe sagaleen seera qabeessa lakkaa'amuun irra ture gatamaniiru jechuun himata bane.

Himatni kun waan taajjabdoonni lama jedhan akkasumas kanneen sagalee kennan lama biroo filachuu irratti rakkachuu isaanii himuu eeruun baname.

Himatichi ilaalamaa kan jiru yoo, aanga'oonni Arizoonaa himata bu'uura hin qabne ittiin jedhaniiru.

Protests

Madda suuraa, Getty Images

Section divider

Himatni Tiraamp Mana Murtii Waliigalaa gahuu danda'aa?

Roobii darbe Tiraamp filannoon hatameera jechuun gara mana murtii olaanaa akka deeman dubbatanii turan.

Bu'aan filannoo mana murtii waliigalaa Ameerikaatti ilaalamuun dura, manneen murtii naannoolee ykn isteetiiwwaniin ilaalamuu qaba.

Ajaja manneen murtii isteetiiwwanii dabarsan hordofuun manni murtii waliigalaa dhimmicha ilaaluu mala.

Wal-dhibdeewwan filannoon wal qabatan gara mana murtii waliigalaa geessuun waan baratame miti. Yoo geeffames himatni jabaan jiraachuu qaba.

Hanga ammaa yeroo tokko qofa dhimmi filannoo mana murtii waliigalaan kan ilaalame, sunis bara 2000.

Yeroos kaadhimamaa Dimokiraatotaa kan ture Al Goor sagalee 537 qofaan Filooridaa irratti mo'amuun pireezidantummaas injifatame.

Adeemsa irra deebiin lakkaa'uu ji'a tokkoo ol tureen booda, manni murtii waliigalaa kaadhimamaa Rippablikaan kan turan Joorj W Buushiif murteessuun injifannoo isaanii raggaasise.

Section divider