Filannoo US 2020: Baayidan dhimmoota dursa kennanii hojjetan gareen isaanii ibse

biden in wilmington, 8 Nov

Madda suuraa, Reuters

Pireezidaantii haaraa Ameerikaa ta'uun ka filaman Joo Baayidan, Koroonaavaayiras to'achuun sagantaa isaanii isa jalqabaa ta'uu gareen isaanii beeksise.

Filannoo Pireezidantummaa US'n Doonaald Tiraamp marroo lammataaf bulchuuf abjuu qaban kan jalaa fashalsan Baayidan, hunda dura weerara Koronaarratti xiyyeeffachuun isaanii ibsameera.

Diinagdeen, jibbi sanyummaa fi jijjiiramni qilleensaa dhimmoota ijoo biroo pireezidantii haaraan US irratti xiyyeeffatan ta'aniiru.

Filannoo Pireezidantummaa Ameerikaan sagalee Illeektoraalii waliigalaa 538 keessaa, kaadhimamaan sagalee 270 argate filannicha akka mo'atetti fudhatama.

Ammayyuu isteetota murteessoo muraasa keessatti sagalee lakkaawuun kan hin xumuramne ta'us, Baayidan sagalee Ilektoraalaa 279 argatanii jiru.

Murteewwan Pireezidantiin Ameerikaa kallattiin osoo Korgireesiin irratti yaada hin kennin hojiirra akka oolan ajajan muraasas Baayidan ni jijjiiru jedhamee eegama.

Kunneenis:

  • Baayidan waliigaltee jijiirama qilleensaa Paaris kan US Roobii darbe keessaa baatetti ni deebi'u
  • Murtee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa keessaa bahuuf murtaahee ture ni jijjiiru
  • Dhorkaa imalaa lammiilee biyyoota harki caalaan isaanii Musliimota ta'an irratti kaahame kaasuu
  • Imaammata godaantota galmee hin qabneef hayyamni godaantummaan jiraachuu bara Obaamaa bahe deebi'ee hojiirra akka oolu gochuu.

Filannoo kana injifachuuf sagalee isaan barbaachisu argachuun erga ibsamee booda, Baayidan Sanbata drabe haasaa taasisaniin, ''yeroo itti bayyanannudha, yeroo itti walqoqqoodnu osoo hin taane, tokko taanudha,'' jedhan.

Ergaa deeggartoota Tiraampiif dhaamaniin ''dorgomtoota keenya akka diinaatti ilaaluun hafuu qaba,'' jedhan.

Dubartii jalqabaa Pireezidantii Itti aantuu Ameerikaa kan ta'an Kamaalaa Hariisiifi Baayidan marsariitii yeroo ce'umsaa bananii jiru.

Tiraamp erga bara 1990 as pireezidantii jalqabaa marsaa tokkoof qofa aangorra turan ta'aniiru.

Tiraamp buufataalee filannoo tokko tokkotti burjaajiin sagalee raawwatameera jechuun himata kan banan ta'uus, gaggessitootni filannoo garuu wanta isaan himataniif ragaan hin jiru jedhu.

Warra Ripaablikaaniirraa pireezidantii kan turan Joorji W Buush Baayidaniin baga gammadde jedhaniiru.

Itti dabaluunis filannichi haqa qabeessaafi bu'aan isaas qulqulluu akka ta'u abdii qabaachuu himan. Duula filannoo jabaa godhaniifis Tiraampiin baga gammadde jedhan Buush.

Hooggantootni Ripaablikaanotaa gariin garuu ammallee bu'aa filannichaaf beekamtii hin kennine.

Kanneen keessaa Mana Maree bakka Bu'oota uummatataatti hoogganaan Ripaablikaanotaa Keevin Maak Kaarity, Fox News'tti yoo himan lakkaawwiin sagalee irraa deebi'amee, gaaffiin seeraa deebi'u yeroo deebi'u qofa Amerikaan eenyu akka injifate murteessiti jedhan.

Karoorri Baayidan maali?

Weerara Koronaavaayiras ilaalchisee gareen Baayideen akka jedhanitti lakkoofsa namoota qoratamanii dabaluun qorannoon kun itti fufiinsaan bilisaan akka gaggeeffamu gochuuf yaadameera.

Qajeelfamni ragaa amansiisaarratti hundaa'es ni kennama jedhameera.

Dabalataan ammoo biyyattii guutuutti maaskii uffachuun dirqama akka tahu labsuudha. Kuni lakkoofsa namoota qabamanii ni hir'isa abdii jedhu qabu Baayidan.

'Sanyummaa caaseffamaa' biyyattii keessa jiru maqsuuf Baayidan gurraachotaafi warreen lakkoofsaan xiqqaaf manni akka danda'anitti akka dhiyaatuuf gochuu, miindaan madaalawaan akka kaffalamu gochuu, kaffaltii sanyummaarratti hundaa'uun gargar ta'e hambisuuf karoora qabu jedhameera.

Lakkoofsa namoota manneen hidhaa keessa jiran miiliyoona lama ta'an kan harki caalaan gurraachota ta'an hir'isuunis keessatti argama.