Kaamaalaa Haariis pirezidantiin I/A dubartii jalqabaa Ameerikaa eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Kaamaalaa Haariis dubartii jalqabaa aangoo pirezidantii itti aantuu argatan ta’uun seenaa hojjataniiru.
Kana qofaas miti, lammii Ameerikaa gurraachaafi sanyii Eeshiyaa qaban ta’uunis kan duraati.
Kaamaalaan haadha isaanii sanyii Hindii fi abbaa isaanii nama Jaamaayikaa ta’anirraa Kaalifoorniyaatti dhalatan.
Dubartiin ganna 55 kun Baayidan waliin ta’uun waggoota afur dhufaniif biyyattii bulchuuf carraa argataniiru.
Maatiin isaanii ijoollummaatti bultii waan diiganiif haadha waliin guddatani, Aadde Kaamaalaan.
Harmeen Kaamaalaa qorattuu kaansariifi falmattuu mirga namoomaa beekamtuu turani.
Haalli guddina isaaniis aadaa Hindii kan hordofe ture.
Gara Hindiittis haadha isaanii waliin yeroo hedduu imalanii jiru.
Kaamaalaan erga gara siyaasaatti seenanii booda garuu haala jireenya gurraachota Ameerikaa hordofuu eegalani.
‘‘Haati kiyya anaafi obboleettiikoo lammiilee gurraacha Ameerikaa lama guddisaa akka turtetti hubachaa turte. Hawaasni keessatti guddanne akka gurraachaatti akka nusimatu hubattee turte’’ jechuun kitaaba seenaa isaanii qabate keessatti dubbatanii turani.
Kaamaalaan ijoollummaa isaaniitti Kaanaadaa jiraataniiru.
Haati isaanii Yunivarsiitii MaakGiil jedhamu keessatti barsiistuu turani. Moontiriyaal keessa ganna shaniif jiraataniiru.
Yunivarsiitii Howaardi keessatti ammoo barnoota kooleejii isaanii hordofaniiru. Waggoota afur boodas Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa galuun digrii jalqabaa argataniiru.
Kaamaalaan Haadha Alangee ta’uun waggoota dheeraaf tajaajilaniiru. 2003’tti Haadha Alangee waliigalaa dubartii gurraacha jalqabaa ta’uun filatamani.
2014’tti ammoo, ogeessa seeraa kan ta’an Dag Eemhoof waliin gaa’ela hundeessaniiru.














