Filannoo Ameerikaa: Kamala Hariis Ameerikaan alatti waan dhalatteef dorgomuu hin dandeessu jedhan Tiraamp

Kamala Hariis

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Kamaalaa Hariis filannoo Ameerikaaf dorgomuuf ulaagaa hin guuttu jedhan.

Sababni isaa ammoo dubartiin kun Ameerikaadhaan alatti dhalachuushee dhagaheera jedhan.

Dursaan Paartii Dimokiraatotaa Joo Baayidan michuu dorgommii isaanii godhanii kan filatan Kamaalaa Hariis Onkoloolessa 20, bara 1964 Bulchiinsa Kaalifoorniyaa magaalaa Ooklaand keessatti dhalatte.

Abbaan Kamala Hariis lammii Jamaayikaa yoo ta'u haati ishee ammoo lammii Hindiiti.

Haata'u malee qondaalli paartii Rippaabilikaanii Doonaald Tiraamp filannoof dorgomuuf ga'umsa dubartiin kun qabdu gaaffii keessa galchaniiru.

Pirezidaant Tiraamp yaada abaluun Ameerikaan alatti dhalate, ulaagaa filannoof dorgomuu hin guutu jedhu Baaraak Obaamaa irraa eegalan.

Yaadi kun yeroo hunda isaan biraa hin hafu, yeroo hedduus sababa kanaaf jibbiinsa sanyummaan komatamu, ammas ittuma fufan.

Kamaalaa Hariis Kibxata darbe ture Joo Baayidaniin kan filatamte, kanaanis dubartii jalqabaa gurraachota keessaa carraa dorgommii argatte taateetti.

Pirezidaanti Tiraamp waa'ee hiddaa fi iddoo dhalootaa kamala Hariis irratti kan gaaffii kaasuu eegalan abbaa seeraa waa'ee ishee barreesse irraa dhagahaniiti.

Kun dhugaa taanaan warri dimokiraatotaa nama kana filachuu isaaniif dogoggoraniiru jedhan.

Akka heera US'tti namni filannoorratti dorgomuu danda'u nama biyyicha keessatti dhalatee fi lammii biyyichaa ta'eedha.

Pirezidaanti Tiraamp keewwata heeraa kana fayyadamuun morkattoota isaanii burjaajessuun beekamu.

Kanaan duras Pirezidaantiin duraanii US, Keeniyaa keessatti dhalachuu hin oolu jechuun odeeffannoo dhugaa hin taane facaasaa turan.

Boodarra garuu lakkii, inni Ameerikaadhuma keessatti dhalate jedhan.

Bara 2016 keessas morkataa isaanii kan ta'e Ted Cruz Kanaadaatti dhalate jechuun fudhatama dhabsiisuuf yaalaa turan.