Filannoo US: Baayidan michuu dorgommiif dubartii gur'aattii, Kamala Hariis, filatan

Madda suuraa, EPA
Filannoo Pirezidaantummaa US marsaa 46ffaaf qondaalli paartii Rippaabilikaanii Doonaald Tiraamp fi kan paartii Dimokiraatotaa Joo Baayidan Sadaasa dhufu gaafa bultii 03,2020 walii ba’uuf jiru.
Filannoo biyyaalessaa paartilee muummeyyii Ameerikaa lamaan, Dimokiraatiifi Rippaablikaan, gidduutti gaggeeffamuuf qondaltonni lameen sochii eegalaniiru.
Pirezidaanti Tiraamp jaala isaanii, kan dorgommii isaanii keessatti isaan tumsan Maayik Peensi qabu, Morkataan isaanii Joo Baayidan, qondaalli paartii dimokiraat, ammoo Kaalifoorniyaa irraa dubartii bifaan gurraachaa filataniiru.
Kamala Hariis hiddaan makaa Indiyaanaafi Jamaayikaa yoo taatu, bulchiinsa Kaalifoorniyaa bakka bu’uun miseensa seeneetiiti.
Seenaa dorgommii filannoo US keessatti dubartiin bifaan gurraachaafi hidda Eeshiyaafi Ameerikaa qabdu wayita adda durummaan hirmaattu kun isa jalqabaati.
Kamala Hariis seeneetara jabduu, mirgoota dhala namaaf akkaan falmitu yoo taatu, tibba darbe wayita mormiin qoodiinsa sanyummaarratti US keessatti gaggeeffamaa ture damee poolisiif rifoormiin akka barbaachisu dirqamsiiftee turte.
Pirezidaanti Tiraamp masaraa mootummaa, Waayit Haawus, keessatti kaleessaa, Kibxata, wayita ibsa gaazexeessitootaaf kennan, Kamala Hariis ‘’filannoo koo jalqabaa turte’’ jedhanii turan.
Garuu amala nama kanaa jibbanii akka irraa goranis ibsan.
Kamala Hariis michuu Tiraamp kan ta’an Maayik Peensi waliin ji’a Onkoloolessaa dhufu gaafa bultii 07, 2020 bulchiinsa Utaa, magaalaa ‘Salt Lake’ keessatti wal-falmuuf jiru.
Seenaa siyaasaa US keessatti haga ammaatti dubartoota lama qofaaf carraan Pirezidaantii Itti Aantuu ta’uun dorgomuu kennameef-Saaraa Paliin bara 2008, Rippaabilikaanotaan fi Geraldine Ferraro bara 1984, Dimokraatotaan.

Madda suuraa, Getty Images
Haata’u malee lameenuu hin mo’anne.
Haguma kanallee dubartoota adiif carraan kenname malee kanneen bifaan kan biraa ta’an carraa akkanaa argatanii hin beekan.
Gama kaaniin dubartiin hanga ammaatti Pirezidaantii Ameerikaa taate hin jirtu.
Morkataa Pirezidaanti Tiraamp kan ta’an qondaalli paartii Dimokraat Joo Baayidan kutannoo fi dandeettii Kamala Hariis erga gadi fageenyaan qoratanii booda, itti aantuu isaanii taatee akka dorgomtuuf affeeruu himan.
Dubartii umrii ganna 55 kan taate Kamala Hariis, bulchiinsa Kaalifoorniyaa, magaalaa Ooklaand keessatti maatii godaantota ta’an, haadha Indiyaanaa fi abbaa Jamaayikaa irraa dhalatte.
Kamala Hariis kanaa dura Joo Baayidan qeeqaa kan turtee fi kabaja dhowwataa kan turteedha kan jedhan Pirezidaant Tiraamp, nama akkasii filachuun kabaja ofii gadi buusuudha jedhan.













