Filannoo US 2020: Joo Baayidan injifataniiru, itti aanee maaltu ta'a?

Madda suuraa, Getty Images
Joo Baayidan pirezidaantii 46ffaa US ta'uun gara masraa mootummaa US guddicha Waayit Haawus imaluun mirkanaa'eera.
Masaraan kutaalee garaagaraa 132 fi kutaalee manneen fincaanii 35 qabu kun iddoo Baayidan waggoota afran dhufaniif turan ta'uun yeroo ammaa mirkana.
Amma Baayidan filatamuun mirkanaa'eera, itti aaneehoo maaltu ta'a? Tiraampi yoom aangoo dabarsanii kennu?
Baayidan yoom aangoosaanii harkaan ga'atu?
Akkaataa heera mootummaa Ameerikaatiin, pirezidaantiin haaraa filatamu, barri faranjootaa haaraan galee guyyaa 20ffaarratti aangoo harkaan ga'ata.
Kunis sirni guddaa Waashingitan DC'tti gaggeeffamuun raawwatama.
Sirna kanarratti pirezidaantii fi itti aanaan kakuu seenuun aangoo fudhatu.

Pirezidaantiin haaraa filatame, erga bu'aan filannoo ibsamee booda hanga aangoo harkaan ga'atutti garee bulchiinsa ce'umsaa hundeessa.
Haala kanaan garee bulchiinsa ce'umsaa uumuun, pirezidaantichi wayita aangoo harkaan ga'atan hojiin akka hin rakkisnee fi salphaatti hojiisaaniitti seenuuf gargaara.
Tibbana miidiyaarraa jechooti baay'inaan dhageenyu maalfaadha?
Joo Baayidan filannoo alanaa mo'achuu hordofee jechoonni miidiyaa garaagaraa irratti irra deddeebiin dhagahaman isaan kanneeni.
Pirezidaantii haaraa filataman(President-elect): Kana jechuun kaadhimamaan kun filannoo pirezidaantummaa kana mo'ateera, garuu aangoo harkaan hin ga'anne jechuudha. Amajjii 20 irratti erga kakuu seenanii aangoo harkaan ga'atanii booda pirezidaantii jedhamanii waamamu.
Kaabinee: Baayidan yeroo dhiyoo keessatti miseensota kaabinee isaanii ni beeksisu. Isaan kunneen aangawoota olaanoo biyyattii ta'uun wagoota arfan itti aananiif kan biyya bulchaniidha.
Seeltik፡ Pirezidaantiin haaraa filataman humnootii nageenyaa fi tikaa Ameerikaatiin nageenyi isaanii ni eegsifamaaf. Garee nageenya pirezidaantichaa eegsisuuf hundaa'eef ammoo moggaasi maqaa ni kennamaaf. Kan moggaasu pirezidaantii haaraa filatameedha. Joo Baayidan garee kanaan 'Seeltik' jedhaniiru. Pirezidaantii Itti aantuu ta'uun kan filataman Kamaalaa Hariis ammoo garee kanaan 'Paayooniir' jechuun waamaniiru.

Yeroo itti aanan keessatti Tiraamp irraa maaltu eegama?
Siyaasa Ameerikaa keessatti uinni mo'atame isa injifateen bilbilee baga gammadde jechuun waan baratameedha.
Tiraamp kana gochuuf dirqama hin qaban.
Haata'u malee wayita Joo Baayidan garee isaanii gara aangootti fidanii fi hojiisaanii eegalan wantoota barbaachisoo ta'an akka argataniif iyyamuuf dirqama qabu.














