US meeshaa waraanaa Raashiyaarraa bitte jechuun Tarkiirra qoqqobbii keesse

Agarsiisa sirna misaa'ilaa S-400

Madda suuraa, Reuters

US michuushee NATO keessa waliin jiran, Tarkiirra, kan qoqqobbii keesseef, biyyattiin misaa'iloota ittisa biyyaaf oolan kan Raashiyaa irraa bara darbe argatte agarsiisuu wayita eegaltedha.

Misaa'illi dachiirraa gara qilleensaatti furguggifamu, S-400, teeknooloojii NATO waliin kan wal hin simnee fi qindoomina biyyoota Yuuroo-Atlaantikiif daran sodaachisaadha jetti US.

Qoqqoobbiin Wiixata kaleessaa mootummaa US'n ibsame damee meeshaalee waraanaa Tarkii irratti kan xiyyeeffateedha.

Haata'u malee tarkaanfii US kana Tarkii fii fi Raashiyaan mormaniiru.

Wayita Tarkiin misaa'ela Raashiyaa irraa argattetti US ammoo biyyattii sagantaa itti fayyadama xiyyaara waraanaa F-35 keessaa baasteetti.

Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon akka jedhanitti, misaa'illi Tarkiin Raashiyaarraa bitte, S-400, NATO'f yaaddoodha.

"Raashiyaan akka damee waraanaa to'attu akkasumas galii akka irraa argattu waan gargaaruuf biyyattiin akka irraa of qusattu yeroo garaagaraatti itti himaa turre'' jedhan.

Tarkiin michuu US yeroo dheeraati kan jedhan qondaalli US kun, biyyattiin hatattamaan dhimma misaa'ila Raashiyaa keessaa ba'uun rakkoon jiru furamuu qaba jedhan.

Qoqqobbiin US Tarkiirra keesse kun adda durummaan Pirezidaantii Indastirii meeshaalee waraanaa Tarkii Ismaa'il Damiir fi hojjettoota biroo sadi kan ilaallatuudha.

Qoqqobbii kanaan eeyyami alergii Tarkii haqameera, qabeenyi kamuu kan to'annoo US jala jirus irraa fudhatama.

Ministirri Dhimma Alaa Tarkii dhimmicha karaa mariitiin furuudha malee akkaataa tarkaanfii US fudhatteen hin ta'u jedhan.

Kanaafuu US tarkaanfii ariifattee keessa seente irra deebiin ilaaluu qabdi jechuun akeekkachiisan.

Tarkiin erga US misaa'ila itti gurguruu diddee booda kan Raashiyaa akka bitattee fi akkasumas ammoo ishee qofa osoo hin taane miseensi NATO dhibiin Giriis misaa'ila S-300 qabaachuu himte, sun rakkoo ta'uu dhabee kiyya rakkoo ta'uun hanqina US bira jiruudha jette.

US'f michuu yeroo dheeraa fi bakka tarsimaawaa kan taate Tarkiin miseensota Nato keessaa waraana jabaa qabaachuun lammaffaarra jirti.