Haleellaa Siiriyaa: Tarkiin halleellaa Kurdootarratti bante akka dhaabdu gaafatamte

Jiraattoota waraanichaan qee'eesaanii dhiisuun baqataa jiran

Madda suuraa, AFP

Ameerikaan Tarkiin haleellaa Kurdoota Siiriyaa keessatti argaman irratti raawwachuu eegalte daftee kan hindhaabne yoo ta'e qoqqobbii akka irra keessu himte.

Barreessaan Humna Waraanaa Maark Esper ''rakkinni cimaan'' dhufuu akka danda'u yoo akkeekachiisu, Barressaan Qabeenyaa Stevan Mnukin qoqqobbii haaraan jiraachu akka malu himaniiru.

Murteen Donaal Tiraamp waraana Ameerikaa Siiriyaadhaa baasuuf taasisee Tarkiin halleellaa akka eegaltuuf kakaaseera.

Tiraamp Ameerikaan michu Nato kan taate Tarkiifi Kurdii jidduutti jaarsummaa taa'u akka barbaadu himaniiru.

Pirezidaantiin Tarkii Taayyip Erdohaan garuu, haleellaan waraanaa kan itti fufu ta'a jedhaniiru.

The BBC's Martin Patience explains what's behind the conflict.

Madda suuraa, Tens of thousands of people have fled their homes

Akka Motummoota Gamtoomaniitti erga haleellaan Roobii darbee eegalamee namoonni kuma 100 ol ta'an manasaanitii baqataniiru.

Pirezidaanti Erdohaan Kaaba Siiriyaatti milishaa warra Kurdootaa irraa bilisoomsuun ''godina nagaa'' uumuudha jedhaniiru. Innis baqattoota Siriyaatiif mana ta'a jedhu.

Rakkinni naannichatti cimaa akkuma adeemeen guyyaa Jimaataa ammo warraanni Ameerikaa loltoota lafoo Tarkii irraa nutti dhukaafameera jedhan.

Wanta haaraa maaltu jira?

Humnootiin Dimokiraasii Siriyaa (SDF) kan Kurdiin hoogganamu naannichatti michu Ameerikaa kan duraa ture. Wayita ammaa kanatti ammoo waraana Tarkii lafoo fi samii irraa naannoo daangaa Tarkiifi Siiriyaa dheerina gara km 120 qaburratti haleellaa irratti raawwatamaa jiraachu gabaastoonni himaniiru.

Loltoonni SDF fi gareen leelliftoota Tarkiii hedduun ajjeefamaniiru. Waraanni Tarkiis du'a loltuu Tarkiin kan jalqabaa kan mirkanneessee yoo ta'u, kanneen biraa sadii mada'usaanii himeera.

Magaaloti Siriyaa Kaabaatti argaman halleellaa humna qilleensaa Tarkiitiif ilaamaa ta'aniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Magaaloti Siriyaa Kaabaatti argaman halleellaa humna qilleensaa Tarkiitiif ilaamaa ta'aniiru

Yoo xinnaate namoonni siviilii 11 kan ajjeefaman yoo ta'u, lakkoofsi namoota miidhamanii dabalu akka danda'u gareewwan gargaarsaa himaniiru.

Guyyaa Jimaataa Peentaagon akka jedheetti bu'uurrisaa Kaaba Siiriyaa magaalaa Kobaane haleellaa Tarkiirraa irratti taasifameen raafamee ture.

Ogganaan humna qilleensaa Biruk DeWalt naannichis haleellame sun kan ''akka lafa Ameerikaan jiraachushee Tarkiin beekame.''

"Waraanni Ameerikaa hundinuu nagaadha'' jedheera ibsichaan. Kana malees ''Tarkiin tarkaanfii ofi ittisuuf kakaasu raawwachu irraa of qusachuun barbaachisaa ta'a,'' jedheera.

Tarkiin kallattiidhaan waraana Ameerikaa irratti kiyyeefachuu haalte jirti.

US maal gochaa jirtii?

Barreessaan Waraanaa Ameerikaa Esper US michuushee Kurdiiin goodaatti dhiisuu akka hinqabaannee gaafachuun yoo haaleelichi hindhaabbannee ta'e garuu ''miidhaan adda hinbaafame'' Ankaaraa irraa qaqabu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

Kana malees tarkaanfii waraanni Tarkii fudhataa jiruuf pirezidaantii Tarkii balaalleefataniiru.

Refugees wait at a shelter

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattoota magaalaa Raas al- Ainiittii baqachuun bahan lafa dahannootti