Turkii-Siriyaa: Kurdoonni Ameerikaan loltotashee baasuttu aaran

Turkiin waraana kumaatama daangaashe Siriyaatti ergaa jirti

Madda suuraa, AFP

Ameerikaan loltootashee Siriyaa kaabaa turan baasuudhaan tarkaanfii Turrkiin loltoota Kurishi daangaarratti fudhachhf jiru daandii banuuf jirti.

Hubnoonni Kurishiin ogganname Siriyaa keessatti hanga ammaattuu Ameerikaa waliin hajjata ture. Kunis waliin ta'uun gare motummaa Islaamaa IS kan mo'atan yoo ta'u, Turkiin garuu akka shororkeesitootaatti isaan ilaalti.

Sochii amma Ameerikaan taasifte kana garee Kurdoshootaa ''Duubaan waraanuu'' jedhaniiru.

Haa ta'u malees Pirezidaantiin Donaald Tiraampi waraana baasuu ''amma waraan dhuma hinqabne keessaa bahuun yeroo saatii' jechuun waakkateera.

bahaatiin waraa Amererikaa kunis ibsa Waayit Hawuus Dilbata baheen kan wal qabateedha. Innis waraanni Ameerikaa tarkaanfii Turkiin fudhchuunsaa hin ollee karaa gadhii dhiisaa jiru.

Pirezidaantiin Turkii gama isaatiin, kaayyoonsaa loltoota Kurdisha naannoo daangaa ofirraa ittisuun baqattoota Siriyaa dhiheenya keessa Turkii jiraataniif ''naannoo jireenyaa nagaa umuufiidha jedheera.

Akkasumas, Ogganaan gdeegarsa hamoonaa Siriyaa keessaa, Paanos Moumtzis, yoo waraanni kaaba baha Siriyaatti kan eegalu ta'e hojjattoonni gargaarsaa waan hamaadhaaf qophaa'u qabu jedhaniiru.

''Muxannoo keenyarraa, haallichi buqqa'iinsa namoota hedduu qaqabsiisu danda'a. Kanaafu qophii taasisu qabna jedheera.

Waayita hawuus maal jedhe?

Kana booda Ameerikaan waraana kaaba baha Siriyaatti Kurishootarratti taasisamu keessatti hin hirmaattu jedheera Waayit Haawus jijjirama imaamataa olaanaa taasiseen.

Turkiin hidhattoota Kurish kan akka shororkeessaatti ilaalaln daangaa irraa qulqulleessu barbaadi.

Turkiin hidhamtoota garee IS naannnichaatiif itti gaafatamtu taati, akka dubbi himaan US jedheetti.

Riphee loltoonni Kurdish kan loltoota dhibbaan lakkaa'aman Siriyaa keessa qabanis hanga harratti USn deegaramu ture.

Baatii Amajjii keessa pirezidaanti Tiraamp Turkiin humnoota kurdishoota ahaleelanii dinagdeedhaan ni dadhabu jechuun akeekachisee ture.

Haa ta'u malee ibsa Waayit Hawuti Dilbata baaseen waa'ee loltoota Kurdish kan IS mo'achuu keessatti gahee olaanaa xabataniifi Siriyaa keessatti ammoo akka Isis tti ilaalamanii omaa hinjenne.

Turkish military vehicles

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, US waraanicha keessatti hirmaannaa hinqabaatu jedheera Waayita Hawuus.

Ibsi bahe kunis erga Pirezidaanti Tiraampiifi Pirezidaantiin Turkii Riisep Taayp Erdogaan bilbilaan marii taasisanii booda jedhameera.

Kunis erga Mr Erdogaan halleellaan dhihootti akka fudhatamu himan guyyaa tokkoon boodadha.

Waayit Hawuus maal jedhee?

''Turkiin dhiheenyaatti karoorashee tarkaanffii fudhachu dheeraa gara Siriyaa Kaabaatti sochoosuuf,'' jedha ibsichi.

''Humnootiin hidhattoota Ameerikaa deegarsa hintaasiisan ykn tarkaanficha keessatti hin hirmaatan. Waraanni daangaa ISIS mo'atees dhiheenya naannichaatti hinargaman.''

Ibsi Waayit Hawuus kunis Turkiin loltoota gare IS waggoota lamaan darban keessatti qabaman hundaaf itti gaafatmummaa fudhatti jedheera.

''Ameerikaan waggoota hedduudhaaf isaan kan hinto'anneefi kunis kanfaltoota taaksii Ameerikaatiif baasii guddaadha'' jedheera.

Bu'uurri saa maal?

Mr Tiraamp wayita Mr Erdogaan waliin bilbilaan haasa'aniitti kaaba Siriyaatti adeemsa hundeessuu 'zoonii nageenyaa' irratti abdii kutachuu himeera. Kana raawwachuuf ammoo Adooleessa keessa wal taatoonni Nato waliigalanii turan.

Kurds protest near the Turkish border

Madda suuraa, AFP

Waranni Kurdii qaama olaanaa Humnoota Dimokiraasii Siriyaa tiran. Ameerikaanis deegarsa taasifteen Siriyaa keessatti IS akka mo'an ta'eera.

Akkasumas Turkiin baqattoota Siriyaa daangaasheerra jira hanga miliyoona lamaa ta'an daangaasheetii oofuun gara zoonichaatti galchu barbaaddi. Wayita ammaa kanattis Turk9iin baqattoota Siriyaa walitti bu'insaan baqatan gara miliyoon 3.6dahuu taatee jirti.

Turkiin maaliif Adda waraanaa Kurdish (YPG) akka shororkeessatti ilaalti?

Turkiin YPG akka waan haftee Paartii Hojjattoota Kurdish (PKK) kan dhorkameetti kan waggoota sadiif walabummaa Kurdishiif Turkii keessatti lolaa turaniitti ilaaltiin.

Paartiin YPG garuu walitti hidhama dhaabbatummaa kamiyyu PKK waliin akka hinqabne dubbata.

Kana duras Turkiin Ameerikaan waan YPG deegartuuf komataa turte.