Tarkii-Siriyaa: Daangaa keenyaa miti jedhe Donaald Tiraampi

Pirezidaant Donaald Tiraampi haleellaan Tarkiin Siriyaa keessatti raawwataa jirtu ''daangaa keenyaa miti'' jechuun akkasumas michoota US duranii warra Kurdiitinis'' ergamtoota miti'' jedheeniira.
Ameerikaan loltootashee Siriyaadhaa baasuusheetiif baayyee qeeqamaa kan jirtu yoo ta'u, kaaan ammoo gocha Ameerikaa kanantu Tarikiin akka humnoota Kurdiirratti haaleellaa bantuuf daandii saaqeef jechaa jiru.
Mr Tiraamp garuu Waayit Haawitiitti gaazexessitootatti akka himaniitti Ameerikaan ''ergamtuu poolisii miti'' jedhaniiru.
''Kunis nuuf gara mana deebii'uuf yeroosaati'' jedhaniiru.
Miseensoonni bakka bu'oota ummataa Ameerikaa garuu US loltootashee Siriyaadhaa baasuusheetiif wal ta'uun komachuun warra Dimokiraatotaafi garee Tiraampi kan ta'an warra Rippablikaanoota waliin tarkaanfiin akka fudhatamuuf mirkaneessaniiru.
Afi yaa'iin mana maricaa Naansii Peloos gaazexessitootatti akka himteetti Mr Tiraampi wayita Siriyaa ilaalchisuun miseensoota kongrasii waliin walgahii taa'aniitti ''hinuma baqan'' jettee jirti.
Boodas erga Pirezidaantichi ''nama siyaasaa sadarkaa sadaffaa'' ittiin jedheen booda abbootiin siyaasa warra Dimokraatotaa walgahicha dhiisanii bahuu seenatarri Dimokiraatotaa Chucku Skuumar himeera.
Gama isaatinis Mr Tiraampi himannaa walfakkaatu Ms Pelosi irratti kiyyeeffate ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haa ta'u malees aangawwoonni Riippablikaanootaa amala Ms Pelosi ''ta'u kan hinqabaannee'' jechuun '' ni iyyitee'' jedhanii qeeqaniiru.
Tarkiin kaabaa Siriyaa keessatti haleellaa kan eegalte torba tokko dura.
Isheenis Gareewwan Ittisa Ummataa (YPG) jedhamuun kan beekamu milishaa Siriyaa Kurdii daangaa irraa qulleessuun baqattoota Siriyaa daangaarra jiraataniif 'godina nagaa'' uumuuf jecha tarkaanfii fudhatamuudha jetti.
Tarkaanfiin Tarkii kunis hajaja Mr Tiraampi akka waraanni Ameerikaa naannichaa bahuuf dabarsan booda kan dhufeedha.
Humnootiin Kurdiin ogganamu ammoo garee islaamtootaa Siriyaa keessaa baasuuf waraana gaggeeffamee turee keessatti michuu Ameerkaa murteessoo turan.
Amma ammoo tarkaanfiin fudhatamaa jirugaree isilaamtootaa suna kka deebii'ee naannichatti hincimneef sodaataa jira.
Pirezidaantichi maal jedhee?
Gabaasini kana duraa akka mullisaniitti Tiraampi tarkaanffiin Tarkiin Siriyaa keessatti fudhataa jirtu ''rakikina keenyaa miti jechuu mullisaniiru.
Akkaumas Mr Tiraampi ''Jarri daangaarratti rakkoo qabu. Innis daangaa keenyaa miti. Kanaafu irratti lubbuu dhamuun nurra hinjiraatu,'' jedheera.
Kana malees haalli daangaa Siriyaafi Tarkii kana Ameerikaaf akka ''tooftaa gaariittan'' ilaalas jedheera.
''Loltoonni keenya achi jiru. Waraanni keenya gutuummaatti nagaadha. Osoo lola keessa hingaliin haala itti hojjatan ilaalu qabaatu,'' jedheera.
"Ilaalaa, mari'ataa jirra. Tarkiinis waan fudhatama qabu akka raawwattuuf yaalaa jirra, sabaiinsaas nuti waraana dhaabuu barbaadna waan ta'eef'' jedheera.

Madda suuraa, Reuters
Pisezidaantichi warri Kurdiis yoo ta'an ''ergamtoota miti.''
"Nu waliin waraananiiru. Akka nu waliin waraananiifis baasii olaanaa taasifneefiirra. Innis haa ta'u,'' jedheera.
Akkasumas ''wayita nu waliin lolaniitti waan gaarii hojjataniiru. Wayita nu waliin hinturretti garuu cimoo hinturree.''
Mr Tiraampi akka jedheettis Paartiin Hojjattoota Kuridishi (PKK)n kan walabumaa Kurdishoota Tarkii keessatiif qabsaa'aa jiru tarii warra garee Isilaamaa caalaa shororkeessitoota balaafamoo ta'u danda'u jedheera.
Pirezidanti Tiraamp pirezidaantiin Tarkii akka halleelicha raawwatuuf akka fuula hinkenniineef gaazexessitootatti himeera. Sirriiyyuu pirezidaantichaaf erga bilbilaan waliin mari'ateen booda haaleellicha ilaalchisuun ''xalayaa cimaa' barreessuufii himeera.
Guyyaa Roobii, xalayaan Onkolooleessaa 9 guyyaadhuma Tarkiin haaleellaa eegalte Mr Tiraampiin pirezidaantii Tarkiitiif barraa'ee tokko ''Nama cimaa hinta'iin. Goowwaas hinta'iin!'' jedha ture.
''Namoota kumaatana ajjeechisuuf itti gaafatamaa ta'u hinbarbaadu. Dinagdee Tarkii barbadeessuunis itti gaafatamaa ta'u hinbarbaadu. Ta'u hinfedhu,'' jedha xalayichi.













