Tarkii-Siiriyaa: US haleellaa Siiriyaaf ministeerota Tarkii qoqqobde

Loltoota Siiriyaa Tarkiin deeggaraman

Madda suuraa, AFP

Tarkiin michoota Ameerikaa Siiriyaa keessatti argaman haleeluu isheetiin Ameerikaan ministeerotaa fi hooggantoota olaanoo biyyattiirra qoqqobbii keesse.

Pireezidant Doonaald Tiraamp bilbilaan gita isaanii kan Tarkii Tayipp Erdohaaniin atattamaan waraana akka dhaaban kan barbaadan ta'uu itti himaniiru jechuun Pireezidantii Itti aanaa Maayik Peens beeksisaniiru.

''Atattamaaniin gara naannichaatti imala,'' jechuunis Peens dubbatan.

Tarkiin Siiriyaa keessatti Kurdoota michuu Ameerikaa ta'an haleeluu kan jalqabde erga Ameerikaan loltoota ishee naannichaabaaste ta'uun, Ameerikaan Tarkiif akka hayyamteetti ilaalamaa jedhu qeeqxonni.

Tarkiin haleellaa kana kaniin raawwadhe hidhattoota Kurdii(Kurdish-led Syrian Democratic Forces (SDF) naannoo dangaarraa fageessuufi jetti.

Garee kanas akka dhaabbata shoroorkeessaatti beekti.

Qoqqobbiin Tarkiirra kaahame maali?

Hoogganaan Damee Diinagdee Ameerikaa Istiiv Muchiin, qoqqobbiin kun Ministireerota Tarkii lamaa fi hoogganoota olaanoo biyyattii sadiirratti kan xiyyeeffate akka ta'e, ibsa Wiixata galgala kennaniin himan.

Waajiraaleen qoqqobaman lamaan Ministeera Ittisa biyyattiifi Ministeera Annisaati. Hooggantootni qoqqobaman ammoo ministeerota Ittisaa, Annisaa fi dhimmoota biyya keessaati.

Loltoota Kurd

Madda suuraa, ZEIN AL RIFAI

Aanga'oonni fi waajiraaleen kunnin maallaqni Ameerikaatii qaban akka hin sochoone, walitti daldala kamuu Ameerikaa waliin akka hin adeemsifne dhorkaman.

Ibsi Waajirri Diinagdee (Treasury) US baase ''mootummaan Tarkii, lubbuu namoota nagaa rakkoo keessa galchuun, duula IS'n injifachuuf taasifamu xiqqeessuun naannicha tasgabbii dhowwuudha'' jedha.

Presentational white space

Pireezidant Donaald Tiraamp Twiitara irratti yoo barreessan, sibiila Tarkii biyya isaanii galurra taarifa 50% akka kaahaniifi ''walitti daldala $ biiliyoona 100 irratti marii adeemsifama jiru atattamaan akka adda kutan,'' beeksisan.

Pireezidantii Itti aanaan biyyattii Maayik Peens dabaluun ''qoqqobbiin kun hanga Tarkiin waraana dhaabdee, miidhaa qaqqabsiiftu dhiiftee, rakkoo daangaa Tarkii fi Siiriyaarratti furmaata waaraa hin keenyetti, qoqqobbiin kun itti fufaa inumaayyuu ni cima,'' jechuun akeekkachiisan.

Tiraamp kaleessa Erdohaan waliin yoo bilbilaan haasa'an kana jala muranii himanis jedhan.