Ameerikaan qoqqobbii erga labsite booda Iraan US 'salphina gonfatte' jette

Pirezidantii Iraan

Madda suuraa, AFP PHOTO / HO / IRANIAN PRESIDENCY

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Iraan Ameerikaan qofaa ishii qoqqobbii Iraan irratti deebisuuf carraaqaa jirti jedhan

Pirezidantiin Iraan Hasan Ruhaanii Ameerikaan qoqqobbii Biyyoota Gamtoomanii (UN) biyya isaaniirratti deebitee kaa'u yaaluu isheen 'salphina gonfachaa jirti' jechuun qeeqan.

Ruhaaniin gama televizhiniin ergaa kana kan dabarsan yoo ta'u biyyoonni miseensa Mana Maree Nageenyaa ta'an biroo adeemsa Ameerikaa hin fudhanne.

Bulchiinsi Tiraamp waliigaltee Niwukilaraa US Iraan waliin qabdu erga adda kutte booda qoqqobbiin durii Iraan irratti ka'ame deebi'e hojiirra oolchuuf labseera.

UK, Faransaayiifi Jarman Ameerikaan tarkaanfii kana hojiirra oolchuuf aangoo hin qabdu jedhani mormaniiru.

Biyyoonni sadan akkasumas Chaayinaafi Raashiyaa waliigaltee guddaadha jedhameefi bara 2015 Iraan sagantaa niwukilaraa ishee akka dhaabdu yeroo US walii galan waliin turan.

Haa ta'u malee, Pirezidant Tiraamp waliigaltee bara Obaamaan aangoorra turan raawwate keessaa Ameerikaan bahu labsan.

Kana hordofees, Iraan wanta waliigaltee sana keessa turan diiguun yuraaniyeemii gabbisuu qabdu caaluun baay'inaan oomishte.

Ameerikaan akka jettutti biyyattiin adabamuu qabdi. Dabalataan, qoqqobbiin UN Iraan irra ka'ee ture deebi'ame irra kaa'ama jette.

Tarkaanfiin Ameerikaa amma fudhatte qaama yeroo waliigaltee bara 2015 san keessa kan ture akka ta'e ibsame.

Haa ta'u malee, ibsi Ameerikaa miseensota Mana Maree Nageenyaa UN hundaan qeeqameera. Ta'us, UN tarkaanfii fudhate hin qabu. Kanaaf, hojiirra oolmaan murtee Ameerikaa ifa miti.

Gaafa Dilbataa qondaalli olaanaa US maqaan hin dhahamne Rooytarsiin dubbachuun isaanii akka waabeffametti Wiixatarraa eegalee Waashingitan qondaaltota Iraan irratti qoqqobbii keessi.

Qoqqobbiin namoota 24 ol irratti ka'ama kan jedhame yoo ta'u sababni qoqqobbiin irra ka'amus sababa gabbisa niwukilaraa, misaa'elii akkasumas sagantaa waraanaa biyyattii keessa qooda waan qabaniifi jechuun Ameerikaan ibsite.

Iraan maal jette?

Ruhaaniin Ameerikaan qoqqobbi Iraanirratti deebisuuf yaaluu isheen 'salphina gonfatte. Hawaasa Idil - addunyaarraa deeggarsa dhabde' jedhan.

Dubbii Ruhaanii dura Ministirri Dhimma Alaa biyyattii ''tarkaanfiin US nagaa idil - addunyaafi UN akkasumas Mana Maree Nageenyaaf yaadoodha,'' jechuun ibsanii turan.

Eenyu maal jedhe?

Biyyoonni lamaan miseensa Mana Maree Nageenyaa UN ta'an UK fi Faransaay akkasumas Jarman labsiin US hojiirra ooluuf ''bu'uura seeraa hin qabu,'' jechuun ibsaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa, biyya biroo miseensa mana Maree Nageenyaa taatellee, bu'uura seeraa hin qabu jedheera.

Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez tarkaanfii kamuu fudhanna jechuun gaafa Sambataa dubbataniiru.

Ministirri Dhimma alaa US Maayik Pompewoo biyyoota tarkaanfii hojiirra hin oolchine irratti guyyoota muraasa keessatti tarkaanfiin fudhatamu ibsama jechuun dabala osoo hin ibsin dubbatan.

Ameerikaan waliigaltee Iraan waliin qabdu keessaa Iraaniif caalsifata jechun erga baate as Iraanirratti qoqqobbii keesseetti.

Gatiin boba'aa cabuufi weerarri Covid-19 immoo diinagdee Iraan hubame ittu hammeesseera.

Murteen Ameerikaa kuni filannoon Ameerikaa taasifamuuf yeroo torban jaha hafetti dhagahame.