Iraan gumaa Janaraal Sulemaanii baafachuuf ambaasaaddar US ajjeesuuf shira xaxaa jirtii?

Madda suuraa, Reuters
Pirezedaantiin US Donaald Tiraamp Iraan dippilomaatii Ameerikaa kamiyyu ajjeefnaan addabbii hamaatu ishee eeggata jechuun dhaadatan.
Kan kana jedhan ammoo Iraan Afrikaa Kibbaatti ambaasaaddara Ameerikaa kan ta'an Laanaa Maarkisaniin ajjeessuudhaaf shira xaxaa jirti odeeffannoon jedhu erga baheeti.
Iraan haala kamiiniyyu dippilomaatii Ameerikaa irratti haleellaa kan raawwattu taanaan, "hojii harka isheetii ni kenninaaf" kan jedhan PirezedaantTiraamp, "adabbiin ishee eeggatu ammoo haleellaa isheen raawwatattu harka 1,000 kan caalu ta'a," jechuun akeekkachiisan.
Pirezedaanti Tiraamp kan kan jedhan ergaa fuula Tiwiitera isaaniirratti Wixata darbe barreessan irrattidha.
Iraan shira ajjeechaa xaxaa jirtu odeeffannoo jedhu kan ifa baase ammoo gaazexaa Poletiikoo jedhamudha.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Sa'id Katiibzaad ammoo gabaasa gaazexichaa "dhara" jedheera.
Akka gaazexeen Poletikoo jedhamu kun jedhutti Iraan ambaasaaddara Ameerikaa Afrikaa Kibbaa jiru ajjeesuudhaaf kan filatteef ambaasaaddarichi nama yeroo dheeraaf Pirezedaant Tiraampiin jaallatu waan ta'eefidha.
Kaayyoon ajjeechaa kana gaggeessuu ammoo gumaa Janaraala jaallatamaa Qaasim Suleymaanii baafachuudhaaf jedhameera.
Janaraal Suleymaanii Amajji darbe xiyyaara nama maleessa Ameerikaatiin osoo buufata xiyyaaraa Baagidaad irraa ilamuuf ka'aa jiranii ajjeefame.













