Dhuguma Waraanni Addunyaa III jalqabamuu danda’aa?

Lammileen Iraan mormiif addabaabaayii Tehraanitti bahan Ameerikaa abaaraa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen Iraan mormiif addabaabaayii Tehraanitti bahan Ameerikaa abaaraa

Ameerikaafi Iraan tokko isa kaanirratti dhaadachuurra darbanii tarkaanfii adda addaa fudhachuun isaanii addunyaarratti gaaffii akka Waraanni Addunyaa III jalqabuu mala kan jedhuufi kanneen biroo ka'aa jiru.

Gaaffilee kanaaf Xiinxalaan Humna Ittisaafi Dippilomaasii BBC Jonaataan Maarkes kanaaf deebii kenna.

Jimaata Mudde 3, 2020 Janaraala Waraanaa jabaa Iraan qaba jettu Ameerikaan xiyYaara nam-malee (dirooniidhaan) haleeluun ajjeefte.

Janaraalli kun Qaasem Solemaanii jedhama. Baha Giddu-galeessaa keessatti 'Opireeshinii' waraanaa gara garaa babballisuun beekamu. Walgaarerfannaa Waashingiteeniifi Terhaan gidduutti hammaataa dhufeefillee akka sababa guddaatti lakkaa'amu.

Xiinxalaan BBC Jonaataan Maarkes addunyaan keenyi gara Waraana Addunyaa IIIffaatti deemaa jirtii? Kan jedhu akkas jechuun deebisa.

Deemsi jiru gara Waraana Addunyaa III geessaa?

Janaraal Qaasem Solemaanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Janaraal Qaasem Solemaanii

Ajjeefamuu Janaraal Qaasem Solemaanii kana namoonni hedduun jala bultii Waraana Addunyaa IIIffaa ta'uu mala jechuun ibsu. Kun dhugaadha, ajjeechaan Janaraalicha irratti raawwatame kun waan akka salphaatti ilaalamu miti.

Ajjeefamuun Janaraalichaa garuu Waraana Addunyaa IIIffaa sababa ka'umsaa hin ta'u. Diraamaa ajjeechaa Janeraalichaa kana keessa kan jiran Ameerikaafi Iraan qofaadha.

Osoo atakaaroo biyyoota lamaanii kana keessa harki Raashiyaafi Chaayinaa keessa galeera ta'ee wantichi baayyee sodaachisaa ta'a ture. Haata'u malee, ajjeefamuun Janaraal Qaasim Solemaanii isaan hin galchu.

Haata'u malee, ajjeefamuun Janaraalichaa Baha Giddu-galeessaa akka raasu ifaadha. Iraan haaloo ba'uuf deebii kennuun ishee hin oolu.

Kun ammoo gama Ameerikaarraas haleellaa biraa akka raawwattu kan kakaasu ta'uu danda'a.

Iraan deebii yeroo kennitus bakkawwan faayidaawwan Ameerikaa irraa jiran rukkutuu dandeessi. Kana gidduutti waraanni dhalachuu danda'u sodaachisaa ta'uu danda'a.

Ajjeefamuun Janaraalichaa seera qabeessadhaa?

Buufata Xiyaaraa Idil-addunyaa Iraaq Solemaaniin keessatti ajjeefaman

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata Xiyaaraa Idil-addunyaa Iraaq Solemaaniin keessatti ajjeefaman

Ameerikaan Janaraala Iraan kanan ajjeese loltoota Ameerikaa Iraaq keessatti ajjeefamaniif itti gaafatamaa waan ta'eef jetti. Ameerikaan gaaffii Iraaqirraa dhiyaateefiin Baagidaad keessa qubachiisuun ishee ni yaadatama.

Iraaniifi Ameerikaa maaltu Iraaq keessatti walitti buuse?

Iraan michuu mootummaa Iraaq kan Musliima warra Shi'aa ta'eedha. Kanarra darbiteellee Iraan humna waraanaa Iraaq kan akka garaatti sochoostu isheedha jechuun ni hamatamti.

Ameerikaan ammoo loltoota 5000 ta'an Iraaq keessaa qabdi. Kaayyoon isaa guddaan IS tiin dhabamsiisuufi humna waraanaa Iraaq deggeruudhaaf.

Humnoonni biyya alaa kun faayidaa Iraaq keessatti qaban eegsifachuudhaaf jecha wal dhiibbuu kan jalqaban bubbuleera.

Amma gaaffiin guddaan, erga Solemaaniin ajjeefamee booda Ameerikaan faayidaa ishee Iraaq keessaa qabdu eegsifachuu dandeessiidha.

Dhimma kanarratti manni maree bakka bu'oota ummataa Iraaq kora taa'een akka murteessetti humnoonni biyya alaa akka biyya ishee keessaa bahan murtee dabarsiteetti,

Pirezedaant Tiraamp ammoo murtee Iraaq kana waan hin yaadamnedha jedhaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Waldhabdeen Iraanifi Ameerikaa akkamiin as ga'e?

Murteen Iraaq kun kan hojiitti hiikamu yoo ta'e qoqqobbii baayyee hamaa isheen jalaa hin kaane irran kaa'a jechuun dhaadatan.

Solemaaniin dhiigni lammilee Ameerikaa hedduuti harka isaarra jettee kan amantu Ameerikaan humna waraanaa Janaraalichi gaggeessu Humna Kuudsiin shorokkeessaadha jechuun himatti.

Kuna ammoo ajjeefamuu Janaraalichaa ija Ameerikaatiin seera qabeessa taasisa.

Pirofeesarri Mana Barumsaa Seeraa Notirdaam Heleen Akoneel ajjeechaan akkasii kun bu'uura seeraa hin qabu.

"Ajjeechaan kun seera qabeessa kan ta'uu danda'u chaarterii Biyyoota Mootummoota Gamtoomanii kan hordofeefi aggaamii ifatti irratti dhufe ofirraa qolachuudhaaf yoo ta'e qofadha."

Iraan walabummaa Ameerikaa tuqxee hin beektu. Ameerikaan Solemaaniin miidhaa narraan ga'a jechuun biyya namaa keessatti seera qabeessa miti.

Kana jechuun ammoo Ameerikaan ajjeechaa seera qabeessa hin taane raawwachuurra dabartee, Iraaq keessatti haleellaa hin malle gaggeessiteetti jechuudha.

Ajjeechaa Janaraalichaa Tiraampitu bu'aa siyaasaaf taasifatanii?

Pirezedaant Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Dhugaadha yeroon isaa kun Tiraamp ajjeechaa kana ta'e jedhaa kan taasisedha jedhanii komachuudhaaf mijataadha. Yeroon itti aanu yeroo filannoon Ameerikaa itti gaggeeffamudha. Kan barbaade ta'us garuu haalli uumame kun Tiraampiif carraadhas, qormaatadhas.

Pentaagon kaampiiwwan Ameerikaa Iraaq keessa jiran haleellaan irratti raawwatamaa jira, gara fuula duraas ga'uu mala jechuun ni komata.

Tiraamp bara filannoo itti deeman kana cimsuun hojjechuun kan irraa eegamu Baha Giddu-galeessaa keessatti lubbuu lammilee Ameerikaafi qabeenyarratti miidhaan akka hin qaqqabne mirkaneessuudha.

Tiraamp dubbii isaaniitiin hamaa akka ta'an hubatamullee sadarkaa kanarra gahuun tarkaanfii akkasii kana ni fudhatu jedhamee hin eegamne.

Iraan meeshaa nukilara ishee haaloo bahuuf itti fayyadamtii laata? Dandeettii isaammoo qabdii?

Pirezedaantii Iraan Hasan Rohaanii

Madda suuraa, EPA

Iraan dandeettii meeshaa nukilaraa hin qabdu. Haata'u malee, nukilara gabbisuu humnaafi dandeettii isaa ni qabdi. Iraan yeroo hunda nukilara kanan gabbisu boombii omishuuf miti jetti.

Haata'u malee, Iraan waliigaltee bara 2015 akka nukilara omishuu daangessituuf mallatteessiteef hin bitamu jechuusheetiin walqabatee nukilara akka haaraatti gabbisuu jalqabdi sodaan jedhu jira.

Waliigalteen bara 2015 keessa UK, Faransaay, Raashiyaa, Chaayinaafi Jarman, akkasumas Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaa dabalatee irra gahan akka nukilara gabbisuu dhaabduuf kan akeekkachiisu ture.

Pirezedaant Tiraamp yeroo duula na filadhaa gaggeessaa turanirraa gaasanii waliigaltee kana bubbusheessaa turanii erga gara aangootti dhufanii biyya isaanii waliigaltee sana keessaa baasuun isaanii ni yaadatama.

Janaraal Qaasem Solemaaniin Iraaq keessaa maal hojjetu ture?

Qaasem Solemaanii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Qaasem Solemaanii bara 2015 keessa yeroo IS irratti duulan mariyachaa jiranitti

Solemaaniin Iraaq keessatti maal hojjechaa akka jiran ifatti wanti beekamu hin turre. Iraan ammoo milishoota warra Shi'aa Iraaq keessa jiran akka deggertu beekamaadha.

Janaraal Solemaanii waliin kan ajjeefaman Abu MahaadiiAl-Muhaandis haleellaa mandara humna waraanaa Ameerikaarratti raawwateef kan itti gaafatamaa ta'e Kataayib Hizboollaatiif gaggeessaadha.

Lola Ameerikaafi Iraan gidduutti Iraaq ammoo gidiraa argaa jirti. Mootummaan Iraaq ammoo Ameerikaarraas ta'e Iraanirraa gargaarsa ni argata.

Ameerikaan loltoonni ishee biyya Iraaq keessatti waan miidhaan irra gahaa jiruuf Iraaqiin maqaa gooti.

Mootummaan Iraaq ajjeechaa Janaraal Qaasem Solemaanii kana abaareera. Balaaleffachuurra darbeeyyu isa ajjeefameen „goota haarsaa ta'e" jechuun ibsiteetti.

Iraaniifi Ameerikaa maaltu Iraaq keessatti walitti buuse?

Iraan michuu mootummaa Iraaq kan Musliima warra Shi'aa ta'eedha. Kanarra darbiteellee Iraan humna waraanaa Iraaq kan akka garaatti sochoostu isheedha jechuun ni hamatamti.

Ameerikaan ammoo loltoota 5000 ta'an Iraaq keessaa qabdi. Kaayyoon isaa guddaan IS tiin dhabamsiisuufi humna waraanaa Iraaq deggeruudhaaf.

Humnoonni biyya alaa kun faayidaa Iraaq keessatti qaban eegsifachuudhaaf jecha wal dhiibbuu kan jalqaban bubbuleera.

Amma gaaffiin guddaan, erga Solemaaniin ajjeefamee booda Ameerikaan faayidaa ishee Iraaq keessaa qabdu eegsifachuu dandeessiidha.

Dhimma kanarratti manni maree bakka bu'oota ummataa Iraaq kora taa'een akka murteessetti humnoonni biyya alaa akka biyya ishee keessaa bahan murtee dabarsiteetti,

Pirezedaant Tiraamp ammoo murtee Iraaq kana waan hin yaadamnedha jedhaniiru.

Murteen Iraaq kun kan hojiitti hiikamu yoo ta'e qoqqobbii baayyee hamaa isheen jalaa hin kaane irran kaa'a jechuun dhaadatan.