Iraan doonii waraanaa kan Ameerikaa fakkeessitee ijaarte misaa'elaan haleelte

Doonii waraanaa fakkeeffamte wayita itti marsanii haleelan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa fakkeeffamte wayita itti marsanii haleelan

Iraan hulaa Hormuuz irratti shaakallii waraanaa gaggeesiteen doonii waraanaa guddaa xiyyaarota ofirra qubachiisu kan Ameerikaan fakkeessitee tolchite misaa'elaan haleelte.

Shaakala meeshaaleen waraanaa gurguddaan irratti dhukafaman kana hordofee waraanni US buufatalee waraanaa dhiyeenya sanitti argaman lama akka of eegan ajajamaniiru.

Humni galaanarraa US shaakallii kana ''gaafatamni kan itti hin dhagaahamneefi amala dhibaawummaa balaa qabu dhaa'' jechuun kan balaaleffate yoo ta'u kaayyoon isaa ''sodaachisuufi humnaan amansiisuudhas'' jedheera.

Naannoo Galfiitti Tehraaniifi Waashingitan gidduutti muddamne wayita jabaatetti shaakalliin waraanaa Iraan kun gaggeefamuun dhimmichaaf xiyyeeffannoon akka kennamu godheera.

Haleellaa Misaa'elaa galaanarraa itti dhukaafame

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Misaa'elaa galaanarraa itti dhukaafame

Shaakalliin moggaasni Nabiyyicha Mohaammad 14ffaa jedhamu kennameef kana miidiyaan biyyaalessaa Iraan kallattiin tamsaaseera.

Dooniin waraanaa kan Ameerikaan nannichaa qabduun fakkeeffamte xiyyaarota waraanaa biyyattiin fakkaeefaman ofirraa qabdi. San booda kallatiiwwan garaagaraa irraa misaayeelli itti dhukaafamaa turan.

Doonii waraanaa kan Ameerikaa fakkeeffamterratti loltoonni Iraan helikooptarii irraa yoo utaalanii bu'an

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraanaa kan Ameerikaa fakkeeffamterratti loltoonni Iraan helikooptarii irraa yoo utaalanii bu'an

Dhukaasni kan biroon ammoo Hilikooptara irraa akka dhukaafamu godhamaa ture.

''Wanti shaakala kanaan agarsiifame sadarkaa aerospace fi humna galaanaan haleellaa raawwachuudha'' jedhan ajajaan 'Revolutionary Guard' biiyyatti M/J Hooseen Salaamii miidiyaa biyyaalessaarratti yoo dubbatan.

Haleellaa Misaa'elaa dacheerraa itti dhukaafame

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Misaa'elaa dacheerraa itti dhukaafame

Humni waraanaa US missaayeloonni baalaastikii dhukaafamaa akka turan hubachuudhaan humni waraanaa isaanii UAE fi Kataar jiru of qopheesse akka turu akeekkachiifameera.

Dubbii himtuun humna galaanaarraa US gartuu shanaffaa kan Bahireen jiruu kan taate Rebeekaa Rebaarich ''humni galaanarraa US nageenyummaa qaamman galaanaa mirkaneessuuf michoota waliin shaakallii balaa qolachuurratti hundaa'e gaggeessa, kan Iraan garuu haleellaa geessisuurratti xiyyeefatee'' jedhan.